Sunday 1 March 2015

BREAKING NEWS | QEERROO: Bitootessa 1/2015 Goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Barsiisota Jimmaa, Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Jimmaa fi Dargaggootni Oromoo Magaalaa Jimma FDG Jabeessanii Itti Fufuu Muktar Kadirii fi Dammaqee Mokonni Of Irraa Arhian

Sochiin Qeerroo Itti Fufuun, Bitootessa 1, 2015 Gootonni Dargaggoonnii fi Barattooti Godina Jimmaa Diddaa Itti Fufan. Aangawoonni Wayyaanee Muktar Kadirii fi Dammaqee Mokonnin Diddaa Barattoota Oromoo Jimmaa Dhaamsuuf Bobba’an Qaaneffamanii Naannicha Irraa Baqatan!
QeerrooDiddaa2015.jpg
(Qeerroo) – Bitootessa 1/2015 Goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Barsiisota Jimmaa, Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Jimmaa fi dargaggootni Oromoo Magaalaa Jimma FDG jabeessanii itti fufuun ergamoota Wayyaanee Muktar Kadiri fi Dammaqee Mokonnoon angawoota Wayyaanee olaanoo dura dhaabachuun dhaadannoo dheekkamsaan guutame dhageesisuun, Angoowwaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Abbay Tsahayee yakkamaan akka Seeratti dhiyaatu gaafachuun FDG dhoosan.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sochii Warraaqsaa gootonni dargaggootni qeerroon barattoonni Oromoo magaalaa Jimmaa keessatti guyyaa shanii oliif wallee warraaqsaan qabsiisaniin soda fi yaaddoo guddaa keessa seenuun aangawoota sirna EPRDF/TPLF Dammaqee Mokonnooni fi Muktaar Kadiri jedhaman waraana waliin ilmaan Oromoo sodachisuu fi ficcisiisuuf bobbasee ture, gootonni ilmaan Oromoo Warraqsa egalan daran jabeessuun FDG dhoosuun dura dhaabbatan. Ergamaan Wayyaanee sochii warraaqsa dargaggoota barattoota Oromoo Moktaar Kadir dhabachuu dadhabuun baqatee kan sokke yoo ta’uu, ergamtichi Wayyaanee Dammaqee Mokonnoon jedhamu immoo bataluma FDG dhoofametti xiyyaraan baqatee magaalaa Jimmaa keessa ba’uun dhagaa’ame.
Goototni dargaggootni Qeerroo barattootni ilmaan Oromoo dhugaan qabsoo finiinsan sochii Warraaqsaa FDG guyyoota shanii oliif Wallee Warraaqsaan eegalan jabeessuun guyyaa har’aa stadium guddaa Magaalaa Jimmaa keessatti argamu keessatti bakka Waldorgommiin Ispoortii Oromiyaa inni dhumaa /xummuraa gaggeeffamaa jirutti walitti dhufuun FDG dhoosan, Dirreen Ispoortii gara dirree FDG fi falmii mirga abbaa Biyyummatti jijjirame.
Goototni daraggootni barattootni Oromoo lafa waraannii wayyaanee kumootan lakka’amu jiruu fi humnootni tikaa angawoota wayyaanee waliin hiriiranii jiranitti dhaadannoo armaan gadii dhageesisan:
1. Abbay Tsahayee seeratti dhiyaachuun yakka duguginsa sanyii uummata keenyarratti rawwacha jiruuf itti gaafatamuu qaba.
2. Abbay Tsahayee aangoo gadhiisuu qaba!
3. Abbummaan lafaa uummata keenyaaf haa mirkanaa’u!
4. Mirgi bilisummaa uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoof kabajamuu qaba!
5. Mirgi abbaa biyyummaa keenyaa nuuf haa mirkanaa’u!
6. Ofiin buluu qabna halagaan nu hin bulchu.
7. Mirgii dimookiraasii fi namummaa kabajamuu qaba.
8. Nuti dimookiraasii barbaanna!
9. Mirgi abbaa biyyuummaa, eenyummaa fi Oromummaa keenyaa nuuf kabajamuu qaba!
10. Biyya dimookiraasiin hin jirree keessatti filannoo dimookitawaa gaggeessuun hin danda’amu!
11. Filannoon sobaa fi fakkeessa dhaabbachuu qaba!
12. Muktaar kadir Oromoo bulchuu hin qabu! Uummata keenya arrabsiisaa fi tuffachiisa jira.
13. Master pilaaniin ‘Addis Ababa’ dhaabbachuu qaba!
14. Gaffii mirgaa waan gaafatneef mootumman hidhaa julmaa, ajjeechaa, fi hidhaa nurratti rawwate seeratti dhiyaachuu qaba!
15. Yakka Oromiyaa keessatti U/Oromoo irratti gaggeefamaa jiruuf Abbay Tsahayyee, Muktar Kadir, Dammaqee Mokonnoon, itti gaafatamuu qabu!
16. Hidhamtootni siyaasaa ilmaan Oromoo hundi halduree tokko malee hiikamuu qabu!
17. Nuti bilisummaa barbadna! Oromiyaan bilisoomuu qabdi, jechuun dhaadannoowwaan dheekkamsaan guutamee afaan ingiliffaa fi afaan Oromoon wal harkaa fudhuun dhageesisaan.
Wallee Warraaqsaan qabsoo bilisummaa Oromoo ABO ‘n durfamuu fi hogganoota qabasoo bilisummaa Oromoo faarsan. Sochii warraqsa FDG kanaan wal qabatee goototni barattootni dargaggootni barattootni Oromoo 10 olitti tilmaamaman humna waraana wayyaanee Muktar Kadirii fi dammaqee Mokonnoon eeguuf bobbafameen ukkanfaman, maqaa adda baasuun gabaasna. Poolisootni Oromiyaa fi dhalootaan Oromoo ta’an tarkaanfii diinummaa fudhachuu irraa of qusachuun uummataan jalatamaa fi kabajamaa jiraachuun hubatame. hoggantootni Sochii warraqsaas poolisoota ilmaan Oromoo tarkaanfii gara jabeenyaa fi diinummaa irraa of qusachuu poolisota Oromiyaatti hedduu isaan galateeffate, biyyi kun yoo bilisoomte isin illee walumaan bilisoomtu, uummata keessaniif dhaabbadha dhaamsa jedhus dabarseefi jira.
Goototni hayyoonni hagganoonni Sochii Warraqsaa FDG fi qabsoo bilisummaa Oromoo karaa nagaa warraqsa FDG biyya keessatti qabsiisuun qabsoo finiinsa jiran ammas irra deebi’uun uummata Oromoo hundaaf waamicha FDG gadi jabeessuun dabarsuu itti fufuun ” Yaa ilmaan Oromoo waanjoo gabrummaa baatnee taa’uu hin qabnu bakka jirruu hundaa quba walqabaachuun tokkummaan kaanee biyyaa keenyaaf, mirga uummata keenyaaf, Oromummaa keenyaaf, bilisummaa keenyaaf, lafa Oromoo saamamaa jiruuf, ilma Oromoo ajjeefamaa, hidhamaa jiruuf, barnootarraa arii’amaa jiruuf, eenyummaa keenyaaf yeroon gamtaan kaanee falmannu amma.

No comments:

Post a Comment