Tuesday 25 November 2014

Kutaa Magaalaa Finfinnee Naannoo Kaasanchiis Keessatti Gaafatama Kan Qabu Gargaaraan Saajin, Xilahuun Caraanaa Oromummaa Isaan Yakkamee Hojii Irraa Arihamuu Qeerroon Gabaase

Gabaasa Qeerroo Sadaasa gaafa 20, 2014 gargaaraan Saajiin, kutaa magaalaa Finfinnee naannoo Kaasanchiis jedhamu irraa hojjetu, guyyaa kana galgala keessaa akka sa’a naannootti sa’a 12:30 irratti xalayaan hojii akka gadhiisuuf itti kenname, gargaaraasa Saajin Xilahun Caraanaa maqaa addaa Gaaddisaa Caalaa Dabaloo kan jedhamu qaba. Gargaaraan Saajiin Xilaahun rakkoo uumata Oromoo irra gahuu fi hidhaa yeroo irraa yerootti uumata irratti raawwatamaa ture guddisee kan mormuu fi qonnaanaan bultoota naannoo Shaggar irraa lafti irraa fuudhamee ammos mana hidhaatti guuraman maaliif yakka tokko malee hidhamu jechuun mormii keessa mootummaa keessatti kaasaa ture. Haala kanaa fi FDG Qeerroon deemu waliin jira sababa jedhuu fi tikoota ABO magaalaa Finfinnee fi naannoo keessa jiran waliin hidhata qabda sababa jedhuun mootummaan Wayyaanee hojii irraa akka arihamuu fi gara hojii isaatti akka hin deebine xalayaa ergeefiin beeksise.
Gama biraadhaan naannowaa Finfinneetti naannoo xixiqqaa magaalaa Finfinnee irratti nama 80, 80n basaasota maqaa hojii garagaraan uummata keessatti akka bobbahaniif har’a leenjiin Wayyaaneen kennamu kan eegaleedha. Leenjin kun kan kennamu naannoo.
Samiit jedhamutti yoo tahu hojiin namoota kana wal qoqqooduudhaan uummata keessatti hojii basaastummaa, humna nageenyatti dabalamuudhaan, akkasuma odeessa kan funaanuun mootummaadhaan gahu, kun magaalaa Finfinnee fi naannoo ishee qofatti kan qophaayee lenjin isaa har’a kan eegaleedha, sochii Qeerroo laamshessuuf namoota saba garagaraa keessaa filuudhaan hanga nama 80tti mootumma waan aangoo isaa irrattu utubu, haala uummanni irra jiru kan gabaasa godhanii fi basaasani fi hojjetoota mootummaa keessaas mootummaa waliin kan hin jirre, gocha mootummaa wayyaanee kan balaaleffatan gara mootummaatti dhiyeessuu irratti adda durummaadhaan kan hojjetan dursee filannoon dura tolfachuuf akeekkatee ka’uu isaa maddi gabaasaa Qeerroo ni ibsa.

No comments:

Post a Comment