Tuesday 15 April 2014

Oromiyaa biyya gootaa.


Ebla 14, 2014
Oromiyaa biyya gootaa
Lixaa gara bahaa kibbaa gara kaabaa,
Yoo dhaqnee ilaalle seenaa gaggabaabaa,
Oromoon bakkayyuu goota hedduu qaba.
Bara teknooloojii fi oduun qaroominaa,
waa takkallee hin turin dukkanaawaa sana,
waan addunyaan ittiin yaada waliif hiru ,
interneetaa fi tv’n silaa bara sana maqaan isaayyuu hin jiru.
bilbilaa fi raadiyoonis harkasaanii hin turre,
garuu hariiroo isaanii diinni addaan hin murre,
hayyummaa qabaniin nuuf taraaran xurree.
Oromiyaa biyya koo biyya saba guddaa,
Madda qaroominaa angafa waa hundaa,
Kallattii afraniinuu mee dhaqeen dubbisaa,
xiqqoo na dhaga’aa gurra naaf ergisaa.
Hayyoota jalqabaa madda qaroominaa,
Mee dhaqnee dubbifna dhaqnee irraa baranna,
Biyya angafa keenyaa gujii fi booranaa,
Bulee horaa fi adoolaa nageellee fi yaa’a bal’oo,
Eenyutu irraanfata Gadayyoo Galgaloo,
Cirrattii fi shaakkisoo argadab mooyyaalee,
Beektota hedduu qabna kan akka Yaayyaa Gullallee,
Hayyuu demokraasii seera gadaa tumee addunyaa garsiise,
Feesbuukii fi interneeta miti kan isaan barsiise.
Demokraasii addunyaan har’a odeessitu,
Waan ofii uumte gootee haaraa fakkeessitu,
Faranjiirraa hin dhufne maddisaa nubira,
Waggaa kumaa ol nu wajjiniin jira.
Gootummaas yoo ta’e Oromoon kaleessuma bare,
Malee kompiitera miti kan Oromoo qare.
Mee dhaqnee ilaalla,
Walumaanuu xiqqooshee xiinxalla,
Duguuginsa sanyii fi weerara jalqabaa,
Kanneen dhandhaman lammii koo jajjabaa,
Qaama koo alagaan har’a narraa murte Oromiyaa kaabaa,
Achirraan eegala achirraan jalqaba.
Goota diina haamee eeboodhaan cagadu,
Saalasaa irraa muree shubbisee ragaduu,
Dasee fi kombolcha kamisee fi baatee,
Waldayaa fi mukaxurii arbuu fi sanbatee,
Warra dur diina haamee guggubee qaammate,
Hin habashoominaa jedhee ilmaansaatti dhaammate.
Warra Oromummaa ofii ifatti beeksisee,
Yohaannisii fi Teedroosiin ofirraa deebise,
Uumamumaan goota eenyutu isaan leenjise.
Mee isin yaadachiisuu isinuu ni beektu,
Dubartii ogeettii maqaanshee Warqituu,
Waraana warqituu dubartii akka dhiiraa,
Mormasaa irraa hin murree mootii habashaarraa,
Isa habashaan Atsetewodroos ofiin of ajjeese jettee soba odeessitu,
Kan mormasaa irraa mure dubartii Oromoo ti maqaanshee warqituu.
Goota warra raayyaa qobboo fi haxaayee,
Warra tewodroosirraa morma lafa kaa’e.
Goota warra emanuu warra iluu fi jaarsoo,
Weerara habashaa jalqaba tokkeessoo,
Dura isaantu shide guca ibidda qabsoo.
Jagni warra baabboo warra qaalluu fi jiillee,
Xiyya lafa hin buusu adda gubbaa malee.
Akka isa har’a firri wal wallaalee,
habashaarraa dhaga’ee habashummaa wal faalee,
sana nutti hin fakkaatin dubbiin akkas mitii,
qaamni keenya biroon gara kaabaa jirtii.
cittee achitti hin haftu boruu ni deebitii.
Goojjaam matakkal hanga waanbaraa,
Hin dagatinaa iyyaafadhaa wal baraa.
Bara Goobanaatti jiruun itti tolee,
Diinaa wajjin bulee diinaa wajjin oole,
Diina cinaa goree lammiisaatiin lole,
Ni yaadattuu laata calanqoo fi aanolee?
Bara harmee keenya harma irraa muranii,
Bara abbootii keenya harka irraa muranii,
Oromoota heddu jimilaan boollatti guuran,
Waan goonu wallaallee qonnee isaan awwaalle,
Hanga har’aattillee aha jenna keessa keenyaa hin baane.
Lammii meeqa dhabne bara hamaa sana,
Kunoo hanga har’aattuu seenaasaa dubbannaa,
Wayyoo aanolee jennee madaasaan gubanna.
Haa ta’uyyuu malee yoom tole jedhe ree,
Gootichi asallaa, boqqojjii fi siree,
Irraa gate malee morma diinaa ciree yoom harka kenne ree,
Utuu bara sana Oromoon tole jedhee minilikiin fudhatee,
Har’a waa dubbachuu hin dandeenyu silaa nuu dhumate.
Roobee dhaa fi diinshoo dheeraa fi kofalee,
Gootota meeqatu lubbuusaa kafalee,
Lammiisaa baraaree diinotasaa qale.
Itayyaa fi hurutaa diksiisii fi eexoosaa,
Tokkummaan qabatee gaachanaa fi eeboosaa,
Maal kalee qofa ree har’ayyuu nu boonsaa.
Akkuma hayyichi Oromoo dubbate,
Biyya Oromtichi jalqaba qubate,
Madda walaabuu gobbaa fi asaasaa,
Biyya hayyuu qaraa goota akka rasaasaa,
Goota ta’uusaanii seenaatu gabaasaa,
Ragaa ba’eeraaf alagaan mataasaa,
Oromoon achiitti baallii wal jijjiira,
Kabajaa fi jaalalaan aangoo waliif hira.
Gaasaraa fi gololcha dalloo fi agaarfaa,
Gootota hedduu qabna kan qabsoof angafaa.
Mee dhaqnee ilaalla iluu abbaa booraa,
Mattuu fi beddellee dambiidhaa fi cooraa,
Hurrumuu fi gachii buree dhaa fi yaayyuu,
Biyya abbaa gammachiis madda gootaa fi hayyuu.
Noophaa dhaa fi diimtuu deeggaa dhaa fi goree,
Biyya lammiif dhadhaa alagaatti qoree.
Mee xiqqoon dubbisa takkan maqaa dhaha,
Biyya gootowwanii oromiyaa bahaa,
Awwadaayi, calanqoo, ciroo fi baddeessaa,
Fadisii fi kombolcha qobboo fi ammarreessa,
Biyya gootowwanii qabsoof gadameessaa,
Har’as hoofaa jiru akkuma kaleessaa.
Machaaraa fi mi’eessoo dirredhawaa fi harar,
Galamsoo fi baddannoo gursumii fi carcar,
Guraawaa fi asaboot ta gaara mul’ataa,
Goota ta’uu isaanii seenaatu dubbata.
Haramaayyaa fi qarsaa qullubbii fi baabbilee,
Gumaachi isin gootan hin du’u yoomillee,
Gootota kumaatama keessaa qabna har’allee.
Bara Abbaan Jifaar yakka guddaa godhee ,
Shanan gibee waraanee habashaa harma hodhe,
Biyya minilikii fi Abbaa Jifaariin jibbee,
Ogeessa jalqaba tolchee xiyyaa dhaa fi aalbee,
Ni yaadattuu laata biyya shanan gibee?
Jimmaa fi aggaaroo omonaaddaa fi dedoo,
Goota cal hin jenne cunqursaa fi gadadoo,
Limmuu dhaa fi geeraa guumaa fi sandaaboo,
Maannayii fi saaqqaa sokorruu fi sarboo,
Diina ofiraa dhorkuutti hin kadhatan daboo,
Gaatiraa fi toobbaa sigimoo fi bashaashaa,
Hayyamanii hin beekan ol’aantummaa habashaa.
Mee dhaqnee haa laallu Oromiyaa giddu galeessaa,
Biyya gootowwanii qabsoof gadameessaa,
Amboo gindabarat baakkoo fi incinnii,
Goota guyyuu haaraa hin qabne sinsinnii,
Bushooftuu fi waliisoo fiichee fi adaamaa,
Mirgasaa falmachuutti natu dura du’aa wal saama,
Goota warra kaabaatti harka kennee hin ciifne
Kunoo hanga har’aattuu amantiisaa hin dhiifnee,
Irreecha hin gadhiifne.
Geedoo fi sabbata tulluboolloo fi mugar,
Gincii fi hoolota walqixxee fi gudar,
Shaashamannee fi baatuu dukamii fi karrayyuu,
Gootota kumaatama keessaa qabna har’ayyuu..
Warra diina qalee akka qircaa murmuru,
Oromiyaa lixaa gara horroo guduruu,
Shaambuu fi finca’aa jaartee fi amuru.
Biyya gootowwanii goota oromoon dhalchee,
Warra habashaa ari’ee goondaritti galche.
Naqamtee fi gatamaa giddaa fi galiilaa,
Noolee kaabbaa fi arjoo mana sibu fi biilaa,
Najjoo fi dambidoolloo gimbii fi laaloo qilee,
Loltuu akka kanniisaa adamsituu biflee,
Gootota meeqatu si keessaa biqile.
Innaangoo fi yuubdoo aayiraa gullisoo,
Qaaqee fi gidaamii begii fi baabboo jaarsoo,
Biyya gootowwanii gadameessa qabsoo.
Goota hedduu qabda hayyoota buuleessa,
Oromiyaa biyya koo kanaafan si faarsa.
Waa’ee oromoo dhaa kitaaba seenaarraas egaa yeroon laalu,
Goota qaba oromoon eenyuyyuu isa hin caalu.
Oromoon bakkayyuu goota eega ta’ee,
Ihii maal hir’inni keenya maaltu rakkoo ta’e?
Gabrummaan bar dheeraa maaliif nurra taa’ee ?
Abaarsa qabna moo maaluma yaa ijoollee?
Jettanii gaafachuun keessan waan hin oolle.
Akkuma isin beektan dhugaa dha hayyootas ni qabna goototas yoom dhabne,
Qabsoo durii sanatu faffaca’aa ture walitti hin qabamne.
Qabsoo kopha kophaatu bu’aa buusuu didee,
Gabrummaa bar dheeraa kana nutti fide.
Kanaaf Maccaa fi Tuulamni ooyruusaa tolchanii,
Qabsoo faffacaate walitti itichanii,
Adda bilisummaa Oromoo keessaa biqilchani.
ABO’nis dhufee hunda walii galchee,
Gootota tokkummaa miliyoonaan dhalche.
Kan dur bakka bakkatti addaan faffacaane,
ABO’n dhalannaan kunoo tokko taane.
Firri baroota dheeraadhaaf wal harkaa babbade,
Bahaa lixaa kaabaa kibbaa ka’ee wal barbaade,
Kan diinni amantii fi kutaan nu qoqqoode,
Har’a wal argatee rifaasuun adoode,
Akka sa’aa fi jabbii walitti mar’atee walitti gadoode.
Hunduu ofirra roobse imimmaan gammachuu,
Irbuu waliif seenan biyya ofii falmachuu.
Hunduu gad taa’anii waliin dubbatanii,
Tooftaa gabroomfataa sirriitti hubatanii,
Dirqama lammummaa ABO irraa fudhatanii.
Kaan seenaa qorachuuf dirqama fudhate,
Kaan waraana ta’ee bosona qubate,
Qabsoon bakka bakkatti duraan faffacaate,
Har’a tokko jettee gamtaan lafaa kaate.
Xiqqaa dhaa fi guddaan ka’ee wal kakaase,
Rasaasa jalqabaa Elemoon dhukaase,
Wal harkaa fuudhanii qabsoo itti fufanii,
Tafarii makonniniin afaansaa cufanii.
Tafarii makonninis baay’ee tattaafatee,
Warra kaan ni hidhee kaan ni galaafate.
Hidhaa fi ajjeechaanis isaan hin naasifne,
Ibidda gootummaa isaan harkaa hin dhaamsine.
Afaan isaan qabuuf diinni gad hin teenye,
Isaan callisiisuu garuu hin dandeenye.
Akkamiin callisu dhugaatoo jal’atee,
Dharatu furdatee haqatoo qal’atee,
Fayyaatu okkolee naafatoo dhaabbatee,
Sobatu ol ka’ee barcuma yaabbatee.
Mee akkamiin dhiisu ree kabjaatoo kufee,
Nama nama nyaatutoo biyyasaanii dhufee.
Saba isaaniitoo mirgasaa molqamee,
Galtuutu muudamee abbaan biyyaa dhorkamee.
Kanaaf tokkummaadhaan qabsoo finiinsanii,
Gumaasaanii baasuu nurratti dhiisani.
Hayilesillaaseenis kufee mangistuutu dhufee,
Cunqursaan oromoos bifa jijjiirratee hanga har’aattuu itti fufe.
Mootummoonni habashaa warri aangoo qaban,
Gootota oromoo adamsuu jalqaban.
Dhugaa dubbachuu fi falmachuu keessatti,
Diinonni gootota oromoo ilaaluu jalqaban akka bineensaatti.
Kaan hidhaatti guuruu,
Kaan morma irraa muruu,
Reebichaa fi dararaa,
Bifa gara garaa,
Lafee fi foonsaanii,
Irratti roobsani,
Ibidda elektrikiin qaamasaa ciranii,
Summii nama ajjeesu lilmeedhaan diranii,
Kan qaamni laamsha’e hedduutu jirani.
Qaama saalaasaatti dhagaa fannisanii,
Qullaa akka dhalate qoreerra harkisanii,
Otoma reebamuu wiirtuun duddaa cabee,
Meeqatu maseene meeqatu ilmoo dhabe,
Meeqatu ajjeefame meeqatu lubbuu dhabe.
Mana itti marsanii halkaniin dhufanii,
Akka gad hin baanetti ulaa itti cufanii,
Maatii hedduu bakkatti ibiddaan gubani.
Deebinee hin argannuu sanyii duguuganii,
Lafee nu cabsanii dhiiga nu dhugani.
Harkisaa fi miilli isaa cancalaan hidhamee,
Meeqatu maraate sammuunsaa miidhamee,
Koloniin nurratti hundee jabeeffate,
Oromoota qaqqaalii nurraa galaafate.
Akka Magarsaa Barii fi akka Bakar Waaree,
Warra lafeesaaniin xurree tattaraare,
Ofii wareegamee qabsoo kana jaare,
Goota akka Taaddasaa fi akka Elemoo Qilxuu,
Yeroo alagaan dhufee uummatasaa fixu,
Taa’ee hin hamuummatu ciisee idhi hin xuuxuu,
Lafeen koos haa cabduu lubbuun koos haa badduu,
Anatu deebisa gaaffii qabsoon qabdu,
Dhugaarra dhaabadheen lammii koo leellisa,
Gaaffii qabsoon qabdus anatu deebisa,
Jedhanii murannoon qabsootti hurrisani,
Jaalala saba ofii hojiin mul’isani.
Aadam Jiloo fi Booji’aa Baaroo fi Kabbadaa,
Ejjetaa fi Mokonnin H/M Gammadaa,
Taaddasaa fi Elemoo Waaqoo fi Mul’is Gadaa,
Isin dhabuusaatti Oromoon ni gadda.
Falmataa fi Morkataa Alamuu Qixxeessaa,
Bakar Waaree fi Guutuu Guddinaa Atoomsaa,
Gumaachi isin gootan lammii hunda boonsa.
Jaagamaa Badhaanee Abdullaahii fi Maammoo,
Bobbaasii fi Guutamaa Nuuraddinii fi Galmoo,
Sabboontoota dhugaa leellistoota qomoo,
Isin mararfata yoomuu sabni oromoo.
Badhaasoo fi Waltaasis Suleemaanii fi Ibsaa,
Sibiroo fi Nadhii Alii fi Siisaayi Ibsaa,
Wareegamuun keessan qabsoo daran cimsa.
Generaal Daawud Abdii fi Alamaayyoo,
Muusxafaa fi Eebbisaa Yoseefii fi Usmaayyoo,
Of biraa isin dhabne anaa nyaatu wayyoo,
Ofii dhabamtanii asiin geessan kaayyoo.
Hasanii fi Diimee Daraaraa fi Tasfuu,
Goonni haqa falmatu gooni biyyaaf kufu,
Egaa addaan baaneerra deebi’ee nuu hin dhufu,
Garuu kaayyoon isaa gonkumaa hin kufu.
Yaadannoo yeroo dhihoo gara aanaa begii,
Goota wareegame akka Laggasaa Wagii,
Keenyumaan dahatee alagaan nu nyaatee,
Ni baati gumaan kee dachaa dhibba taatee.
Dubartiin Oromoos deessuun hundaaf harmee,
Gadameessi isaanii qaruuraan ciramee,
Meeqatu foonsaanii allaattiif hirame,
Seenaan haa yaadatu lammii koo isa dhume.
Namnuu ni yaadanna dubree xiqqoo Aayshaa,
Sabboontittii nyaate warabeessi habashaa,
Morma isheetii olii fi rifeensa mataashee,
Kan alaa argatan haatii fi abbanshee.
Aayshaan egaa kuttee nutti asi hin deebituu,
Gumaacha isheen gooteef seenaan haa yaadatu.
Shamarran qaqqaalii baay’eesaanii dhabne,
Leensaa fi Waarituu Jamiilaa fi Aannanee,
Dirribee Jifaar Aayshaa fi Lalisee,
Wareegamuun keessan madaa nutti hambise.
Raggaatuu fi Argannee Saartuu fi Ayyaantuu,
Qabsoof isin dhabne wayyoo anaa nyaatuu,
Barabaraan seenaan isin haa yaadatu.
Saba isaaniif falmuuf qabsootti duulanii,
Kan akka Daraartuu Iftuu fi Kuulanii,
Kanneen wareegaman dura of buusanii,
Bilisummaatu baasa guma lubbuu isaanii.
Qotee bulaa fi daldalaa barsiisaa fi barataa,
Nurraa cabsuuf jecha waanjoo gabroomfataa,
Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu,
Dhiibbaa tokko malee mirga ofiin of bulchuu,
Otoo falmitanii saba oromoof jecha,
Kanneen fudhattan hidhaa fi ajjeechaa,
Lubbuu gumaachitan uummata keessanii,
Walabummaatu baasa gumaa hunda keessanii.
Faajjii keessan kaafna yoomuu lafa hin keenyu,
Hanga galmaan geenyutti dadhabnee hin teenyu,
Onnee keenya keessaa isin haquu hin dandeenyu.
Humna tikaa wayyaaneen warri hidhamtanii,
Himannaa sobaatiin kan himatamtanii,
Kan isinitti murtaa’e hidhaan umurii guutuu,
Ni qal’atti malee dhugaan yoomuu hin duutuu,
Mana hidhaa alagaa bakkeen garagara,
Keessa warri jirtan oromiyaa mararraa,
Kan dhandhamaa jirtan toorcharii fi dararaa,
Isin cinaa jirraa jabaadhaa sabaraa.
Jaallawwan Oromoo gootowwan kaleessaa,
Warri lubbuu isaanii biyyaaf godhan aarsaa,
Waan isaan dubbatan dhaamsa isaanii keessaa,
Waa hedduullee hin beekuu mee xiqqoo isheen kaasa.
Lammii koo amaanaa waan isinii dhaamnuu,
Walii keenya malee fira biraa hin qabnuu,
Barnoota dhabuutu wal nu wallaalchisee,
Diinis qaawwa kanaan numaan walnyaachisee,
Hundee seenaa dhugaa dubbisaa qoradhaa,
Kallattii afraniin deemaa walbaradhaa,
Otoo haqa falmannuu nuti wareegamnee,
Manni nuti jaarre egaa akka hin diigamne.
Natu sii beekaa diinaa isinirraa mancaafnee,
Summii keessa keenyaas isinitti facaafnee,
Egaa wal jabeessaa wal akka hin harcaafne.
Du’uu fi ajjeesuun akka jiru beeknee,
Of duuba hin deebinu jennee irbuu seennee,
Hundee biqilootaa fi baala mukaa nyaannee,
Qabsoo sabaaf jecha kanaaf manaa baanee,
Manatti hin deebinee nyaata allaattii taanee.
Dhiigni keenya har’a qabsoof dhangala’e,
Guyyaa tokko garuu akka galaanaa ta’ee,
Biyya abbaa keenyaa oromiyaa keessaa,
Diinota oromoo haqee isaan balleessaa,
Galaanichi isinii tokkummaa jabeessaa.
Bilisummaa arguuf ture hawwiin keenya,
Garuu otoo achi hin ga’in baate lubbuun keenya,
Natu sii beekaa alagaa isinis fincilaa,
Awwaala keenyarraa mul’adhaa biqilaa.
Haqa falmachuurratti lubbuuf hin sodaannee,
Otoo ijaan hin argin dachiirraa godaannee,
Dantaa mataa keenyaaf jennees hin gufannee,
Hanga waliin turretti walitti hin mufannee,
Lubbuu keenya laanne nuti of hin qusannee,
Ulaan nuti banne egaa akka hin cufamne.
Loltuu gabroomfataa kumaan lafa naqnee,
Nuti tattaafannee egaa nutti hin hafne,
Lubbuu keenya garuu oolfachuu hin dandeenyee,
Amaanaa gumaa keenya isinirra keenyee.
Otoo arguu hawwinuu bilisummaa fi nagaa,
Biyyee jala seennee uffifamnee dhagaa,
Nuti isin jaallannee caalchifnee ofirraa,
Yoo isin tokko taatan nuti hin duune jirra.
Bilisummaaf jecha lubbuun keenya kuftee,
Dabareen keessanii isin geesse dhuftee,
Wareegamaan malee bilisni hin dhuftuu,
Lafeenis haa cabduu lubbuunis haa kuftuu,
Hoodhaa nurkaa fuudhaa qabsoon itti haa fuftuu.
Xurree keenya irraa qoree bubuqqisaa,
Yoo ofii dadhabdan ilmoo itti guddisaa,
Of duuba hin laalinaa furga’aa bubbisaa,
Waan jalqabnee dhiifne ifatti mul’isaa.
Nurra tarkaanfadhaa nu godhaa riqichaa,
Gumaa keenya baasaa qabsoorratti cichaa.
Egaa qawwee keenyas kan nuti irraa duune,
Diina kumaatama ittiin lafa buufnee,
Qulqulleessaa qabaa hin dibinaa xurii,
Diinatti hin kenninaa qawwee keenya durii.
Kana nutti dhaammatan gootonni nu duraa,
Yeroo keessaa baate hafuurri xumuraa.
Maarree nutoo maal hojjechaa jirra ofis ni gaafannaa,
Yoo hojjechuu baanne booda ofii itti qaanfannaa.
Akka warra kalee lafee fi foonsaaniin Oromiyaa jaaree,
Irree tokkummaatiin xurree tattaraaree,
Waan jiru hin fakkaatu nu keessa jiraa ree?
Lakkii akkanas mitii akkanas hin jennuu,
Ofis hin tuffannuu abdiis hin kutannuu,
Maal atis hoo dhiiraa maal anis hoo dhiiraa,
Onneen gootowwanii si keessas ni jiraa na keessas ni jiraa,
Dhaamsa isaan nuuf dhaaman hojiitti jijjiirraa,
Bakka hin gadhiisinaa daandicharra jirraa.
Wareegamuu isaaniitiin nuti lafaa kaanee,
Lafee isaani caphe sana keessaa baanee,
Argamuu dha qabna nutis isaan taanee.
Diinonni keenya warri kaleessa harka nurraa ciru,
Hin dagatinaa har’as fagoo hin deemnee numaa wajjin jiruu,
Nurratti gamnoomanii tooftaa jijijjiiruu,
Alaala taa’anii numaan walitti diru.
Itoophiyaa andinet dirqiin nutti fe’u,
Killee addaan tarsaate ni fayyifna se’u.
Firiin muka odaa agamsa ni taatii ?
Ilmoon leencaa hoo jaldeessatti of waamtii ?
Oromoon toophiyoomuun gaafas dhugaa taati.

No comments:

Post a Comment