Monday 9 March 2015

Osoo ABOn Dhalachuu Baatee Lakkoofsi Oromoo Amma Jiru Kun Ni Jiraa Laata?

Oromoon Odoo Gabronfattoota Habashaa Harkatti Kufuu Baatee Hoo Har’a Eessa Jira Laata..?

Baarentuu Gadaa Irraa | Bitootessa 9, 2015
Yoon kaleessa yaadadhu, yoon waan Oromoon waggoota 100 oliif keessa turee fi darbe dhagahuu fi dubbisu lafatu naan mara. “Maal keessa dabarre?” jedheen dhiphadha, keesumaawuu yakka “Atsee Teediroos”?ummata Oromoo walloorratti dalage, Duguuggii sanyii(Genocide/ Miniliki Anolee, Calanqoo, ummata Oromoo Sulultaa fi Oromiyaa iddoolee garagaraatti raawwate hoon dhagahu na surura. Ajjeechaa nam-tokkeerraa kaasee hanga jimlaan fixuu dhalataa Oromoorratti Nugusni Habshootaa Haayila Sillaaseen bara bittaa isaa waggoottan 44 keessa raawwates yoon duubatti deebi’eeodeeffadhu Habashoonni qotanii akka jiraa nu awwaaluuf tattaafachaa turanii fi “lammata nama hinta’an” jedhanii nurraa sirbaa turanan hubadha.
Taateewwan ummata Oromoo fi qabeenya isaarratti bara Mootummaa Dargii raawwachaa turanis baayyee isaa waanan dhaqqabee argeefuu walittii qabee siyaasa Habshoonni Oromoo fi cunqurfamtoota saboota kibbaarratti Ordofaa turan yoon ilaalu dhuguma duulli ilmaan Nafxanyootaatin Oromoorratti waggoottan 130n darban keessa gaggeeffamaa ture fi jiru akkaan qindaawaa fi kan Oromoo balleessuf wixinfamee hojiirra oolaa turee fi jiru ta’uu caalattan mirkaneeffadhe. Wayyaaneen ammoo duula Habashoonni karaa qindaayeen Oromoorratti calqaban galmaan gahuuf hojjechaa jiraachuun ragaa dabalataa fi qabatamaa yeroo ammaa kana muldhachaa jiruudha! Mee duubattii deebi’aatii yakka humrii keessan keessatti ummata Oromoorratti ta’aa turee fi jiru yaadadhaa,xiinxalaa, ilaalaa!? Yakka mootummoonni Habashaa raawwachaa turanii fi jiran kan seenaan katabee lafa kaa’es dhubbisaa, odeeffadhaa….|? Oromoo Walloo meeqatu dhiibbaa fi dhiittaa sirna Nafxanyaatin dhume,…? meeqatu dirqamaan maqaa isaa, maqaa Oromoorraa gara maqaa isa hinfakkaanneetti jijjiirame…? Meeqatu Aadaa fi duudhaa isaa akkasumas seenaa isaa gatee dirqamaan gara gabroonfattootaatti jige..?
Lixa Oromiyaa Daangaa Suudaanirraa kaasee amma baha Oromiyaa Daangaa Sumaalee Laanditti, Mooyaalee kaasee amma kaaba Oromiyaa Raayyaatti Oromoo meeeqatu dhittaa fi dhiibbaa sirna Nafxanyootaatiin dirqamee maqaa isaa gatee maqaa halagaa taasifate, meeqatu aadaa, seenaa fi duudhaa isaa kan ganamaa, eenyummaa isaa kan Oromummaa isaa calaqqisiisu gatee kan gabroonfattootaa fudhate…? Meeqatu ammoo bara gabrummaa waggaa 100 olii kana keessa Oromummaa isaa akka dhiisu taasifamee saba biraa ta’ee hafe ….? Meeqatu Gadaa gate… meeqatu Ateetee irraanfate..? meeqatu Kallachaa fi Caaccuu mulqame..? meeqatu Irreechaa fi Hammachiisarraa fagaate…? meeqatu ammoo Rakoo fi Buttaa qaluu dhiise ..? meeqatu Foollee lagate…? Meeqatu ayyaantuu baqate….? Meeqatu akka waan ofii jibbee kan halagaa faarsu taasifame…? Mee wal haagaafannu Oromoo meeqatu Habshootaan qabamee akka Loonii Gabaa baafamee gurgurame….? O! Ummata Oromoo! cubbuu Irratti dalagamaa turee fi jiru manni haa lakkaawu!
Oromoo meeqatu Osoo sirna gabroonfattootaa baqatuu Gammoojjitti hafe..? Oromoo meeqatu odoo hidhaa fi dararaa baqatuu Galaana Diimaan nyaatame..? meeqatu ammoo akka biyyaa baqatee baheen hafee biyya abbaa isaa Osoo hin argin du’ee hafe….? Oromoo ammamiitu mana hidhaa Habshootaa keessatti du’e…? ammas du’aa jira…? O! safuu ! cubbuu weerartootaa meeqa lakkoofna..?!
Mee of haa ilaallu, maatii ollaa keenya jiru (Family) yaa ilaallu, dhaloota ABOn dura maqaan akka dhuunfaatti baafachaa turre maal fakkaata..?kan ilmaan keenyaa baasaa turre hoo maal fakkaata..? dinoonni keenya ilmaan Habashootaa hoo maal jedhanii nu waamaa turan…?ilaalchi aadaa, duudhaa fi seenaa keenyaaf qabnu hoo akkam ture..? meeqa keenyatu,maqaan keenya maqaa Oromooti..? meeqa keenyatu ammoo osoo Oromoo taanee jirruu maqaan keenya maqaa saba biraati..? Meeqa keenyatu aadaa, seenaa fi duudhaa Oromoodha nu jechisiisu gannee akka gabroonfattootaa fi akka saboota ollaa Oromoo jiran kan biraatti socho’aa(act) godhaa turre…?
“Difaabbaachoo..Zargaabbaachoo….,Asaggiddaachoo,…..Astaaxqaachoo,….Aqnaachoo…. Naaqaachoo,…. Geetaachoo…. Nugusaachoo….” Maqooleen jedhanii fi kanneen biroo kan gonguma Afaan Oromoottin hiikoo hin qabnee meeqatu nuweeraree ture…? mee ofis walis ilaallee haa taajjabnu! Erga ABOn qabsoo bilisummaa Oromoo gaggeessuu calqabeehoo diinoonni keenya osoo hin jaalatin dirqamanii maaliin nu waamu…? Nutihoo jijjiramaa fi sabboonummaa ABOn ummata Oromoo gonfachiise ordofnee gama hundaanuu of ta’uu keessatti ammam akka tarkaanfanne hubanneerraa,,…?
Wayyaanee har’a humnaan aangoo qabattee ajjeechaa fi saamicha gaggeessaa jirtu dabalatee duulli Nafxanyoonni Oromoorratti gaggeessaa turanii fi jiran qabeenya isaa saamuu qofaa hinturre, aadaa isaa, afaan isaa fi duudhaa isaa balleessuudha. Kana balleessuuf ammoo jechoota saba kana xiqqeessaanii fi ofitti amantaa ni dhabsiisu jedhanii yaadanitti fayyadamuun waamuu fi arrabsuu, akkasumas tasgabbii siyaasaa fi hawaasummaa dhorkuudha. Oromoo lafa isaarraa buqqisanii lafa Oromoorra qubachuun abbaa itti ta’uun dha.Saboota biroo fidanii irra qubsiisun, lakkoofsa Oromoo xiqqeessuuf yaaluudha. Walumaa galattii kan waggoottan 130 oliif Impaayeera Itiyoophiyaa keessatti bara Atsee Teediroosirraa kaasee hanaga Wayyaanee harraatti ummata Oromoorratti ta’aa turee fi jiru yoon of duuba deebi’ee ilaalu imaammata wal fakkaataa baafachuun Oromoo saamuu,hidhuu,ajjeesuu kaan ammoo biyyaa baqachiisuudhaan biyya Oromoorratti abbaa ta’uudha. Kanarraa ka’uun haalli Oromoon keessa darbee fi darbaa jiru baayyee dinqisiisadha. Duula Bahaa-Lixaan, Kaabaa-Kibbaan karaa qindaayeen irratti gaggeefamaa ture fi jirurraa ummata baraarameedha.
Woggootuma muraasa duubatti deebi’ee yoon waan ummanni Oromoo keessa ture ilaalu wantan of gaafadhu keessaa tokko “Haala ilmaan Nafaxanyootaa Farad Fuuloo hin qabneen dachee Oromoorra gulufanii qabeenya isaa fi eenyummaa isaa balleessaa turan sanaan osoo itti fufanii jiratanii har’a akka Oromootti maalirra jirra” kan jedhuudha..? Osoo ABOn dhalatee gootonni gurmaawanii qabsoo hadhooftuu gaggeessaniin duula habshootaa ittisuu baatanii Habashoota kaleessaa dabalatee, ajjeeftuu fi saamtuun har’aa wayyaaneen silaa Oromoo akkam gooti..? amma yoonaa Oromoo meeqatu Oromummaa isaa akka gatu taasifama laata? odoo qabsaawoonni ABOn hundeessanii fi wareegama hadhooftuu kaffalaa turanii fi jiran kun bilisummaa saba isaanif dhiiga isaanii dhangalaasudhaan gulufa dinaa Oromoorraa qoluu baatanii guutuu ta’uu baattuus biyyi Oromoo,Oromiyaan amma jirtu tun ni jirtii..? Afaan Oromoo afaan ittiin baruu fi barsiisuu nii ta’aa..? Walumaa galattii Osoo ABOn dhalchuu baatee amma yoonaa Nafxanyoonni kaleessaa fi wayyaaneen har’aa yakkoota akkamit nurratti dalagu laataa….? Tilmaamufuu nan dhiphadha!
Ummanni Oggaa 100 oliif “Aadaan, seenaan, afaan isaa fi eenyummaan isaa badeera, awwaalameera” jedhamee Nafxanyootaan irraa sirbamaa ture awwaala buqqisee bahuun dhaloota ABOn booda ta’uun eenyufuu ifaadha. Ummanni Oromoo jedhamus, lafti Oromiyaa jedhamtus biyya Nafxanyootan weerarmte Impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiraachuun kan ifatti dubbatamee fi mirkanaawe bara gabrummaa fi weerara waggaa 100n booda injifannoo ABOtin ta’uun beekamaadha!. Kanarraa ka’uun Osoo ABOn dammaqee Oromoo dammaqsuu baatee, osoo gabrummaa wal xaxaa sabni Oromoo bara Minilkii kaasee hanga kufaatii Dargiitti keessa turee; ilmaan Oromoo sabboontonni ABO jalatti gurmaawan wareegama qaqqaalii kaffalanii maqaa Oromoo halluu hin haqamneen katabuu baatanii silaa akka Oromootti,… akka amma jiru kanatti nijiraayii laata……..? yoo jiraanne hoo lakkoofsa amma irra jirru kanarraa parsantii meeqa(%) hirdhanna laata……? Amma yoonaattii meeqatu dhiittaa fi dhiibbaa Habashootaatin, Habashaa ta’a ture…?meeqa keenyatu ammoo Oromummaa keenya gachiisiifamnee saba biraa taana laata..? O! Dubbachuufis tilmaamufis nama surura!!!
Mee Oromoonni waan kana dubbisaa jirtan dhimma kana duubattii deebi’aa xinxalaa,yaadadhaa ykn tilmaamaa. Ooo ABOn jiraachuu ykn dhalachuu baatee maalirra jirtu…? Akka sabaatti maalirra jira..? nama dhuunfurraa kaasee amma sabaatti maqaan keenya yoona maal ta’a..? maqaa nama meeqaatu jijjiirama…? aadaan, seenaanii fi duudhaa keenya hoo yoona eessa jira…?Lafti Oromoo Oromiyaan hoo osoo ABOn dhalachuu baatee kaartaa Impaayeera Itiyoophiyaarratti hin argamtii..? Afaan Oromoo afaan baruuf barsiisuu ni ta’aa…..?
Osoo ammoo ummanni Oromoo Nafxanyootaan weeraramuu baatee akka uumaa isaa kan ganamaatti aadaa, duudhaa fi sirna ittiin wal bulchu, keessahuu osoo sirna Gadaatin amma yoonaa wal bulchaa jiraatee hoo; har’a silaa sadarkaan irratti argamnu maal fakkaata..? guddinni isaa, lakkoofsaan, qaroominaan, qabeenyaan…Oromoon yoona eessa jira laata..? Ani biyyoota Awuroopaa *Lixaa* qaroomanii gadi hin ta’un jedha isin hoo..?
Baarentuu Gadaa

No comments:

Post a Comment