Sunday 15 March 2015

Biyya Dimookiraasiin hin jirree keessatti filannoo dimookiraatawaa gaggeessuun hin danda’amu

Barattoota Oromoo yuunibarsiitii Jimmaa | Bitootessa 14, 2015
QEERROO
QEERROO
Adeemsi amma biyya keenya keessatti lafa dimookiraasiin hin jirreetti filaannoo dimookiraataawaa gaggeessa jirra jechuun ololli lallabamaa jiru kun dhaabbachuu qaba. 
Adeemsi amma biyya keenya keessatti lafa dimookiraasiin hin jirreetti filaannoo dimookiraataawaa gaggeessa jirra jechuun ololli lallabamaa jiru kun dhaabbachuu qaba. Biyyatti keessa bu’uurri dimookiraasii hin jiru, ilmaan Oromoo jumlaan hidhaatti guuramaa, ajjeefamaa, barnoota irraa arii’atamaa fi doorsifamaa ,Oromummaan yakkamaa jiru.
Akkasumas Oromoon qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqa’aa, fi mirga abbaa biyyummaa dhabnee waan jirruuf biyya dimookiraasiin hin jirree fi mirgi namummaa fi dimookiraasii dhiitamaa jiru keessatti maqaa filannoo gaggeessina jedhuun  kaardii filannoo hiruu fi olola sobaa filannoo dimookiraasii jechuun lallabuu dura mirgootni dimookiraasii fi namummaa kabajamuu qabu.
Haala rakkisaa kanaan uummatni keenya xaxamee utuu jiruu adeemsi amma Mooraa Yuunibarsiitii keessatti kaardii Filannoo hiruuf jirra jechuun mootummaan EPRDF lallabaa jiru jabeessinee balaaleffachuun, ibsa ejjennoo armaan gadii dabarsina.
  1. Filannoo gaggeessuun dura Mirgootni dimookiraasii fi namummaa kabajamuu qaba;
  2. Filannootti seenuun dura gaaffiin mirgaa fi dimookiraasii bara darbe Ebla irraa eegaluun hanga har’atti itti fufinsaan karaa nagaa gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba. Keessattuu rakkoon uummatni keenya gama siyaasaa, dinagdee fi hawwaasummaan qabu akka furamuuf gaaffii keenya xalayaa Iyyannoon dhiyeeffachaa kan jirruuf deebiin ariifachiisaan nuuf kennamu qaba;
  3. Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa waan gaafatan qofaaf  jumlaan hidhatti guuraman haal duree tokko malee hiikamuu qabu. Kanneen ajjeefamaniif mootummaan yakka ajjeechaa rawwate seeratti dhiyaachuu qaba. Kanneen barnoota irraa arii’amanii fi doorsifamaa jiran irraa  Mootummaan hiraarsa dhaabuu qaba, beenyaan qaamota midhaman hundaaf baafamuu qaba.
  4. Bu’uurrii dimookiraasii hundeeffamee, boordiin filannoo gartuu mootummaa irraa bilisa ta’ee hundeeffamee filmaatni dhaabbilee Siyaasaa biyyattii hundaa fi kanneen bilisummaa uummata isaanii kabachiisuuf qabsoo gaggeessan hundi kan keessatti himatanii fi filmaatichi yoo qaamooleen leellistoota dimookiraasii addunyaa adeemsa filmata gaggeeffama jiru keessatti hirmachuun haallii yoo aanjeffame qofa filachuu fi filatamuun kan dada’amu ta’uu hubachiisuun adeemsa amma jiruu kanaan filamaata kanaatti kan hin hirmaanee fi kaardii filannoos fudhachuun gatii kan hin qabne ta’uu jabeessine hubachiifna;
  5. Mootummaan ani dimookiraatawaa dha, filannoo dimookiraasiin gaggeessa jechaa jiru kun waraanaa fi human tikaa mooraa barnoota keessa qubsiisuun mirga keenya guutummatti sarbaa jira.  Afaan qawweetti fayyadamuun dirqamaan dimookiraasiin jira,  kaardii fudhadhu jechuun falla dimookiraasii fi abbaa irreemmaa ija baase ta’uu uummata keenyaa fi addunyaan hubachuu qabdi. Gaaffii dimookiraasii fi bilisummaa gama hundaan gaafachaa jirruuf filannoo dura deebiin  nuuf kennamuu qaba; hanga gaaffiin keenya deebii quubsaa argatuttii Warraaqsi FDG jabaate kan itti fufu ta’a jennee ibsa keenya kana  dabarfannee jirra.
Barattoota Oromoo yuunibarsiitii Jimmaa
  Injifannoon Uummata Oromoof!!

No comments:

Post a Comment