Thursday 5 March 2015

FDG Manneen Barnootaa Lixa Shaggar Keessatti Itti Fufe,Suuraan Sabboontota Ebala 2014 Wareegamaniis Raabsamaa Oole.

Odeessa Qeerroo Amboo, Bitootessa 5,2015
Lixha Shaggar Manneen Barnootaa Future Generetion fi mana barumsaa Ayyoomee 01 akkasumas Liiban Maccaa Sadarkaa 2ffaan FDG Itti Fufe. Magaalaa Ambootti Ammoo Suuraan Sabboontota Ebla 2014 Wareegamanii uumataaf raabsamaa fi faca’aa oole.
Kana malees akka Lixa Shaggar, aanaalee fi magaalota keessatti guyyaa lama dura barattootni kanneen akka Midaa Qany, Geeddoo, Xiqur Incinnii fi kkf barumsa dhaabuun yaadannoo sabboontota wareegameef taasisanii jiru, haalli kun itti fufuudhaan har’a akka odeessi Qeerroo magaala Amboo irraa addeessutti suuraan barattoota bara darbe Ebla 11/2015 kaasee magaala Amboo fi waluma gala godina Shgar  lixaa keessatti gaaffii mirgaa gaafataniin wareegaman mara suuraa isaani bittimsuun, baachuudhaan barattootni
olii gadi sochii taasisaa turan akkasuma:
 – OPDO hanga yoomitti saba keenyatti taphattii, kan sabaaf hin taanee nurraa ka’I,
– Gumaa barattoota keenyaa baasuun amma malee bor miti,
– Maqaa misoomaan qote bulaan keenya gowomfamuun haa dhaabbatu, Kan jedhu qabachuudhaan barattootni magaala Amboo keessatti daandiitti bahuudhaan socho’uudhaan tika fi humna mootummaa dhokataa uummata keessa faca’ee jiru mufachiisuun dhagayame, akkasuma akka odeessi Qeerroo ibsuttis sochii barattootaa kana tasgabbeessuuf humni mootummaa irraa ergame barattooni har’as ni bahu kan jedhuun mana barumsaa Future Generetion fi mana barumsaa Ayyoomee 01 akkasuma mana barumsaa Liiban Maccaa sadarkaa 2ffaan dhagaa darbachuudhaan humna mootummaa gara sanatti argame poolisoota ariyuun beekame, kunis sa’a 8:00 irraa kaasee kan eegale barattootni sirboota qabsoo dhageessisaa fi dhaadannoo akkasuma barruulee hojii mootummaa wayyaanee saaxilu bittimsuu fi babarreessuun odeessi Qeerroo addeessa.

No comments:

Post a Comment