Tuesday 24 March 2015

Karoora Mootummaan wayyaanee ergamtuu isaa, OPDOf, baase

QEERROO
QEERROO
Qeerroo Bilisumaa Oromoo | 22-03-2015
FDG qeerroon barattoonni Oromoo ummata hirmaachisuun gaggeessaa jiranii fi QBO gurmuu qabsaawotaa jabeeffatee fi bal’ifatee finiinaa jiruun kan dhiphate wayyaaneen jidduu kana karoora haaraa baasee ergatuu isaa OPDOtti laateera.Ergamtoonni isaa sadarkaa caasaa Gandaatii kaasanii hanga Kaabinoota Pirezdaantii naannoo Oromiyaati jedhamaniitti jirandirqama wayyaaneen itti laate kan akka galiin gahaniif gooftolii isaanitiin murtiin itti kennameera. Akka odeessa keessa sirnichaatti miliqee nu gahe kanaatti, qondaalonni OPDO magaalota Oromiyaa sirnichi akka irratti xiyyeeffataniif qopheesserra naanna’uun maqaa walgahiitin karoora wayyaanee galiin gahuuf saganteeffataniiru.
Akka kanaan dhaabni gammoojjii Tigraayitti TPLFn bu’ureeffameemurna bicuu kana aangoorra tursuuf Oromoo diinomfate kun ajaja wayyaaneerraa itti kennameen Bitootessa 6 bara 2015 irraa eegalee walitti fufiinsaan walgahii ololaaf fiigaa jira. Magaalotni Oromoyaa mootummaa wayyaanetiin irratti xiyyeeffatamuun olola OPDOn gaggeessu kanaaf filataman Adaamaa,Calanqo, Ambo,Jimma,Shaashamannee, Naqamtee fi Fiichee ta’uu odeessi nu dhaqqabe ni saaxila.
Akka kanaanis Magaalaa Ambootti A.L.Htti Bitootessa 13 fi 14 bara 2007bakka ergamtoonni amanamoo wayyaanee tahan Abbaaduulaa Gammadaa, Dhaabaa Dabalee, Salamoon Dasee fi Isheetuu Dasee jedhaman argamanittiduulli wayyaanee kun bifa hiriira nagaa fi marii Paanaaliitin hojiirra oolfamuuf yaadame. Sagantaa namoota VVIP jedhaman 7 fi VIP 13 dabalatee hirmaattota 1143 akkahirmaachisuuf wayyaanotaan qabame kanaan ummanni akka dirqiin hiriira bahee sirnicha faarsuu fi falmaa haqaa ilmaan isaa wareegama baasaa gaggeessaa jiran balaaleffatu taasisuuf wixiname. Mariin paanaalii baanamus akeeka kanarra addaa hin qabaatu.
Akka karoora wayyaanee Magaalaa Fiicheef baafameetti ammoo, maqaa Ijaarsa Istaadiyeemiif dhakaa bu’uuraa kaahuu jedhuun ergatichi Pirezdaantii Oromiyaati jedhamu Kaabinootaa fi Hogganoota Godinichaa akkasumas fakkaattota isaa sadarkaa gadiirra jiran waliin tahuun dhaamsa wayyaanee ummataan gahuuf jira.
Akka odeessa keessa sirnichaatii bahee harka keenya gahe kanaatti, ergamtoonni wayyaanee gooftolii isaanii kufaatii jalaa baasuufhirriiba malee fiiga jiran kunneenBaha Oromiyaa iddoo seena-qabeessa Calanqo irrattisummata walitti sassaabamu meeshaa taasifatanii ololuudhaaf qophii xumuratan. QophiinCalanqoo bakka VVIP 62 fi VIPn 82 dabalatee hedduun argamanitti gaggeeffamuun yaadamu kun, bakka ergamtoonni diinaa akka Muktaar Kadir, Asteer Maammoo fi miseensonni KHR OPDO argamanittiALH Bitootessa 12 gaggeeffama.Lukkeeleen wayyaanee gita-bittoota habashaa gateettii Oromoorra bubbulchuuf dhama’aa jiran kunneen Bitootessa 20, 2015 Calanqotti walgahuuniddoo Nafxanyoonni fi gitni bittootaa habashaa harkaa-harma Oromoo itti muran kanatti ayyaana bixxillamuu isaanii kabajachuuf qophaawaaru.
Warreen fedhii gooftolii isaanii holqa Adeet keessatti isaan dhodhoobanii tiksuuf akka saree baraattii fiigaa kan jiran qondaalonni OPDO magaalaa Adaamaattismaqaa marii Paanaalitiin ololuun FDG dura dhaabbachuuf, filannoo fakkeessii ni gaggeeffama jedhamuufis deeggarsa argamsiisuufkaroora lafa kaayatan. Akka kanaan gaaf 6 – 8 mariin Paanaalii galma Abbaa Gadaatti bakka namoota VVIP jedhaman 245 fi VIP jedhaman 62 tahan dabalatee 18994 argamanitti ololaaf qophiitti jiru. Mariin baanamu kun Shaashamanneettis ALH Bitootessa 13 – 14 bara 2007tti akka gaggeeffamu ajajni qal’aan TPLFn kan kenname si’a tahu, kan Adaamaa qondaalota OPDO kanneen akka Umar Hasan, Abdul’aziiz Muhammad, Sufiyaan Ahmadi fi Alamaayyoo Taganuu akka gaggeessaniif akkasuma kan Shaashamannee ammoo lukkeeleen Warqinaa Gabayyoo, Nuuree Qamarii fi Birhaan Tsaggaayee jedhaman bakka VIPn 6 fi VVIPn 10 waliigalatti namoonni 140 tahan argamanitti akka gaggeessaniif saganteeffamuutu saaxilame.
Hojiilee karoora wayyaanee kanaan hojjetamuuf yaadaman keessaa inni duraa dubbii Abbaay Tsahaayyee dhimma Master Plan irratti dubbate haaluun Oromoo dallanee jiru tasgabbeessuu fi dhimmaa Finfinnee waltajjiirratti kaasuun dabballootaan murtii deeggarsaa dabarsanii akka waan ummanni irratti waliigaleetti hawaasatti himuuf dhama’uun isa tokko. Kana malees magaalaa Ambootti ummata hiriira baasudhaani fi mariidhaan Oromiyaa keessa akka nagaan jiru fakkeessuuf yaaluu, dargaggoota hojii yerooti fi maallaqaan sossobanii falmaarraa daguu,tahuufis filannoof akka cinaa isaanii dhaabbatan gochuu, dargaggootaa fi ummata keessas amanamtoota diinaa kaahudhaan basaasisuu, ABOn akk ahin jirretti ololuudhaan ololchiisuu garaaf bultoonni alaa dhufanis akkasuma akka lalbaman dirqama itti laachuu, miseensota OPDO sabboonummaa qabanii fi sochii diddaa gabrummaa deeggaraa jiran gandaa hanga olitti of keessaa baasuun amanamtoota diinaatin bakka buusuu fi kkf tahuu odeessi arganne ni addeessa.
Ajajni kunis kallattiidhaan Abbaaduula Gammadaa fi Muktaar Kadiritti kennamuu kan ibsan keessa beektonni, wayta ammaa kana Oromiyaan walgahii, qeeqaa fi doorsisa akkasumas sagantaa diinaa golgaa adda addaatin fedhii wayyaanee galiin gahuuf qophaaween dhiphachuu, OPDOnis raafamaa jiraachuu hubachiisan.
Walumaagaltti karoorri mootummaan wayyaanee qabsoo ummanni Oromoo irratti gaggeessaa jiruun addatti ammoo sochii diddaa gabrummaa qeerroo-barattoota Oromootin dhiphatebaasee OPDOtti laate akeekni bakkaan gahachuuf yaade ijoon waa Sadi jechuutu dandahama.
Mootummichi sadarkaa qabsoon Oromoo irra geessetti yaadda’uu fi dhiphachuu irraa, gootummaa fi murannoodhaan sochiin ilmaan Oromoo biyya keessaa harka duwwaa waraana isaa dura dhaabbachuuf haqa Oromoof taasisanguutummaa Oromoo biraas tahuu addunyaarraa deeggarsaa fi dhageetti argachaa deemaa waan jiruuf isa kana ololaa fi gowwoomsaan haguuguun isa tokko.
Qabxiin biraan ammoo ummata sirna isaarratti mormii hammeessaa jiru keessumaa humna biyyaa murteessaa kan tahe dargaggoo dandeenyaaf of harka galfachuuf dadhabamnaan ammoo sagalee isaa ukkaamsuuf duula gaggeeffamaa jiru dha. Kanaaf ammoo iddoowwan walgahiin OPDO akka itti gaggeeffamuuf wayyaanedhaan ajajni laatame qofti waan akeeku qaba. Bakkoota sochiin qeerroo barattoota Oromoo itti jabaate kanneenitti qondaalotaan afanfajjii uumuudhaan iddoowwan biroo kanneen akka Jimmaa, Naqamtee fi Baale ammoo akkuma amala isaa waraanaan marsee eegun haqa Oromoo ukkaamsuuf bahe karoorri diinaa kun.
Qabxiiln 3ffaan ammoo dhaabbilee mormitootaa irratti dhiibbaa taasisuun adeemsa siyaasaatin ala taasisaa filannoon gaggeessa jechuun ololaa gama kaaniin ammoo sirni koo dimokraatawa jechuudhaan lammiilee Oromoo biyyoota alaa jiran hawwachuudhaaf duula karooraan qindeeffamee jiru dha. Kanaaf ammoo akka icitiin nu harka gahe kun saaxilutti gantoonni fi bitamtoonni biyyoota alaa adda addaa keessa jiraatanbiyyatti deebifamuudhaan meeshaa tahanii faallaa QBO dhaabbachuu fi diinaaf hojjechuu kan jedhutu kaahame. Kaahamuu qofallee odoo hin taane bakkoota gariitti ammyyuu sochii fedhii diinaa kana galiin gahuuf fiiguu ifatti mul’ataa jira.

Muddamsuun wayyaaneen keessa jirtu kun kufaatiin sirnichaa dhiyaachuu kan agarsiisu yoo tahu karaa kaaniin ammoo keessi OPDO akka waliigalaatti ammoo keessi wayyaanee raafamaa fi tortoraa tahuu hubachiisa. Gaafatamtoonni OPDO dhalootaan Oromoo tahan kan sadarkaa adda addaarra jiran milkaa’inaa bilisummaa Oromiyaaf waan isaanii dandahame hojjechuuf murteeffachuu fi bakkoota gariittis hojiin agarsiisaa dhufuun daranuu isa dhiphiseera.
Qeerroo Bilisummaa
ABO———-Haaleellisuu
Injifannoo ummataa oromoof

No comments:

Post a Comment