Sunday 1 March 2015

QEERROO: Magaala Hawaasatti, kutaa magaalaa Addis, Ganda Badaatoo, Naannoo Ammistanyaa Kaampii Jedhamee Beekamu Irraa Jiraattoti 531 Lafa Isaanii Irraa Buqifamuu fi Ummatis Hidhamuu Qeerroon Gabaase

Bitootessa 1, 2015 – Hawaasaa
Naannoo Kibbaatti maqaa investiraan lafti uummata irraa fuudhamee gurgame Hawaasni Oromoos ta’e saboonni biroo lafti isaa irraa fuudhame kun gaaffii hiriiraan bahee kaaseef deebiin hin kennamin osoo jiru ammas magaala Hawaasatti, kutaa magaalaa Addis, ganda Badaatoo, naannoo Ammistanyaa kaampii jedhamee waamamutti mootummaan namoota seeraan ala lafa bitanii mana ijaarratanii jiraatan jechuun abbaa warraa 521 ta’an bakki kun guutummaan isaa bakka investeraaf akeekamee jiru dha jechuun buqqise.
Guraandhala gaafa 26/2015 uummata abbaa warraa kanaa fi qaama mootummaa gidduutti akkasuma bulchaan mooraan Yuuniversitii hawaasaa guddichi gara uummata goruudhaan walitti bu’iinsi guddaan uumameen humna waraana mootummaa wayyaaneen namootni 150 tahan kan toohataman yoo tahu, isaan kana keessaa yeroosuma namni 130 kan gadhiifaman yoo tahu namootni 20 mana murtiif akka dhiyaatan tahee akka jiru odeessaan Qeerroo ibsa. Suraan olitti jiru kan naannoo birooti.
Qeerroo2015_20152

No comments:

Post a Comment