Saturday 22 November 2014

Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa

QeerrooOromoNov202014
Sadaasa 18, 2014 irraa kaasee mooraa yuuniversitii saayinsii fi teknolooji Adaamaa keessatti mariin dhimma bulchiinsa, dhimma amantaa fi mirgi amantaa eegamuu dhabuu irratti dubbatamaa ture, kana irrattis gaaffiin adda addaa ka’uu isaa fi bulchiinsi mana universitichaas deebii itti fakkaate kunnuun insame.
Mariin kun kan hammate miseesmota mana amntii kiristaanaa Orthodoksii lakkoofsaan 700 ta;anii fi Musiliimota gara 1500 ta’anii wajjin ture. Marii kana irratti kan hubatame dhimma amantii isaanii fi bulchiinsa universitichaan kan walqabate yeroo ta’u bulchaan mooraa yuuniversitii Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaadhaa hordoftoota amantaa Musiliimaan mooraa keessatti akka hin saganne beeksisa baasuudhaan dhorkee jira. mooraa kana keessatti eenyuyyuu akka hin sagannee fi shariyaa godhachuun akka hin danda’amne dubbachuu isaa fi warreen amantaa Orthodoksii gaggeessan ammoo huccuu adii haphii of irra buusanii mooraa keessa adeemoon dhorkaadha jechuun akeekkachiiseera. Kanaafuu mooraa kanaa alatti namni kamuu dhimma amantii isaa alatti akka barbaadetti gaggeeffachuu ni danda’a garuu seerri mooraa kun baaseef bitamuun dirqiidha jedheera.
Dhimmootuma kana irratti Sadaasa 18 irraa eegalee hanga Sadaasa 20, 2014tti barattoota kanaan kan gaggeeffamaa ture yeroo ta’u gaaffiiwwan hedduun barattoota irraa ka’ee deebii quufsaa hin argatin hafee gara mirga ofii kabachiisuutti tarkaanfachaa deemuun ibsamee jiraa. Mirgi amantii nuuf haa eegamu jechuudhaan gaaffii isaan kaasaniif osoo deebii hin laatin guyyaa biraatti beellamni biraan akka kennamu ta’eera.
Kun osoo kanaan jiruu barattootni 4, dhiira lamaa fi durba lama sagadaaf/salaataaf sirnuma salaataa amantii isaanii kabajuun akka masjiida seenaniin halkan keessaa sa’a 10:00tti poolisootaan qabamnii waajjira poolisa magaalaa Admaa eega bulfamanii booda barattoonni kun sochii amantii isaanii kana mooraa keessatti gaggeessffachuu akka dhaaban gorsaa akka kennaniif garuu akeekkachiifamuun booda ganama isaa gadi lakkifamaniiru. Osoo mariin kun hin dhumin wanni kun raawwachuun isaa ammoo mootummaan amantii uummataaf kabaja akka hin qabe kan mirkaneessu yeroo ta’u, maaliif akka isaan hidhaman, amantaadhaan yakkamuun maaliif dhufee irratti gaaffi cimsanii kan gaafachaa turan yoo tahu, kanumaan wal qabsiisee deebiin bulchiinsa mooraa kanaa irraa barattoota kanaaf kenname gahaa kan hin taanee fi yeroo biraatti darbee rarraee kan hafeedha.
Sadaasa 19 guyyaa guutuu presedaanti moorichaan mariin adeemsifamaa kan turee yeroo ta’u, dimshaashumatti akka mooraa yuuniversitii saayinsii fi teknoloojii adaamaatti mirgi amantaa bade kan jiru, mooraa keessatti akka hin hojjenne, dhuunfattis mirgi amantii mulqamee kan jiru tahuu kan hubatameedha.
Gaaffiwwan barattootanka’an keessaa:
1. Gaaffii yeroo darbe leenjii kennamaa ture irratti kaasneef deebiin hin kennamne, irratti walii hin galin hafne, mirgi amantii akka eegamu yeroo sanas kaasnee jirra, akka biyyattiitti kun maaliif hin eegamu, gaaffiin keenyas maaliif hin deebi’uu?
2. Barattooti mooraa kana dhimma tokko malee ilaalcha amantaanis tahe dhimma eemyummaatiin qabamanii bakka buuteen isaanii dhabameef itti gaafatamummaa jalaa hin baatani,
3. Mooraa yuuniversitii kan biroo keessatti seerrii fi heerri hin hojjenne akkamiin mooraa yuuniversitii saayinsii fi teknoloojii Adaamaa keessatti hojjetaa?
4. Nuti barattootni yuuniversitiin mana keenyaadha, kan itti gallee jiraannu, nuti hordoftootni amantaa Ordoksii maaliif akka amantaan keenya nu abboomutti hin deddeebinum, maaliif nu dhorkitu? Maaliif mirgi amantaa keenyaa nuuf hin eegamuu?
5. Secularism amantii hin taane nu gochuudhamoo ykns biyya Awurooppattis hin uumamne amantii Musiilmaa?(Gaaffi amantii hordoftoota amantaa musiliimaa irraa ka’e) kan jedhu yeroo ta’u;
Deebii Bulchitoota Irraa Kenname ammoo:
1. Seerrii fi heerri bu’uurri isaa seera mootummaa fi ministeera barnootaa irraa kan maddeedha.
2. Yuuniversitiileen kan biroon secularism kan kabajan bara darbe keessa 2006 dha. Yuuniversitiin saayinsii fi teknolooji Adaamaa ammoo moorawwan kana irraa adda tahuu hin qabu. Kanaaf nutis sadaasa 18 irraa kaasnee gara raawwiitti galleerra.
3. Jaallattanis jibbitanis seeraa fi heera kabajjanii akka barataa tokkootti seeraaf bitamtanii darbuun dirqama ta’uun ibsame.
Kanumaan kan wal qabate deebiin bulchaa mooraa yuuniversitii Adaamaa irraa kenname gaaffii barattootaa waliin faallaa kan tahe, kan deebii haqaa gaafii isaanii waliin wal qabate waan hin taaneef barattootni marii kana irratti Sadaasa 20/2014 gungummii fi iyyaan marii taasifamaa ture dhaamsaa fi dirqama isaanii fudhachuu diduudhaan jeequmsaan kan xumuraniidha. Dhimma amantaan wal qabsiisee mirgi amantaan mooraa kana keessatti molqamuun isaa fincila kaasuutti waan geessaa jiruudh. Dirqamaan seera keenya jalatti bitamtu kan jedhus barattoota walii galatti waan mufachiiseef barumsa dhaabuudhaan hanga gaaffii keenyaa fI mirgi abbaa biyyummaa duraan seeraan gaafachaa turre deebii argatutti barumsas hin hirmaannu jedhanii barattootni mooraa keesatti marii gaggeessaa akka jiran gabaasni Qeerroo Bilisiummaa mooraa Saayinsii fi Teknoloojii Adaamaa irraa nu gahe addeessa.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!

No comments:

Post a Comment