Tuesday 3 March 2015

QEERROO: Gootonni Qeerroo Bilisummaa Yuniversitii Wallaggaa FDG Kaasaniin Aangawoota Wayyaanee Arihan, Bartaa Electrical Waggaa 3ffaa Kumaa Gammachuu fi Hedduun Poolisootaan Butaman

Bitootessa 1, 2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte
Sochii barattoota Oromoo qabaneessuuf kan saganteeffate mootummaan Wayyaanee kaabinoota gurguddaa jedheen kan yaadu Dr. Geetachoo Bashargoon kan durfamu gartuu sochii barattootaa qabaneessu gara mooraa Yuuniversitii Wallaggaa Naqamteetti erguun baratoota walitti qaban, hanga ammaatti ammaatti hojjettooti mooraa kanneen hidhata ABO qaban baajeta moorichaa miliyoonaan kan lakkaawamu mootummaa kasaarsanii jiru jechoon badii gara hojjettootaa badii mallamaltummaa riguu fedhan.
Kanatti aansees garuu mooraan kun fakkeenyumma gaarii qaba jechuun Ministeerri barnoota Federaalaa gaafa Bitootessa 1, 2015 ykn eda halkaniitti sagantaa TRENDS AND CHALLENGS IN ADOPTION OF SCIENCE jedhu barattoota Yuuniversitii Wallaggaa barsisuuf gadi itti taa’e. Haa ta’u malee wayita sagantaa kana irratti argamanitti goototni barattoota Yuunibarsiitii Wallaggaa kaabinoota waltajjii ta’anitti iyyuudhaan biyya keenya gurgurtanii nu keessa hin teessan jedhuun waltajjicha irratti dhadatnoo fi faaruulee warraaqsaa itti iyyanii bakka sana irraa qaaniin arihan.
Waltajjiin kun erga diigamee Qeerroofi qarreen mooraa kana keessaa balbala gudda hanga mooraa komtootti dhaadhannoo dhageessisaa turan
1. Maaster pilaaniin “Addis Ababa” goonkumaa hojiirra hin oolu
2. Duguuggaa sanyii nurratti raawwatuuf addunyaa kanatti sagaleen keenya nuuf haadhaga’amu
3. ABOn gaachana qabsoo Oromooti
4. WBO-n abdii uumata Oromooti
5. Qeerroon Bilisummaa qabsoo itti fufna, diinota qeerroo golee Oromiyaa kamuu keessatti dura dhaabbanna.
6. Nuti tokko tokkummaa keenyaan walaba nibaana jechaa erga turanii booda
Jedhuu fi sirboota barannoo rorroodha aabbee mallattoon kannisa ittiin nuhiddiifi yaaoromoo qotan qotu malee lafa hin qabatanii du’an du’u malee diina hyin sagadanii jechaa erga turanii haala kanaan Poolisoonni heddumminaan mooricha seenuun barattoota Oromoo hedduu raabuu fi hidhuun barataa Elektirikaalaa waggaa 3ffaa kan ta’e Kumaa Gammachuun dabalatee barattooti hedduun mana hidhaatti geeffaman.

No comments:

Post a Comment