Tuesday 11 November 2014

Wallaggaa, Mana Hidhaa Gimbii Keessatti Dargaggoonni Oromoo 142 Hidhamanii Jiran Keessaa Namoota 27 Irratti Yakki Guddaan Raawatamuu Qeerroon Gabaase

Gabaasa Qeerroo Sadaasa 8, 2014 – Magaala Gimbii
Odeessa maatii hidhamtootaa fi gabaasa Qeerroo irraa qindaa’ee har’a nu qaqqabe yeroodhaa yerootti akkuma gabaasaan dhiyaataa ture baatii Ebla 2014 keessa FDG dargaggoota Oromoon ka’een wal qabatee lubbuu barattootaa fi qonnaan bultoota Oromoo hedduutu bade, barataan danuun madaa’ee kumaatamaan kan lakkaawaman ammoo yeroo ammaa mana hidhaa keessatti dararamaa kan jiru waan hubatamaadha. Haata’u malee mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti guyyaa fincilli kun eegalee kaasee uummata oromoo sabboonummaa qaban tika isaan qabsiisee mana hidhaatti darbee yakka tokko malee dararamaa jiru, ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti dararaman lakkaawuun kan nama rakkisu yoo tahe iyyuu gabaasa Qeerroo magaalaa Gimbii irraa nu qaqqabee fi akkasuma gabaasa maatii hidhamtoota keessaa magaalaa baqa mootummaa wayyaaneef magaalaa Finfinnee keessa jiraatan irraa nu gaheen diddaa lixa Oromiyaa lixaa irratti mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuudhaan falmii dhageessisaa turan yeroo ammaa mana hidhaa keessatti dararamaa jiru.
Caamsaa 10/2014 godina Wallagga aanaa Haaruu magaalaa Jiituu keessatti diddaan qabatee ture humna mootummaa wayyaanee tahanii uummata miidhuuf kan ka’an irratti uummanni Oromoo magaalaa kanaa tarkaanfii fudhachaa tureen akkasuma humna waraana wayyanee dura dhaabbatanii gootummaadhaan mirga isaanii falmachuu irratti argamanii kan turan, ilaalcha ergamaa ABO fi dhaaba ABOf warra hojjetana jedhamee maatiidhaan mana hidhaa keessatti hanga ammaa dararriin irratti gaggeffamaa jiru,Caamsaa gaafa 12/2014 tikoota Wayyaaneen qabamanii baatii tokkoof waajjira poolisii aanaa Haaruu magaalaa Jiituu kan turan, baatii tokkoon booda gara mana hidhaa godinaatti darbuun mana hidhaa magaalaa Gimbii keessatti hanga ammaa dararamaa jiran namoota 142 keessaa haalaan kanneen miidhaman Oromoota 27 kan armaa gaditi:-
1. Yesuufee Kadir,
2. Derejjee Badhaasaa
3. Chuuchuu Kabbadaa
4. Giiboo Kabbaadaa
5. Eliyaas Kabbadhaa
6. Balaay Kabbadaa
7. Mulugeetaa Kabbadaa
8. Koorsaa Tarrafaa
9. Olaanaa Tafarraa
10. Bennesaa Waajjiraa
11. Waaggaarii Tafarraa
12. Eleiyaas Fiqaaduu
13. Fiqaaduu Kabbadaa
14. Takilee Kabbadaa
15. Qannoo Dabalaa
16. Dubbaallee Bantii
17. Duulaa Tashoomee
18. Kinfuu Asfawuu
19. Haayiluu Tarfaasaa
20. Jiraataa Saaqqataa
21. Gammadaa Olaanaa
22. Ayyaanaa Taammiruu
23. Addisuu Tashoomee
24. Sanbatoo Tashoomee
25. Qaasimee Mohaammad
26. Maabiraate Derejjee
27. Dassaaleny Haayiluu
Namootni kun akkuma olitti ibsuuf yaalle mana hidhaa lixa Oromiyaa magaalaa Gimbii keessatti hidhamanii kan jiran tahuun beekama.
Qeerroo2014_2014_2
Qeerroo2014_2014_3

No comments:

Post a Comment