Thursday 5 March 2015

Oromia’s forests are burning, latest fire broke out in Hararge (Carcar)

Bitootessa 5, 2015
From all corners Oromia, Oromia forests are on fire! Bosonni Oromiyaa kan ibiddi ittin jirre hin jiruu, aboo iyyaa iyya dabarsaa! Wanni bosona fakkaata tan Oromiyaa keessaa tan ibiddaan waadamaan jirre nitakkataabar, oromoo walgaafadhaa!
Saanatee,Chilalo, Carcar. What area is next?
10171095_456191494535025_8229050855213236443_n
Carcar Xirroo fi Saaqata, lamaanuu bakka Wayyaaneen sodaattuu ibiddaan guyyaa kaleessaa yeroo walfakkaataatti gubataa oolan!shakkiin wayyaanee bosona Oromiyaa barbadeeysaa jirti!
11026213_456198951200946_8089509468276759277_n
Saaqata


Bosona Cilaalo

Bosona Cilaalo
Hexoofi Birbirsa
Saatofi. Ebicha
Xooshinefi xiidi
Mukoole qaqqaali
Umriin hinqabne madaalli
Lakkawe waa fixu
Gosti isaa Heddu
Umaan magaritu
Bonaa ganna qabdu
Badhaatu midhagdu
Teesso bineessota
Olibaate mul’dhatta
Qabeenya ummata
Oromoon lowwan itti olyaafata
Manas ittin ijaarata
Meesha qonnatille achirra tolfata
Yokaan nibobeefata
Kuni hojii diinati
Gocha salpha miti
Dawaa heddu qabda
Sodaa mo?hinaaffa?
Maalifi Sigubani?
Argaa sijibbani?
Misooma jedhani
Gemii taphatani
Yaa gaara Colaalo
Sirraa sodaatan moo?
Sitti Hinaafani?
Isaan woyyaanonni
Waa biyya hin qabani
Biyya tenya irratti abba nutti ta’ee

DIINNI waa nuhin hanbifanne
Nama, Sa’a, Bineessa, Muka hin jenne
Wolumatti. Qabee
Oromiyaa irraa nuballeessu dhimmame
Nuti kana hin fudhanne
Hin balaalefanne
Bosonni cilaalo
Maafi gubata jenne!
Bosonni cilaalo
Maafi gubata jenne!

No comments:

Post a Comment