Monday 24 November 2014

Guyyaan Yaadannoo FDG Melbourne, Australia keessatti sirna ho’aan kabajame

Guyyaan yaadannoo FDG naannoo Australia, magaalaa Melbourne keessatti bakka Hoogganootni ABO, miseensonnii fi hawaasti Oromoo hedduminaan irratti argamanitti guyyaa Sadaasa 23, 2014 sirna ho’aan kabajamee ooleera. Qindoomina ABO Konyaa Victoriatin sagantaa qophaa’e kun kan eegalame eebba maanguddoo, wareegamtoota yaadachuu fi faaruu alaabaan yeroo ta’u wareegamtoota walii galatti fincila Oromoo keessatti wareegama kaffalan ittiin yaadachuu fi muldhata ifa fuulduree QBO akeeku dungoon dhaloota haaraan qabsiifamee jira.
FDG_Melbourne2014_2
Haalaa fi sababa kabaja ayyaana guyyaa kanaa ibsuun sagantaan ayyaanichaa dura taa’aa ABO konyaa Victoria J/ Abdataa Homaatin eega banamee booda uummata ayyaana kana irratti argaman baga nagaan dhuftan jedhiiru.
Sadaasa 09, 2005 labsii fi waamicha ABO uumata Oromoof godheef owwaachuun fincila barattoonni, dargaggoonnii fi uummanni Oromoo gaggeessen bu’aa argame daran jabeessuu fi miidhaa mootummaan Wayyaanee irraan geessise yaadataa as ga’uu, har’a yeroo 9ffaaf biyya keessaa fi alatti uummata Oromoo biratti kabajamaa akka jiru kan hubaachiisan ammoo hooggana ABO kan ta’an J/ Gaashuu Lammeessaa miseensa GS fi Birkii Beeksisii fi Odeessii biyya Alaa ABO turani.
FDG_Melbourne2014_3
J/ Gaashuu Lammeessaa Oromoon sirna garboomsataa mootummoota Itiyophiyaa dhufaa darbanii irratti fincila gaggeessaa as ga’uu yaadachuun addatti ammoo fincila barattoonnii Oromoo fi uummanni keenya waamicha ABO 2005 dabarsee asitti mootummaa abbaa irree Wayyanee irratti gaggeessaa jiru gadi fageenyaan ibsa kennaniiru. Keessattuu heedummina barattootaa fi uummataa Oromoo FDG kanaan wal-qabatee tarkaanfii ajjeechaa baroota darban kana keessa mootummaa Wayyaaneen irratti raawwatame, addatti ammoo bara 2014 fincila barattootaa maqaa maaster plaanii magaalaa Finfinneen walqabtee gaggeeffamaa ture, godinaalee Oromiyaa hundaa keessaatti, hanga aanaaleetti gadi bu’uun gabaasa dhaqqabe irraatti hundaa’uun ibsa bal’aa kennaniiru. Dhimma gabasa kanaan walaqabatee odeeffannoo ragaan jiru bakka dhalootaa, haala maatii, sadarkaa barnootaa, umurii fi haala jireenya cuunfaa gabaasa kanaa fuula duratti hanga tokko mar-sariitii Qeerroo.org jedhu irratti ibsamuuf akka jiru hubachiisaniiru.
Kana malees yeroo ammaa mana hidhaa Wayyaanee kan beekamuu fi bakka hin beekamne keessatti hidhamanii dararaa daangaa hin qabne kan irratti raawwataa jiru, achi buuteen isaanii kan hin beekamnee fi biyyarraa ariiyataman hagana jechuun namadhiba jedhaniiru. Kun hundi ta’ee haalli har’a uummanni keenyaa fi barattooni Oromoo, addaatti Qeerroon biyya keessaa mootummaa Wayyaanee irratti fincila gaggeessu dabalaa fi jabaachaa dhufuu, Wayyaanee daran yaaddoo keessa galchuu hubachiisuun humna yeroo ammaa biyya keessaa socho’aa jiru kanaaf sagalee ta’uu fi waan nurraa eegamu maraan bira dhaabbachuun yeroon isaa amma jedhaniiru.
FDG_Melbourne2014_4
Kana malees haala adeemsa QBO yeroo ammaa fi sochii fincila biyya keessaan wal qabsiisanii ibsa kan kennan J/ Bultum Biyyoo I/A/HD ABO turani. J/ Bultum Biyyoo ibsa isaanii keessatti Qabsoo Oromoo bifa hedduun gaggeessuuf jecha qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi diplomaasii ABOn gaggeessu cinatti uummanni karaa nagaa Mootummaa abbaa irree irratti fincila gaggeessuun mirga isaa akka gaafatu labsuu fi hubachiisuun qabsicha daran fuula duratti akka tarkaanfatu godheera jedhaniiru.
FDG_Melbourne2014_5
Kun ammoo Oromoon har’a dhimma qabsoo abbaa biyyummaa fi mirga isaa irratti akka inni afaan tokkoon dubbatu gochuu irra darbee halagaan illee waa’ee uummata Oromoo irraa akka haasa’uu fi mirgi isaa dhiitamaa jiraachuu akka hubatu fi falmuuf taasiseera jedhaniiru.
Haaluma kanaan wal qabsiisuun yeroo ammaa ABO mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti araara fiduu fi tasgabbeessuuf tattaaffii gochaa jiru keessatti milkaa’ina araaraa QC ABO waliin godhame xuquun haasaan jaarmayaalee Oromoo hafan fi kaayyoo siyaasaa wal fakkaataa qaban, kaneen akka ULFO fi kanneen biroo wajjin dhimmi haasaa araaraa itti fufee kan jiru ta’uu ibsanii jiruu. Kanaafuu dararaa daangaa hin qabne yeroo ammaa Mootummaan abbaa irree Wayyaanee uummata keenya Oromoo irratti raawwachaa jiru hubatee Oromoon afaan tokko haasa’uun diina isaa dura dhaabbachuu qaba, bakkayyuutti keessaa fi alaan hojii diina laamshessuu irratti haa hojjennu jedhaniiru.
FDG_Melbourne2014_6
Ayyaana FDG magaalaa Melbourne, Australia irratti kabajame kana irratti do’ii gabaabduu ergaa seenaa darbe yaadaachiiftuu fi fuula duratti hanga QBO bakka ga’utti waan Oromoo irraa eegamu akeekun kan ergaa miidhagaa dabarsitu uummata ayyaana kana irratti argameef dhiiyaatee jira. Mata duree “Haadha Gaaddisaa” jedhuun do’ii dhiyaate kana irratti taatonni jechoota qalbii nama rasuu fi wareegama sabboonaa barataa tunversitii Finfinnee kan ture qabsaawaa Gaaddisaa fi maatii isaan kan wal qabate yeroo ta’u do’iin kun isa wareegame yaadachuu qofaa osoo hin taane faajjii isaanii ol kaafnee kaayyoo isaanii bakkaan ga’uu, maatii isaanii illee bakka isaan jiranitti dhala isaanii bakka bu’aa taanee dhaqqabuufii danda’uun dirqama seenaati kan jedhu ergaa mi’uuftuu kan of keessaa qabu ture.
Kana malees “Documentary” fincilaa manneen barnootaa, gootowwan FDG iirratti wareegamanii fi suuraaleen isaanii kan dhiyaatan yeroo ta’u walaloolon kan darbe yaadachiiftee isa fuula duraaf onnachiiftu J/ Kumalaa Addunyaan kan dhiyyaate yeroo ta’u caalbaasiin adda addaa fi gumaachi QBOf oolu hawaasa ayyaanicha irratti argamaniin arjoomameera. Xumara irrattis sirboota wallee warraaqsaa ta’an dhiyeessuun kabajni guyyaa sanaa milkiin xumurameera.
FDG_Melbourne2014_7
FDG_Melbourne2014_8
FDG_Melbourne2014_9
FDG_Melbourne2014_10

No comments:

Post a Comment