Tuesday 24 March 2015

Sochii Daraggoota Oromoo Tohachuuf Shira Mootummaan Wayyaanee Maree Konfaransii Dargaggoota Oromiyaa Marroo 9ffaa Jechuun Xaxe Ilaalchisee Gabaasa Qindaahe

SBOLogoAnimation(Sagalee Bilisummaa Oromoo – Bitootessa 23,2015)
Sochii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaaf ummanni Oromoo taasisaa jiruun muddama keessa kan seene mootummaan wayyaanee, warraaqsa diddaa gabrummaa kana dhaamsuuf lukkeelee bobbaafateen shira xaxaa fi karoora baasee fiigaa jira. Keessumaa ammoo kufaatii sirnichaa daran shaffisaa kan jiru Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) qeerroon barattoonni Oromoo finiinsaa jiran, murni TPLF akka dargaggoo fi shamarran (ka’imman) Oromoo gootummaan diina dura dhaabbatanii falmataa jiran irratti akka fuulleffatu dirqe. Kanaafis ragaa kan tahu sirni abbaa irree wayyaanee sochii qeerroo barattoota Oromoo tohannaa isaa jalaa bahaa jiru maqaa MAREE KONFARANSII   jedhuun walitti qabuun itti ololee of cinaa hiriirsuuf sagantaa baafatee jiraachuu ragaan bal’aan harka keenya gahe ni addeessa.
Maalummaa sagantaa maree baanamu kanaa fi akeeka wayyaaneen “Maree Konfaransii Dagaggoota Oromiyaa Marroo 9ffaa baanuun galiin gahuu akeekkate walumaagalattis icitii karoora wayyaaneen dargaggootaaf baaste kana duuba jiru qabiyyee sagantichaa ragaa harka keenya gaherraa tuttuquudhaan haa ilaallu.
Mootummaan wayyaanee-OPDO yaabbatee Oromiyaa bara-baraaf bituuf gulufuu akeekkate seensa dokumantii kanaarratti shoora dargaggoonni sirnoota dabran dhabamsiisuu keessatti gumaachan tuquun eegalee, sirna isaa jalatti gama hundaan bu’aa argachaa jiraachuu ibsa. Dubbiin asumarraa eegalti. Dhaamsa diinummaa keessa dabarfatuudhaaf afaan mimmi’eeffatanii dhiyaachuun kana. Dargaggoonnii fi barattoonni biyyattii addatti ilmaan Oromoo sochii Impaayera sana keessatti sirnoota dabran irratti gaggeeffaman keessatti qooda ol’aanaa qabaachuun dhugaa eenyu iyyuu haaluu hin dandeenye. Haa tahuu garuu sirnoonni gita bittoota Habashaa Impaayerattii wal duraa duubaan bitan hundi wareegama baafameen wayta kooraa aangoo qabatan dargaggoota diina duraa taasifatu.
Kanaafis kanuma bara bittaa wayyaanee/TPLF yoo akka fakkeenyaatti ilaalle dargaggeessii fi shamarran biyyattii daba mootummaadhaan raawwatamu arganii, kabajamuu mirga namummaa, dimokraasii fi bilisummaaf karaa nagaa gaaffii kaasan diinatti lakkaawamuun guyyaa saafaan rasaasaan haxaawamaniiru; jumlaan hidhamaniiru; barumsaa fi biyya irraa arihamaniiru; yakki kun ammas ittuma jira. Kanatu sirna aangoo irra jiruu fi ummata Oromoo addatti dargaggoota waldura dhaabaara.
Mee amma gara guutummaa qabiyyee Dokumantichaatti haa seennu.
Kaayyoon Waltajjii Maree Konfaransii Dargaggootaa guutuu Oromiyaa jedhamu kanaa “Dargaggoota Kaayyoo waliinii irratti sochoosuun haaromsa biyya keenyaa itti fufsiisuu keessatti gahee ol’aanaa akka taphatan taasisuu dha.” jedha.
Gaaffiin ijoon as irratti kahuu male, dargaggoonni Oromoo mirga Oromoo tiksuudhaaf sirna diina Oromoo tahe dura dhaabbatanii wareegama baasaa jiran kaayyoo maalii wayyaanee waliin qabaatanii ti kan waliin socho’uudhaaf saganteeffameef? isa jedhu dha.
Akka fedhii fi yaada murna TPLFtti dargaggoota Oromoo waltajjii ololaa kana irratti sossobuu fi dantaan gowwoomsuun tahuu, baannaanis doorsisuudhaan kaayyoo isaanii akka dhugoomsaniif OPDOtti dirqamni laatame. Kanas lukkeelee amanamoo bobbaasuun Impaayerattii haaromsuu fi galma/karoora bara dheeraa keewwatan galiin gahuuf hojjetu. Impaayera Itoophiyaa tortortee sirnicha waliin qarqara kufaatii jirtu deebisanii haaromsuu fi fedhii gabroomfataa kan umrii bittaa Oromoo irratti dheereffachuu galiin gahuudhaaf hojjechuun akeeka farreen diina Oromoo ti malee, fedhii fi hawwii qeerroo/barattoota Oromoo tahuu hin dandahu. Kanas sochii taasisaa jiraniin guyyuu diinatti agarsiisaa jiru.
Mata-dureen waltajjii siyaasni wayyaanee itti lallabamuuf qophaaye kanarratti dhiyaachuuf saganteeffame “Dargaggoota, Dimokraasii fi Bulchiinsa gaarii”kan jedhu tahuu ragaa jiru irraa hubachuun ni dandahama.
Akkuma seensa irratti akeekuuf yaalame, mootummaan wayyaanee qajeelfama dokumantii OPDOf laate kana keessatti jechuunis waltajjii dargaggoo-shamarran Oromoo hawwachuuf yaadee qopheessaa jiru kanarratti qooda isaan qabaniif iddoo fi kabaja kan laate fakkeessee ololuudhaan sirna isaa cinaa dhaabuuf abbalaara.
Sagantaa dargaggoota Oromoo hawwachuuf bahe kana keessatti wareegamni dargaggoonni Oromoo kafalan jijjiirama fiduuf tahuu eeree, “Nuti ni wareegamnaa kaaniif aduun haa baatu” jedhanii ti Qabsoo Dh.D.U.O/ADWUI kan milkeessan dargaggoota.” kan jedhuun kaahe. Hunda dura qabsoo dargaggoonni Oromoo taasisaa bahanii fi OPDO wanti walitti fidu iyyuu hin jiru. DH.D.U.On kan bixxillame dantaa TPLF tiksuuf Oromiyaan ala Tigraay gammoojjii Daddabiit keessatti booji’amtoota waraana Dargii irraa yoo tahu, dargaggoonni Oromoo ammoo haqa Oromoof jecha dachee isaanii Oromiyaa keessatti falmaatti jiru.
Inni biraan dargaggoon Oromoo kaleessas tahee har’a falmaa finiinsuun lubbuu takkittii wareegaa kan jiruuf “Wareegama kootiin sirnoonni abbootii irree fi gabroomfatoon akka Wayyaanee fi fakkaattonni isaanii dhabamanii aduun bilisummaa Ummata koof haa baatu.”amantaa fi ejjennoo jedhu qabaachuu irraayi. Murtii fi ejjennoon dhaloota Oromoo sun har’as hundee bal’ifatee fi jabeeffatee itti fufeetuma jiraachuu isaaf ragaan tokko mirga Ummata Oromoo kabajchiisuuf shiraa fi tarkaanfii hammeenyaa diinnanii fi lukkeelee akka OPDOf odoo hin jilbeeffanne, warraaqsi diddaa gabrummaa qeerroon-barattoonni Oromoo taasisan itti fufee jiraachuu dha. Mootumaan wayyaanee daraggoonni iddoo ol’aanaa akka qaban hubatamuudhaan abbaa sirnichaa taasifamuu illee dokumentii kanaan ibsuuf yaaleera.
Dargaggoon Oromoo sirna aangoo irra jiru TPLF/EPRDFn wanti argate karaa nagaa mirga gaafatuu irraa kabajaa namummaa illee waakkatamee fannifamee ajjeefamuu, rasaasaan reebamuu, hidhamee hiraaruu fi salphifamuu dha.
Biyya dargaggeessi qaama aangoorra jiruun sagaleen isaa ukkaamamee diinomfametti, biyya barataa-barsiisaan akkasuma ogeeyyiin sabboonummaa isaaniin yakkamanii araraafamuu fi lubbuu galaafatamu keessatti walgahiin dargaggootaaf qopheeffamuu fi karoorri baafamuuf akeeka maaliif akka tahe gamanumaa hubachuun rakkisaa miti.
Wayyaaneen kana malees dargaggoonni bilisa tahanii kaayyoo adda addaa jalatti gurmaahudhaan ilaalcha biyyoolessaa horatanii sirna inni diriirse akka cimsaniif imaammata baasuufiillee ibseera. Imaammanni isaa dhaloota ilaalchaa fi yaada dimokraatawaa qabu, beekumsaa fi ogummaan cimuudhaan gurmaa’ee fi lammii amala gaariin qarame uumamee arguudhaaf akka hojjetus ibsata. Qabxiilee lameen kanarraa wanti hubatamu yoo jiraate, mootummaan wayyaanee dargaggoo-shamarran Oromoo ilaalcha sirnichi tarkaanfachiisaa jiru dura dhaabbachuun bifa ijaarameen sochii diddaa gabrummaa taasisaa jiraachuurraa yaaddoon itti buluun isa tokko.
Gama kaaniin ammoo dhaloonni haaraan wayyaaneen arguuf/uumuuf tattaafattu dargaggoo beekumsaa fi ogummaa qabuun haqaaf dhaabbachuun lammiin abdatu odoo hin taane, isa dantaan jaamee akka bishaan gabateerraa garuma sirnichi oofee deemuun meeshaa tahu arguu dha. Kuni ammoo haala dargaggoo-barataan Oromoo wayta ammaa keessa jiruun guyyaan abjootuu dha.
Dhaloonni haaraan watajjiilee marii golgaa taasifatuudhaan qondaalonni wayyaanee fi amanamoon TPLF OPDO keeessaa filamanii itti ergamuudhaan itti lallabaniinis tahe doorsisa humna waraanaatiin daandii haqaa kan mirga ummata Oromoof falmuu irraa duubatti akka hin jenne diddaa finiinsaa jiraniin mul’isaaru. Hirmaannaa fi faayidaan dargaggoonni Oromoo mootummaa akka sabaatti ummata keenyatti duulaa jiru irraa eeganis hin jiraatu.
Sochiin warraaqsa diddaa gabrummaa daraggoonni Oromoo adda durummaan gaggeessaa jiran umrii bittaa sirna isaa gabaabsaa jiraachuu kan hubate murni abbaa irree TPLF/EPRDF, humna ho’aa fi abdii biyyaa tahe kana qabachuudhaaf PAAKEEJII GUDDINA DARGAGGOOTAA kan jedhuun karoora qopheesse. Paakeejiin wayyaaneen baanu kan 1998 hojii irra ooluun isaa himamu kun hanga ammaatti mirgaa fi gaaffii dargaggootaa ukkaamsuuf oolfamuun ala faayidaan argamsiise hin mul’anne; dantaa wayyaanee tiksuuf malee, bu’aa dargaggootaaf waan hin baafamneef.
Mootummaan wayyaanee paakeejii kanaan rakkoo hoji-dhablummaa hammaataa deeme, rakkoo hawaasummaa keessumaa kan jiddugala dargaggootaan walqabatee jiru akkasumas hirmaannaa waltajjii dhabuu (rakkoo siyaasaa) dargaggootaa furuu irratti fuulleffatee akka hojjetuuf baafamuutu ibsame.
Haa tahu malee, rakkoon hoji-dhablummaa wayta ammaa kana daraggoota mudataa jiru kan waggoota 9 duraa irra caalaa hamaa fi bal’aa tahuun, rakkinoonni hawaasummaa ni furamu jedhamanis hojii irra oolfamanii mul’atuu dhabuun kijiba sirnichaa kan saaxilee dha. Kanatti dabalee dargaggoon Oromoo waltajjii yaadaa fi ilaalcha isaa ukkaamsaa fi hacuuccaa kamiinuu ala bilisa tahee itti ibsatu, bakka gaaffilee siyaasaa isaa itti dhiyeeffatutu mijeeffamaaf kan jedhuuf qabxii kaa’ame yoo ilaalles dhugaan jiru faallaa tahuu hubanna.
Qeerroo-baratoonni Oromoo seeraa fi heera biyyattii jalatti karaa nagaatiin gaaffii mirgaa akka dhiyeeffataniif waltajjiin mijaa’aafii odoo hin taane, humnoota waraanaa fi Poolisaan rasaasaan simatamaa jiru. Dhimmoota ummata Oromoo fi biyya isaanii Oromiyaa ilaallatu akkasumas gaaffilee bu’uuraa kanneen biroo akka lammiitti qaban kaasuun dargaggoota Oromoo yakkamtootatti isaan lakkoofsisee humnoota tikaa, waraanaa fi poolisa Federaalaan adamsamaa fi hiraarfamaa jiru. Dhaloonni haaraan garuu kijibaa fi tarkaanfii hammeenyaa kanaaf harka laachuu diduun falmaa itti fufeera.
Mootummaan wayyaanee dargaggoota waldaa Intarpraayizi  Maayikroo  xixiiqqaan (IMXn) gurmeessuun, aadaa qusannoo gabbisuun, liqii dhiyeessufiin akkasumas leenjiiwwan adda addaa laachuufiin fayyadamtoota taasisaa akka jirus ibsata. Kana malees gaaffilee dargaggootaaf deebisaa laachuuf jecha lafa misoomaa kennuufii dokumentii kana keessatti eereera.
Dargaggoo Oromoo ummanni Oromoo dachee isaa irraa buqqifamee hiyyoomfamuu fi biyya-dhablee taasifamuu hin qabu jechuudhaan mootummaa dura dhaabbatee falmaa jiru, lafa baadiyyaa ykn lafa tulluu tahe hiruufiin akkasumas liqii fi xaa’oo laachuun sossobuun wayyaanee tuffii inni qabu agarsiisa. Dhaloonni haaraan lafuma abbaa isaa diinaan badhaafamuun gowwoomsaaf kaadhimamuun qaanii dha.
Haaluma walfakkaatuun dargaggoonni magaalota keessa jiranis hojiin uumamuufii kan nuuf himu wayyaaneen kanaafis ragaa jira jedhu kaaheera. A.L.Itti Bara 1999 dargaggoonni 316653, bara 2000  = 544516 bara 2001  = 479443, bara 2002 433447, bara 2003 = 353478, bara 2004 = 287635, bara 2005 = 508364 akkasumas bara dabre 2006 ammoo dargaggoonni 1040889 carraa hojii argatuu ololaa jira.
Bakka lakkoofsi hoji-dhablootaa keessumaa kan dargaggootaa waggaarraa waggaatti dachaan dabalaa deemuun magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti ifatti mul’atutti akkasumas bakka dargaggoonni barumsa xumuratanii ogummaa adda addaatin eebbifaman sirna koo hin deeggarre jedhamanii hojii waakkatamaa jiranitti rakkoo dargaggoo furre jechuun wayyaanee hiikkaa hin qabaatu. Ilmaan Oromoo yunvarsitiilee fi koolleejjota adda addaatii hiraaraa fi dhiibbaa wayyaanee dandamatanii eebbifamanis hojii argatuudhaaf miseensa EPRDF-OPDO taatan malee hojii hin argattan jedhamuun hiraarfamuu, kanneen hojjechaa turanis hojiirraa danquun bal’inaan raawwatamaa jira.
Wayta lakkoofsi dargaggoota maatiin isaanii bor baratanii ofi dandahanii nuufis gargaarsa tahu jechuudhaan waan qaban itti baasanii barsiisan, barumsa xumuranii qayeetti deebi’uun maatiirratti ba’aa tahan dabalaa jiru kanatti hireen hojii wayyaaneen dargaggootaaf uumuu nutti himu isa kami laata?
Dargaggeessi digirii fi dippiloomaa qabu akkasumas ogummaa garaagaraan eebbifame dandeettii isaatiin ummataa fi biyya tajaajiluu odoo dandahuu gartuu abbaa irreetin xiyyeeffannaa waakkatamuu fi meeshaa tahuu diduurraa liqimsa guyyaaf hojii humnaa akka dhagaa bocuutti bobbahuuf dirqamaa jira. Kanneen ijaaramanii liqii argataa jiran ykn IMX baanamuun hojii hojjetaa jiran jedhamanis yoo jiraate warreen miseensummaa wayyaanee-OPDO fudhachuun sirnichaaf hojjetan yoo tahu, isaanumtuu garuu lakkoofsi hanga wayyaaneen ibstaa jiru kanaa akka hin geenyes dhugaa lafa jirutu ragaa dha.
Walumaagalatti ragaan wayyaaneen himattu kan haala qabatamaa biyya keessaa dargaggoon irra jiru hin ibsine kun ummata eenyummaa wayyaanee beekuu fi rakkoo arguu tuullaa kijibaa tahuun dhokataa miti. Haa tahuu gartuun kun duula OPDO qabatee dargaggoota Oromoorratti fuulleffachuun gaggeessaa jiru kanaan rakkoo lafarra jiru kijibaan haguugee kanneen haala biyyattii hin beekne sobuudhaaf tattaafataara.
Ragaa fi olola oofaa jiru kanaanis mootummaa dargaggoota Oromoof xiyyeeffannaa laatuu fi rakkoo isaanii furuudhaaf halkanii-guyyaa hojjetu fakkeessee of dhiyeessudhaan dhagaa tokkoon simbira lama akka jedhan gama tokkoo sochii diddaa garbummaa qeerroo-barattoota Oromootiin irratti finiinaa jiru dhaamsuuf gama kaaniin ammoo filannoo as deemaa jiruuf sagalee deeggarsaa dargaggootarraa argachuuf tattaafataa jira.
Dhimma qabxiidhuma kana jalatti kaahame biraa yoo ilaalle ammoo rakkoo hawaasummaa kanneen akka fayyaa furuuf akkasumas dargaggoonni seenaa, ummataa fi biyya isaanii sirriitti beekuun akka kunuunsaniif haala gaarii uumuu wayyaanee ibsa.
Hubadhaa! Biyya handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti sagaaggaltumman manneen barnootaa dabalatee bakkoota hedduutti ifatti raawwatamaa fi sadarkaa ol’aanaatti babal’ataa, lakkoofsi dargaggootaa fi barattoota dhibee daddarbaa akka HIV/AIDSf saaxilamaa jiranii akkaan dabaluu jaarmonni idil addunyaa ibsaa jiranitti, dargaggoonni Oromoo Paakeejii guddina dargaggootaa baanamuun bu’aa argachuun isaa lallabama jira. Golgaa mareetiinis dargaggootatti lallabamuuf saganteeffamaa jira.
Kanuma waliin ammoo sirna afaan, aadaa fi eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf maqaa MASTER PLAN jedhuu fi sababa adda addaatiin shira xaxaa fi Oromoorratti duula gaggeessaa jirutu dargaggoota Oromoo eenyummaa Oromoo fi hegeree Oromiyaa dhabamarraa oolchuuf fincilaan sirna isaa dura dhaabbataniin waa’ee aadaa fi eenyummaa keessanii irratti isin cinaan dhaabbadha jechuun qoosaa jira.
Mootummaan wayyaanee sagantaa maree konfaransii kan jedhuun dargaggoota Oromoo sossobachuuf yaade kanaaf dokumentii Kutaalee 4tti qoqqoodee ololaaf qopheeffate keessatti qabxiileen hedduun kaa’amaniiru.
Akka ragaan Waa’ee maree konfaransii dargaggootaa Oromiyaa marroo 9ffaa kan jedhuun qophaa’ee ifa godhutti, gartuun faashistii tahe, wayyaaneen, jaarmayaalee dargaggootaa tohannaa isaa jala galchuuf akkasumas dargaggoota sirna isaa cinaa hiriirsuuf karoora baafatetti milkaahuu akkuma amala isaa lakkoofsa dhugaa lafarra jiru hin ibsine tarrisee, dhibbentaa (%n) kaahee fakkeessuuf yaaleera. Keessumaa ammoo yaalii dargaggoota Oromoo kaayyoo fi akeeka sirna isaa fudhachiisuuf maqaa ijaarsa dimokraasii, bulchiisa gaarii fi misooma biyyaa jedhaniin qabatee olola gaggeesseen 73% itti milkaahuu ibsata. Dhugaan jiru garuu baroota mootummaan wayyaanee karoora keessatti ibsaa jiru 9n dabran keessa lakkoofsi dargaggoota Oromoo sirna wayyaanee dura dhaabbatanii haalaan dabalaa dhufuutu ifatti mul’ata.
Dargaggoo-shamarran Oromoo waggoota kurnan dabran keessa akeekaa fi imaammata mootummaa wayyaanee balaaleffachuudhaan, olola sirnichi maqaa adda addaatiin oofus fashalsuudhaan sochiin taasisanii fi har’allee taasisaa jiran ragaa wayyaaneen deeggartoonni isaa dabaluu ibsatu kana faallessa. Dargaggoon Oromoo kaayyoo gartuu abbaa irree galiin gahuudhaaf dantaan bitamuu diduudhaan mirga ummata Oromoof falmaa jiru miseensota OPDO sabboonoo dabalee guyyuu dabalaa fi hidda jabeeffataa jira. Jaarmayaaleen dargaggootaa kanneen akka sochii Qeerroo fi barattootaas tahuu kanneen kutaalee hawaasaa adda addaatis ololaa fi doorsisa diinaa lagatanii murna abbaa irree jala hiriiruurraa of qusatuun deeggarsi QBOf godhanii fi sochii warraaqsa diddaa gabrummaa keessatti taasisaa jiranis ragaa biraa ti.
As irratti wanti hubatamuu qabu kan wayyaaneen “Dargaggoota adda duree tahan ijaaruu” karoora kanaan ibsu warreen garaaf bitamanii sabboontota Oromoo basaasudhaan diinaaf dabarsanii laachuuf akkasumas sochii qeerroo-barattoota Oromoo laamshessuuf TPLF-OPDO jalatti ijaaramanii sossohaa jiran tahuu dha.
Gartuun wayyaanee barruu ololaaf qopheeffate kana keessatti jiddugalootni dargaggootaa ni ijaaraman jedhee waggoota kudhaniif lallabaa bahe keessaa kan %58 hin caalle hojiirra ooluun yoo ilaalamu, sunuu akka inni himatutti, mootummichi maqaa dargaggootaan daldalaa jiraachuu hubanna.  Murni abbaa irree kun walgahii baatilee gannaa keessaa fi yeroo adda addaatti barattoota dirqamaan walitti qabuudhaan gaggeessu mormiidhaan duraa fashalaa kan bahuu akka ta’e addunyaan quba qabu lakkoofsa hirmaattotaa kaahudhaan akka itti milkaayeetti himachuuf hin qaanfanne.
Dargaggoonni sirnichi yeroo fi bakkoota adda addaatti akeeka isaa galiin gahachuudhaaf walitti qabee dabballootaan olola irratti oofsisuuf yaade, gootummaadhaan dura dhaabbachuun jibbaa fi balaaleffannoo mootummichaaf qaban ibsaniiru. Sagalee dhaadannoo fi sirboota warraaqsaa dhageessisaniin akkasumas waraqaalee bittinsaniinis jaalalaa fi kabaja dhaaba kallacha qabsoo Oromoo ABOf qaban, kutannoo FDG itti fufuuf qaban ibsataniiru. Dargaggoo kanaan hammi kun walgahii koorratti hirmaate jechuun ittiin ololachuuf dhama’amaa jira.
Mootummaa ilmaan sabaa qaroo fi hubatoo diinomfatee dhaabbilee barnootaa keessatti hidhattoota isaa bobbaasee doorsisaa, hidhaa fi ajjeesaa, dabballoota hogganoota jedhamaniin barumsarraa arihaa fi ugguraa jirutu barreeffama waa’ee maree Konfaransii kanaan dargaggootaaf barnootaa fi leenjiin fayyadamummaa isaanii mirkaneessu kennameef jechuudhaan dhugaa jiru haguuguuf tattaafata. Akka karoora wayyaaneen baanu kanaatti Sagantaa leenjii BLTOn dargaggoonni 933,858 leenjifamuuf karoomfaman keessaa 659,369 qonna, industirii, ijaarsa, daldalaa fi tajaajilarratti leenjifamaniiru. Hedduunis hojiilee adda addaa argatuudhaan fayyadamaa sirna isaa taasifamuu ibsa wayyaaneen.
Lafa dargaggoon Oromoo Oromummaa isaatiin yakkamee fi gaaffii mirgaa gaafatuurraa diinatti lakkaawamee barumsaa fi hojiirraa arihatamaa jirutti hojiileen ogummaa fi waajjiraalee adda addaa dabballota amanamoo TPLFn dhuunfatamanii jiranitti dargaggoon faayidaan argate hin mul’anne. Hojiilee bifa adda addaa tarrisuudhaan lakkoofsa hammanaa hojii uumneefii jirra wayta jechaa jiranitti, dargaggoon Oromoo maatii fi biyyarratti ba’aa tahuudhaan rakkoo ulfaataaf affeeramaa jira.
Mootummaan wayyaanee karoora kanaan dargagoonni erga bara 2003 – 2007 ALHtti adeemsa siyaasaa biyyattii keessaa akka qooda qabaataniif jecha karoora baheen waltajjiilee hedduurratti marihachiifamuu dubbata. Jiddugaleessaan dargaggoonni 18,000 0l tahan haala yeroorratti mariisifamaniiru jechuudhaan kaaha. Dhimma kanarratti garuu karoorri wayyaanee kun waltajjiileen dargaggoota Oromootti ololuudhaaf qopheeffaman kunneen akkamittiin xumuraman? Haalli sochii dargaggoota Oromoo dirqamaan walgahii waamanii maal akka fakkaatu irratti waa takkallee hin dubbanne. Sirnichi qooda guddaa akka gumaachan taasifamera jedhee haala waltajjiilee kanneenii duuchaadhumatti bira dabruuf yaalus dhimma kana sirriitti wal yaadachiisuun fardii taha.
Waltajjiileen dabballoonni mootummaa wayyaanee ka’imman Oromoo maallaqa akka durgoo fa’aan sossobanii fi barumsarraa arihamtu kan jedhuun doorsisanii barattootaa fi dargaggoota Oromoof taasisan iddoon akeeka diinaa itti milkeessan hin jiru. Gootowwan ilmaan sabaa sabboonoon dabballoota diinaan ergamanii Oromiyaa bakkoota adda addaatti waltajjii ololaa qopheessuun gabrummaa Oromoorra bubbulchuuf fiigan gaaffilee mirgaa itti kaasunii fi reebichaan akka qaanessan gabaasni nu gahe ni addeessa.
Caasaan Mootummaan wayyaanee barattoota keessatti lukkeelee isaatiin ijaarrachuudhaaf yaale itti dammaqamee saaxilamuurraa karoorri sirnichi wixinate, shirri inni qopheeffatee fi akeeka abaaramaa galiin gahachuuf sochiin taasise dura dhaabbannoo sabboontota Oromootiin hoonga’e; hoonga’aas jira.
Qabxii maayiirratti dhimma gartuun abbaa irree wayyaanee TPLF kaahe tuquudhaan fedhiin sirnichi sagantaa maree dargaggootaa jedhu kanaan milkeessuuf akeekkate maal akka tahe baruun ni danda’ama. Paakeejii Guddina dargaggootaa akka sagantaa kaahameetti raawwachuudhaan ilaalcha dhiphummaa, oftuulummaa, mankaraarsitummaa fi farreen dargaggoota meeshaa taasifatanii hadheeffatanii irratti qabsaawuu kan jedhu keessatti argama. Qalbeeffadhaa! Dargaggoota Oromootu sochii sabboonummaa Oromoo dagaagsuu fi mirga Oromoo kabajchiisuuf taasifamu hadheeffatee wayyaaneef akka tumsu hawwama!
Mootummaan wayyaanee waltajjii dargaggootaaf qopheesse kanaan sabboontota qeerroo barattoota Oromoo murannoon sirna isaa dura dhaabbachuun haqa Oromoof falmaa jiran dhiphummaa kan jedhuun yakkuu, miseensota OPDO sabboonummaan itti dhagahamu haxaawanii baasudhaan lukkeelee haaraa TPLFf gadi jedhanii sagadaniin bakka buusuu akkasumas lammiilee sirna koof yaaddoo dha jedhe keessumaa dargaggoota golga mankaraasitummaa fi farreen misoomaa ti jedhuun dharaan yakee dhabamsiisuuf akka toluuf karaa saaqqataa jira. Dhimmi sirriitti hubatamuu qabus as jira.
Mootummaa ummata nan bulcha jedhu keessumaa saba wayyaba tahe, Oromoo, diinatti lakkaayee duula roga hedduu irratti banuudhaan gidirsaa jirurraa dargaggoon abdii sabaa fi biyyaa tahe Qeerroon Oromoo waan gaarii eegu hin qabaatu. Sirnichi karoora baanu kana kan qopheesseef diddaa qeerroo-barattoota Oromoo haada mormatti isa diree sillissee isa qabe of irraa laaffisuuf dandahamuufis akka lammata hin kaanetti ukkaamsee yaaddoo fi dhiphuu malee gateettii Oromoorra turuufi.
Mareen Konfaransii dargaggootaa Oromiyaa marroo 9ffaa bara 2007f qopheeffame kun sadarkaa godinaalee fi magaalotaatti sadarkaa-sadarkaadhaan dabballoota ramadamaniin akka gaggeeffamuuf jiru kan barame yoo tahu, shira diinaa kanatti dursanii dammaquudhaan waraabessa lafaa-dhufa Oromoo lafarraa duguugaa, kanatti quufuu dhabee yakka biraaf Oromiyaa keessaa yuusaa jiru of irraa faccisuun dirqama dhala Oromoo ti.
Kana keessattis adda dureedhaan kan itti xiyyeeffate dargaggoonni Oromoo wareegama obbolaan isaanii bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf jecha baasan gatii dhabsiisuu fi dhugaa jiru dabsuuf duula wayyaaneen OPDO qabatee maqaa MAREE KONFARANSII jedhuun walitti qabuun gaggeessaa jiru kana akkuma kanaan duraa gootummaan dura dhaabbachuu qabuun dhaamsa keenya.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)

No comments:

Post a Comment