Monday 23 March 2015

QEERROO: Mootummaan Wayyaanee EPRDF Bishaanii fi Ifaa Uummata Irraa Kutuun Dheebuu fi Dukkanaan Adabaa Jira

Bitootessa 23, 2015, Gabaasa Qeerroo Qeelloo Wallaggaa
TPLF_Toy2015
Godina Wallaggaa Aanaa Eebantuu Magaalaa Qeelloo erga ummatnii Oromoo gamtaan fincila diddaa gabrummaa kaaseen mootummaan Wayyaanee uummata haaluu ba’uuf jecha jiraattota magaalaa Qeelloo irraa ifaa fi bishaan dhugaatii kutuun jiraattotni magaalaa Qeelloo dheebuu n dararamaa fi ifaa malee halkan dukkana keessa rakkachaa jiru. Akka gabaasi Qeerroo ibsutti haalli kun yeroo torbaan tokko ol lakkoobsiseera.
Akka uumati naannichaa ibsutti sababni ibsaan kun Ummata Oromoo irraa cite hidhamuu Barsiisotaa fi Baratootaa akkasumas ummata jiraatotta magaalaa Qeelloo karaa meeshaa sab-qunnamtii Media Garaa Garaa irratti gabaafamee ummatni dhaga’eef jecha Haati kanaan kan ka, ee Bitootessa 16, 2015 irraa eegalee Mootummaan Wayyaanee umnata Oromoo Jiraattota magaalaa Qeelloo ti mana barumsaa Qeelloo sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa irraa ifaan Addaan citee jira.
Jaarraa 21ffaa keessa yeroo addunyaa odeessa shaffeessaa fi haala qindaawaa ta’een odeessa fi qunnamtii ammaayaa ta’e ummataaf dhaqqabsiisuuf hojjetaa jirtutti mootummaan Wayyaanee akka ummatni Oromoo odeessa hin argannee fi bilbilaan wal hin qunnamee nneef qunnamtii isaa addaan kufuuf shira hojjetaa jira.
Keessumaa tti Ummatni Oromoo miidhaa fi saamicha, hidhaa fi ukkasmsanii ilmaan Oromoo qee fi qabeenya, hojii fi barumsa isarraa dhabamsiisaa jiran kana ummatni Oromoo wal hordofee akka hin gabaafnee fi dhagahee waliif hin dirmanneef ta’e jedhee shira ifaa kufuu fi neeti network cicciruu shira Oromiyaa keessa irratti hojjetaa jira.

No comments:

Post a Comment