BitoSBOLogoAnimationotessa 30, 2015
Mootummaan wayyaanee sochii diddaa gabrummaa ummanni Oromoo gaggeessaa jiru keessumaa ammoo FDG qeerroo-barattoota Oromootiin adeemsifamaa jiruu fi QBO daran finiinaa jiruun dhiphuu keessa seenuurraa kittillayyoota isaa olii-gadi ari’aa jira. Qondaalota dhaaba jalee isaa tahe OPDO ergama itti laachuun akka sababa garaagaraa golgaa taasifatanii ololuu fi shiruun kufaatii sirna isaa oolchaniif dhiitee-bariitee ayyaana, walgahii, konfaransii fi kkf kan jedhuun dhamaasaa jira. Karaa tokkoon rakkoo jalee isaa OPDO keessatti hammaataa jiru susuphuudhaan ummata Oromoo dhaaba gammoojjii Tigiraayi Daddabiititti bixxillate kanaan qabachuuf fiigaa, karaa kaaniin ammoo filannoo baanuuf deeggarsa ummataa argatee golgaa dimokraasiin aangoorra bubbuluuf lafa jalaan hojjechaa jira. Hawwiin isaa kun akka inni karoorfatetti milkaahaafii baatullee.
Ummata Oromoo diina innikkaa taasifatee duula irratti banuudhaan yakka hiriyaa hin qabnee fi seenaan hin irraanfanne irratti dalagaa kan jiru gartuun wayyaanee, karaa kaaniin ammoo ummatuma kana dhaaba jalee dantaa isaaf ijaarrateen of cinaa dhaabuuf duula bifa hedduu irratti gaggeessaa har’a gahe. Miseensonni dhaaba jalee sirnichaa OPDO, sabboonoo tahan shiraa fi hammeenya isaatti dammaquun qabsoo ummata Oromootti makamaa jiran guyyuu dabalaa deemuun ammoo mootummaa wayyaanee ittuu baaragsaa jira. Raafama OPDO mudate kana dhoksuuf, dandahamuufis irra aanuudhaan ergamtummaa itti fufsiisuun Ummata Oromootti bobbaafachuun duulli maqaa ayyaana DH.D.U.O. fi Diyaaspooraatiin akkasumas filannoo baanamuun qabsiisee gaggeessaa jira. Dhaabni maxxanneen gartuun TPLF/EPRDF ummata Oromoo ittiin qabachuuf ijaarrate OPDOn, hundeeffama koo waggaa 25ffaan kabajadha jechuun fiigichi itti jiru ergama gooftolii isaarraa itti laatame galiin gahuu kan akeekkatee dha.
Kabaja hundeeffama OPDO bakkoota adda addaatti raawwatame kanarrattis ummanni dirqamaan bahee akka OPDO fi sirna TPLF faarsuuf ajajamus ummatni diddaa jabaa agarsiisaa jira. Ayyaana kanaan qabatee ololli oofuuf saganteeffate diddaa ummataa dhalchaa jiraachuutti kan yaadda’e wayyaaneen, miseensotuma OPDO irraayyuu amantaa dhabuudhaan warreen KHR gartuu EPRDF fi dhaabbilee/PDOOLEE EPRDF hundeessan akkasumas deeggartoota dhaabbilee kanneenii walitti sassaabuun akka ummata ayyaanaaf bahee fakkeessuun hirmaachisuuf dirqameera. Kunis bakka hedduutti mul’ateera.
Ummanni Oromoo “Dhaabni ergamtuu diinaa tahe, OPDOn, Oromoodhaaf bu’aan buuse hin jiru, dantaa gabroomsaa guutuuf waan dhaabbateef siichillee bu’aan buusu homaatuu hin jiraatu.” jechuudhaan ayyaana hundeeffama OPDO irratti hirmaachuuf fedhii akka hin qabne iddoo hedduutti ibsuun dabballoota wayyanee qaanessseera; qaanessaas jira. Kanneen argaman muraasni ammoo dirqamaan ykn sababoota gara garaan ta’uun falamsiisaa miti. Malee jaalalaa fi kabajaan miti. Ummata sossobbii fi ololaan daguun akkasumas doorsisaan ayyaana isaa irratti baasuu akeekkatee kan qaanii haguuggate OPDOn shira biraa qopheeffateera.
Inni tokko bakka ayyaanni OPDO kabajamutti guyyuma sanatti tajaajiloota hawaasaa fi piroojektiilee adda addaa dur hojjetaman eebbisiisuu fi daawwachiisuu kan jedhuu dha. Bakkoota gariitti akkuma ayyaana kanarratti ittiin ololachuuf mijatuufiif jecha odoo hin xumuramin kan eebbaaf dhiyaatanis mul’ataniiru. Kanaafis eebba Galma Aadaa fi Seenaa Oromoo magaalaa Finfineetti ijaarameen qabatee olola lukkeen diinaa kun karaa miidiyaatiin hafarsaa bahe akka fakkeenyaatti kaasuutu dandahama. Kun ammoo ammayyuu hin dhaabbanne. Bakkoota akka Jimmaa, Amboo, Naqamtee fi iddoowwan birootti ammoo tajaajila hawaasaa golgaa taasifatuun ololuuf yaalan.
Miseensonni Koree gidduu dhaaba jalee wayyaane tahe kanaa waltajjiilee shiraaf qindeeffaman kanneen irratti argamuudhaan ummata wayyaanee cinaa hiriirsuuf wayta lallaban dhagahaman.
Dhimmi ayyaana OPDO kanaan walqabatee mul’ate biraan ammoo warreen iddoo ayyaanichi itti gaggeeffametti waltajjiilee dhuunfatan miseensotaa fi deegartoota dhaabota EPRDF (kan Tigree fi Amaaraa) sadanii tahuu isaanii ti. Warreen kun T-shirt maqaa OPDOtiin maxxanfame uffatanii ayyaanaaf bahuun akka waan OPDOn deeggarsa ummataa qabuu fakkeessuuf wayta dabballoonni OPDO fi qondaalonni TPLF haasaa taasisan harka rukutuu fi dhaadannoolee sirnicha leellisan dhageessisuu/hafarsuu akkasumas yaada laachudhaan miidiyaadhaan ololaniiru. Kana malees konkolaattota magaalaa Finfinnee keessaa ummata deddeebisan irrattis alaabaa OPDO maxxansuu fi fannisuudhaan akkasumas mallattoo Kanniisaa kaahuudhaan ummanni akka OPDO faarsuu fi wayyaanee filatuuf hojjetaa jiru. Jaleen wayyaanee hundeeffama isaa waggaa 25ffaa kabajuudhaan dahatee olola oofuu fi afanfajjii uumuun daddaaqama keessa isaa dhoksee ummata Oromoo of cinaa dhaabuuf, filannoorratti deggarsa argachuuf ji’ootaan durarraa kaasee duula gaggeessaa bahus dhumni isaa diddaa ummataa bakka bakkatti dhalchuu fi salphina uwwifamuu ta’aa jira.
Mootummaan wayyaanee yaaliin golgaa ayyaana OPDOtiin ummata Oromoo sobuuf taasise akka milkii argamsiisaafii hin jirre wayta hubatu olola filannootti fuula deeffatuun isa biraa ti.
Sirni abbaa irree filannoo fakkeessii waggoota 5 dura gaggeesserratti hidha laga Abbayyaa jedhu dabalatee ummataaf waa hedduu waadaa seenus kan dhugoomse tokkollee hin mul’anne. Keessumaa ammoo ummata Oromoo caalaattuu diinomfatee itti duuluun ajjeesuu, hidhuu, qayeerraa arihuu, saamuu fi hiraara adda addaaf affeeraa har’a gahe. Ummanni waadaa kijibaa bara-baraan hin dhugoomne kana nuffe, shira isaatti dammaquudhaan wayta deeggarsa waakkataa deemu ammoo Piroojektiilee xixiqqoo fi guguddoo gariii irratti xiyyeeffatuudhaan ni eebbifamu kan jedhuun dahatee ummata walitti qabee dabballoota OPDO amanamoo isaa tahan itti bobbaasuuf olola ooffachuuf saganteeffate.
Dabballoonni OPDO waajjira KG keessatti dalagaalee OPDO raawwatan ajaja kallattiin TPLF irraa itti kennamu raawwachuuf fiigaa ooluurraa hojiin OPDO laamsha’aa jiraachuu keessa beektonni ni addeessu. Miseensonni isaa sabboonoo tahan sochii diddaa garbummaa ummanni Oromoo gaggeessaa jirutti makamaa dhufuutti dabalee hojiin waajjira KG laamsha’uun OPDOtti qormaata dabalataa tahaa fi daranuu jeeqaa jira. Kunis maxxanneen wayyaanee kun caasaalee isaa akka barbaaddutti tohachuu dadhabuu fi miseensonni akka walshakkan taasisaa jiraachuutu gabaafamaara. Haalli kunis Poolisoota Oromiyaa dabalatee bakkoota hedduutti ifatti mul’ataara.
Gaaffii mirgaa ummanni gaafatuuf deebisaa sirnaa laachuurra lukkeelee bobbaafatee shira xaxuu fi tarkaanfii ukkaamsaatiin aangoorra bubbuluu aadaa kan taasifate wayyaaneen, kasaaraa dhaaba ergamtuu isaa OPDO mudate kanaaf fala kan jedhuun dabballoota isaatti hojii dabalataa laatee jira. Maqaa Tuutaa fi Liigiitiin walgahiidhaan akka ummata dhamaasaniif dirqama itti laatee jira. Kanaafis Liigii dubartootaa, dargaggootaa, qotee bultoota badhaasuu, Artiistota, Abbootii seeraa, IMX fi kanneen birootis golgaa taasifatuudhaan akeeka isaa kan Ummata Oromoo gabrummaa jala bubbulchuu milkeessuuf ergamtoota isaa fiigsaa jira.
Mootummaan wayyaanee maqaa leenjii, walgahii fi qophiilee adda addaatiin ummata walitti qabuun kan ololaa jiruuf filannoodhaaf duula na filadhaa gaggeessuuf tahuu ummanni waan hubateef, dabballoota isaa gaaffiin muddaa jira. “Kan kaleessa walgahii fi leenjiif nu hin yaamne wayta ammaa kanatti maaltu isin dirqisiisnaan walitti nu qabdan? jechuudhaan diddaa agarsiisaa jira. Dabballoonni OPDO akka ummatatti ololaniif bobbaafaman gaaffilee fi diddaa ummatarraa mudataa jiruun dhama’anii waan deebisan wallaaluun akka sirnichi yaadetti ummata of cinaa dhaabuu dadhabuurraa inumaayyuu walshakkuu fi wal jeequun hammaachuurraa gamaaggamaan mataa waldhukkubsuutti deebi’aniiru.
Kanas caasaa caasaa fi waajjiraalee isaaniitiin akka walgamaaggaman ajaja gooftaa isaanii TPLF irraa itti dabreen amanamummaa mirkaneeffachuuf wal nyaachaa jiru. Ololli golgaa ayyaanaa fi walgahii akkasumas liigii kan jedhuun qabatanii miidiyaa irratti hafarsuudhaaf qopheeffatanis hoonga’aa jiraachuun rakkoo caaluuf isaan saaxilaara.
Walumaagalatti egaa diinni ummata Oromoo mootummaan wayyaanees tahu jaleen sirnichi ummata Oromoo keessa bobbaafatuudhaan ittiin qabachuuf yaalaa jiru OPDOn, keessi isaanii bututaa fi raafamaa, shirri xaxaa jiranis saaxilamaa fi ummataan dura dhaabbatamaa dhufuun qabsoon haqaa akka irra aanu namatti agarsiisa. Miseensonni OPDO sabboonoon har’aan tana eenyummaa wayyaanee isa dhugaa hubachuun meeshaa taanee fedhii bilisummaa ummata keenyaa danquurra, lammii keenya haqa isaaf falmatu ajjeesisuu, hiisisuu fi saamsisuuf qooda gumaachinee diina gammachiisuurra bifuma dandeenyeen biyyaa fi saba keenyaaf gumaachina jechuun sochii QBO fi FDG cinaa dhaabbataa jiran dabalaa fi bal’ataa jira.
Kanneen murtii kanarra hin geenyes har’aa-boru wayyaaneen akka qodaa cabdee nutti fayyadamtee nu darbiti, yakka keenyaaf sabboontotaan adabbiin nurra gahinnaa yaaddoo jedhuun dhiphachaa akka jiranii dha keessa beektonni kan gabaasan. Namoota akkasiitiif dhaamsi dabarsinu dhaabbadhaatii sirriitti of ilaalaa; tarkaanfii gootummaa fudhachuudhaan qabsoo bilisummaa saba keessanii cinaa dhaabbadhaatii lubbuu dabartuun seenaa hin dabarre dalagaa. Lammii keessan yoom iyyuu irkoo fi gaachana isiniif tahuuf birmadhaatii diinaaf ergamuu lagadhaatii dirqma lammummaa keessan bahadhaa kan jedhuu dha.
Inifannoo Ummata Oromoof!
Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)