Thursday 26 March 2015

Sirni Ibidda Qabsiisuu Malee Dhaamsuu Hin Beekne Ibiddaan Dhabama

(Ijoo Dubbii ABO) | Bitootessa 24, 2015
Itophiyaa keessatti hannii fi saamichi haayyamamaa fi deggeramaa dha. Empaayera  qabeenyi ummatootaa fi biyyaa miliyoonotaan itti saamamu waan taateef. Empaayera Wayyaanee keessatti lubbuun lammiilee kabajaa hin qabu. Sirna garee shiftaan durfamu mormuun, mirga ofiif qabsaa’uun seeraan ala jedhamee  bakkayyutti ajjeefamuun, hidhamuun, dhaanamuu fi balaa ulfaataaf saaxilamuun gochaa guyyuu lammiilee irratti raawwatamaa jiru waan taheef. Bittaa bulchiinsa alagaa jalatti dararamni Saboota mirga uumaa fi seeraan qaban  dhaban irra gahu ammoo hunda irra ulfaata.
Gaaffiin sabummaa ummatni Oromoo kaasee waggoota dheeraaf irratti qabsaawaa jiruu fi gaaffii hangafaa tahe silaa kan deggeramuu qabu, gaaffii cubbuu taasifamee, kabajaa  ummata Oromoo xiqqeessee, salphisee fi qaanessee gaddaa fi hiyyummaa salphaatti keessaa bahuu hin dandeenye keessa isa seensisee argama. Ajjeechaa, hidhaa fi dararamni diinaan irra gahu hammaatus ummatni Oromoo gaaffii kaaseef hanga deebii quubsaa fi isaaf malu hin argannetti kan qabsoo itti fufu tahuu tarkaanfii diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatuun agarsiisaa jira.

Diinni baay’ina meeshaa waraanaa hidhatee fi humna farra ummataa ijaarratetti abdatuun ummata irraan miidhaa geessisu, hanga gateettii isaa irraa hin buufamnettis ummatni Oromoo nagaa, tasgabbii fi guddina kan hin arganne tahuu haalaan hubata.  Ummatni biyya isaa irratti sababa weerartootaan kabajaa dhorkatame, qabeenyaa fi biyya isaa irratti abbummaa dhabe, cunqursaa, hacuuccaa fi tuffii jalaa of baasee walabummaan jiraatuun ammoo haqa isaa fi kan seera addunyaan deggeramu  dha. Furmaatni isaas walabummaa fi bilisummaa mirga hiree murteeffannaa kabajsiifatuu irraa argama.
Har’a walii galli Empaayerri Itophiyaa addatti ammoo Oromiyaan bakka yakki olaanaan itti raawwatamuu dha. Albuuda Oromoo saamuun kan ittiin duroomaa jiru alagaa humnaan Oromiyaa bitaa jiruu fi shariikota isaa akka tahan ifatti mul’ata. Bosona Oromiyaa gaddaan alatti kanneen ciranii ittiin badhaadhan ammas kanneen alagummaa isaanii of irratti beekan, hiree arganneen saammanna jedhanii fi deggertoota isaanii ti.
Hundaan olitti yeroo ammaa kan ifatti mul’ataa jiruu fi gaddisiisaan duula bosona Oromiyaa irratti diina Oromoon banamee dha. Har’a kallattii adda addaan bosona Oromiyaatti ibiddi qabsiifamee gubataa jira. Gochaan kunis haa tahu jedhamee kan hojjatamaa jiru akka tahe dhokataa miti. Bosona gubataa jirutti dabalee kan gaddisiisu ammo kanneen qabeenyi keenya barbadeeffamuu hin qabu jedhanii kaka’umsa isaaniin ibidda bosonatti qabsiifame dhaamsuuf tattaafatan akka yakkamaatti ilaalamanii hidhamuu fi reebamuu isaanii ti.
Lammiileen Oromoo ibidda bosona Baalee, Harargee, Dhiha Shawaa, Wallaggaa fi bakkoota biraatti qabsiifame dhaamsuun fedhii mootummaa Wayyaanee akka hin tahin, dandeettiis kan itti hin qabne tahuu hubatuun dhaamsuuf yaalii godhaniin hidhaa fi reebichi irra gahaa jira. Balaa ibiddaa kana to’atuuf yaalii godhaniin kan lubbuu dhabanis  jiran.
Mootummaan Wayyaanee qabeenyi Oromiyaa kan isaa akka hin tahin beeka. Kanaaf dhabamuun qabeenya Oromoo isaaf homaatuu miti. Balaa kana hanqisuuf tattaafatuu irra dhibaa’ina agarsiisuu isaa irraa hubachuutu danda’ama. Ofiif balaa kana to’annaa jala oolchee hubama uumama irra gahu xiqqeessuuf yaalii gochuu lagatuu qofa osoo hin taane, kanneen balaa kana dhaamsuuf hanga lubbuu isaanii kennan yakkee hidhaatti guuruun isaa hangam ummata Oromoof jibbiinsa akka qabu agarsiisa. Osoo biyya biraa tahee kanneen tarkaanfii bosona balaa irraa baraaruu akkanaa fudhatan galatoomfatamanii badhaafamu. Kan Wayyaanee garuu garagalchoo tahee badhaasi isaanii hidhaa fi dhaanicha tahe.
Bosona gubatu irraa ibidda dhaamsuuf yaalii godhameen lammiileen Oromoo miidhaman danuu akka tahan ni beekama.  Kanaan dura barattootni Oromoo yunivarsitii Finfinnee ibidda bosona Baaleetti qabate ni dhaamsina jedhanii waan ka’aniif mootummaan tarkaanfii jumlaa irratti fudhateen dhibbootaan mana barnootaa keessaa ari’eera. Yaada ijaaraa fi eebbifamaa qabatanii ka’aniin kan hidhamanii fi biyyaa baqachiifamanis lakkoobsi isaanii guddaa dha.
Torban dabarsine keessas tarkaanfiin fakkaataan barattootaa fi lammiilee Oromoo Dhiha Shawaa magaalaa Incinnii naannoo isheetti fudhatame isa bara 2000n wal fakkaata.   Ummatni naannoo Incinnii bosona isaanii gubatuu argan dhaamsuuf yaaluu irraa tarkaanfii diinni irratti fudhateen kanneen mana hidhaatti guuraman kudhanootaan lakkaa’amu. Tarkaanfiin kunis tarkaanfii diinummaa tahuun hin falamsiisu.
Diinni tarkaanfii fudhataa jiruun kan ummata Oromoo callisiisu itti fakkaachuu danda’a. Haa tahu malee yakki lammiilee Oromoo fi qabeenya Oromoo irratti raawwatamu, ummatni Oromoo caalaatti mirga isaaf akka falmatuuf isaa kakaasa. Fedhiin isaa kan guutu, hawwiin walabummaaf qabuu fi mirgi abbaa biyyummaa isaa qabsoo itti jiru finiinsuun malee kennaa diinaan kan hin argamne tahuu ummata hubate dha. Kanaaf hanga akeekni isaa bakka gahutti mirga isaaf falmataa, qabeenya isaa tikfata.
Yakkamtootni ummata Oromoo fi qabeenya isaa irraan balaa geessisaa jiranis bor seeraa fi seenaan gaafatamuu jalaa akka hin bane garanumaa hubatuu qaban.

No comments:

Post a Comment