Wednesday 19 November 2014

Oromoonni 160 Mana Hidhaa Shaggar Lixaa, Amboo Keessa Jiran Gaaffii Mirgaa Kaasuu Irraan, Hojii Humnaa Hojjechuu fi Nyaataan Akka Miidhan Taasifame; Nama 10n Irrattis Reebichi Hamaan Raawwatame

BecauseIAmOromoQeerroo
Odeessa Qeerroo Shaggar Lixaa, Amboo Sadaasa 18, 2014
Oromoonni gaaffiilee mirga Oromoo utubu gaafattan sababa jedhuun Oromumaan yakkaman 160 mana hidhaa Shaggar lixaa magaalaa Ambootti hidhamani jiran guyyaa gaafa Sadaasa 16 fi 17, 2014 gochaa mootummaan Wayyaanee hidhamtoota Oromoo irratti raawwatu balaaleffachuu dhaan mana hidhaa jiran keessatti fincila jabaa ta’e kaasuun jeeqamsi loltootaa fi hidhamtoota jidduutti ka’e salphaa hin turre. Haala kanaan Oromoota 10 sababaa fincila kana duuba jirtu jedhuun reebichi akkaanii irratti raawatamee miidhaan guddaa irra gahee jiraachuu Qeerroon Amboo irraa gabaasa. Oromoonni loltoota Wayyaaneen akkaan reebaman kun miidhaan jabaa waan irra gaheef haala yaaddessaa keessa jiraachuun gabaafama.
Akka gabaasaa Qeerroo itti ilmaan Oromoo mana hidhaa magaalaa Amboo keessatti hidhamani jiran kan dhiyoo hidhamani jiranis tahe kan yeroo hedduu mana hidhaa kana keessa turan ji’oota muraasaa asitti mootummaan Wayyaanee hojii humnaa guyyaa guyyaa hojjechiisuudhaan, itti dabaluudhaan ammoo nyaata sirna qabeessaan akka hin arganneef irraa kutuudhaan miidhaa gurguddaa irraan gahaa ture, haalli hidhamtoota kanatti cimaa dhufuudhaan guyyoota lamaan kana hidhamootni 160 ol tahan fincila mana hidhaa keessatti kaasan.

No comments:

Post a Comment