Tuesday 18 November 2014

Lixa Shaggar, Aanaa Midaa Qanyii Keessatti Diddaan Uumaraa Daran Jabaachuu Irraan Oromoonni Hidhamuu Qeerroon Gabaase

BecauseIAmOromoQeerroo
Qeerroo.org – Sadaasa 14/2014 Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyiitti FDG uummataa fi gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon qabsiifamee jabaatee itti fufe. Mootummaan garboonfattuu Wayyaanee sabboontota ilmaan Oromoo nagaa hidhee dararuu itti fufee jira.
Akkuma gabaasaa turree FDG uummataan simatamee Uummatni fi Qeerroon dargaggootni Oromoo wal ta’uun Aanaa Midaa Qanyiitti samichaa lafa albuudaan badhaatee wayyaaneen abbootii qabeenya ergamtoota isheetti gurgurachuun FDG haalaan qindaa’a ta’ee kaachisee jira . Abbaan Irree wayyaanee EPRDF/TPLF qawweetti amanu gaaffii uummatni karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyeeffachaa jiruuf deebii humna waraanaa itti bobbaasuun doorsisuu, hidhuu, ajjeessuu fi nannoo irraa arii’achuu irratti argama. Baadiyyaan Aanaa Midaa Qanyii illee humna poolisaa Federaalaan eegamaa jirti. Haaluma kanaan ilmaa Oromoo FDG narratti qindeessitan jechuun hidhamuun ibsame jira. Ilmaan Oromoo FGD qindeessitan jechuun hidhaman:
1. Barataa Gadaa (Getaachoo) Darajjee barataa Yuunibarsiitii Jimmaa irraa department Governance and Developmental Studies digirii jalqabaan kan eebbifame, barataan kun Yuunibarsiitii Jimmattis FDG goototni barattootni Oromoo qabsiisan keessa qooda qabda jechuun hidhamaa fi humnoota tikaa wayyaaneen doorsifamaa kan ture, boodarra of eeggannoo isa dhumaa koreen disciplineyuunibarsiticha itti kennuun kan eebbifame, yoo ta’uu, dargaggoon hojii dhabdee ta’ee kun maatii isaa bira utuu taa’aa jiru FDG qindeesitee nurratti uummata kakaasa jirta jechuun humna poolisaa lakkofsa hin qabne wayyaaneen Aanaa Midaa Qanyii irra qubsiifteen qabamee Wajjira Poolisii Aanaa Midaa Qanyii Magaalaa Baallammiitti hidhamee dararamaa jira.
2. Obboo Korree Raggaasaa ilma kee fiduu qabda jechuun manguddoo waggaa 67 olii ganda Diddiksaa Amuumaa irraa kan qabaman.
3. Barataa Tolasaa Tashoomaa barataa kutaa 10ffaa
4. Barataa Darajjee Araarsaa barataa Kutaa 10ffaa
5. Obboo Mokonnoon Mirkanaa daldalaa Magaalaa Baallammii, sabboonaa Oromoo uummata biratti jaalaalaa fi kabaja guddaa qabu, humni loltuu wayyaanee magaalaa Baallammii irra qubsiifamee jiruun FDG nurratti qindeessa jirta jechuun akka malee reebamee midhaan qaamaa guddaa kan irraa ga’ee yeroo amma mana yaalaatti argama.
Tarkaanfiin hammeenya garaa jabinaan uummata irratti fudhatama jiru, keessattuu gaaffii uummatni karaa nagaa Oromoo qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuun dhaabbachuu qaba jedhuu fi mirgi abbaa biyyuummaa keenyaa nuuf kabajamuu qaba jedhee uummatni gaafachaa jiruuf deebiin wayyaanotaa fi ergamtoota wayyaanee irraa, deebiin hidhaa, doorsisa, reebbichi uummataaf kennamaa jiru daran Aanaa Midaa Qanyii keessatti FDG jabeessuun fincillii diddaa garbummaa gara gara lolaatti fi dhiiga wal dangalaasuutti jijjirama jira, hidhattootni gandoota Aanaa Midaa qanyii keessatti argamanis walga’ii wayyaaneen walitti qabee namoota Oromummaan shakkaman irraa meeshaa hidhatanii jiran ni hiikattuu jechuun qajeelfama dabarsuus hidhattootni gandaa meeshaa of harkaa qabnu hin hiikkannuu jechuun deebii dheekkamsaa fi ariin guutame deebisuun ergamtoota wayyaanee rifaasisan.
Ammas goototni dargaggootni qeerroon barattootni Oromoo fi sabboontotni Uummatni Oromoo dhaamsa” Yaa Uummata Oromoo utuu hin durfamiin dursuu qabna, utuu qabeenyaan hin guuramiin dura dhaabbachuu qabna, erga qabeenyaan Guuramee dura dhaabbachuun lafa qullaa irratti boo’u ta’a; bakka hundaa harka wal qabatnee saamicha qabeenyaa lafaa fi albuudota Oromiyaa haa falmannu, FDG waliigatti gaggeeffamuuf jiru keessatti ilmaan Oromoo hundi qooda keenyaa fudhachuu qabna, kun dhimmaa eenyummaa fi Oromummaa ta’uu hin dagatiina, ilaalcha siyaasaan moggatti wal hin dhiibiinaa, Oromoon tokkicha wal malee hin qabnu halagaan nyaatee saamee nurraa galuuf fiigaa jira jechuun hoggansii sochii warraqsaa Qeerroon Magaalaa Baallamii irraa uummta Oromoo hundaaf dhaamsa dabarsee jira.

No comments:

Post a Comment