Thursday 12 March 2015

FDG Bitootessa 11, 2015 Ona Daawoo Magaalaa Buusaa Keessatti Ka’een Wal Qabatee Dargagaggoon Oromoo Galataa Waaqoo Reebichaan Mana Hidhaa Wayyaanee Keessatti Dararamaa Jira

gammachuu-waaqo2015_2
Bitootessa 12, 2015 Gabaasa Qeerroo Magaala Buusaa
Dargaggoo Galataa (Tamasgeen) Waaqoo kan jedhamu godina Shaggar Kibba Lixaa ona Daawoo magaala Buusaa keessa itti guyyaa kaleessa ganama keessaa toora 12:30pm itti gaaffii mirgaa kaftan sababaa jedhuun Poolisootaa fi kaabinootaan ari’amee erga qabamee booda sadafii qawween erga rukutamee haalaan miidhamee jira, kana malees reebicha Poolisoonnii fi dabballoonni Wayyaanee irraan gahanii lafa irra harkisuun reebicha humnaa ol erga irraan gahaanii booda mana hidhaa aanichaatti galchanii jiraachuu Qeerroon gabaasa.
Kana malees Dargaggoo Galataa Bitootessa 11, 2015 erga reebanii hidhanii booda rifeensa gogaa irraa haadun fi mana kophaatti galchuun harkaa fi miilla muka dhaabbatutti hidhuun reeba kan jiran yoo ta’u erga kaleessa hidhamee haga amma hidhan kan irraa hin hiikkatiinifi reebichi irraa hin dhaabbatin ta’uu oodeffannoo achiirraa nu gahe ni addeessa

No comments:

Post a Comment