Tuesday 18 November 2014

Gaaffii Mirgaa Barattooti Yuuniversitii Amboo Kaasaniin Wal Qabatee Mootummaan Wayyaanee Barattoot Oromoo 2 Barnoota Irraa Arihe

QeerrooWallaggaa2014
Qeerroo.org – Sadaasa 14, 2014 Godina Lixa Shaggar Yuunibarsiitii Amboo irraa mootummaan abbaa irree Wayyaanee Sabboontota barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Amboo Oromummaan yakkuun barnoota irraa arii’achuu itti fuftee jirti.
Mootummaan Wayyaanee sochii warraaqsa FDG hoggansii Qeerroo guutuu Oromiyaa keessatti gaggeessa jiruun raafama guddaa keessa seenuun waan qabee gadhiisuu dhabuun ilmaan Oromoo barnoota irra arii’achuu, hidhuu, reebuu fi ajjeesuu toftaa godhate, ammas itti fufun sochii goototni barattootni Oromoo sadaasa 9, guyyaa yaadannoo FDG marsaa 9ffaa magaalaa Amboo fi Yuunibarsiitii Ambootti kabajaniin wal qabatee rifaatuu keessa seenuun badii tokkoo malee barattootni Oromoo lama waggaa lamaaf barnoota irraa arii’atamuun gabaafamera.
1. Barataa Fayisaa Baqqalaa barataa Civil Engineering waggaa 4ffaa
2. Barataa Yohaannis Alemuu barataa Industrial Engineering wagga 2ffaa, kanneen jedhaman barattootni Oromoo Oromummaan yakkamanii barnoota irra arii’ataman.
Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo barnoota irraa arii’uun, hidhuu fi ajjeesuun waan FDG tasgabbeessuu fi waan gaaffii mirga abbaa biyyummaa booddeetti deebisuu se’ee barattoota Oromoo irratti tarkaanfii gara jabinaa fudhachuu itti fufe. Mootummaan Abbaa Irree dadhabaan gaafa afrikaa wayyaneen shororkeessa beekamaa addunyaa irratti dammaqaa jirtu kun kan olola qofaan uummata bulchaa jiru, tarkaanfii ofiin uummata nagaa irratti fudhachaa jiruun tapha siyaasaa aadunyaa keessa baafame jira. Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo hidhaa, du’aa, barnoota irraa arii’amuu, reebichaa fi dararaa fedhe kamiif iyyuu qophii ta’uu mootummaa wayyaneetti argisiisaa jiru, sochii kanaanis FDG waliigalaa wayyaanee irratti dhoosuun bara ijibbaata wayyaanee gochuun wayyanee aangoo irraa darbuun biyyatti keessatti bulchinsa uummataa mootummaa Dimokiraasiin ijarame hundeessuuf fi bilisummaa uummata Oromoo dhugomsuuf Qeerroon bilisummaa Oromoo qabsoo hadhooftuu gaggeessuu irratti argama. Uummatni Oromoo bakka hundaa Qeerroo gootota barattoota keenya cina dhaabbannee mirga keenyaaf falmanna jechuun qophii FDG barbaachisuu gama hundaan gaggeessa jira.

No comments:

Post a Comment