Tuesday 25 November 2014

Godinaalee Shaggar Bahaa Keessatti Marii Guyyoota Lamaaf Mootummaan Wayyaanee Uummata Walitti Qabee Gaggeessuuf Yaale Diddaa Uumataan Guutummaatti Fashale

Gabaasa Qeerroo Finfinnee, Sadaasa 23, 2014
Sadaasa 23, 2014 irraa kaasee godinaalee addaa Oromiyaa fi Shaggar Bahaa kanneen akka Adaamaa, Bishooftuu fi Dukam; godina addaa Buraayyuu, Sabbataa, akkasuma Shaashimannee keessatti marii karoora bara 2007 fi hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii milkeessuu jedhu ajandaa godhachuudhaan Wayyaaneen uummata walitti qabdee marii taasiftee jirti, uummata Oromoo gowomsuun keessumattuu hojiilee misoomaa fedhii fi faayidaa uummataa mirkaneessuu jechuudhaan uummata walitti qabanii yaada fi marii karoora bara kanaa irratti uumata waliin dubbachuuf karoorsanii uumatatti bahuun isaanii uummanni gaaffii dhuunfaa isaatii kaasuuf sababaa fi karaa tahe, afaan Wayyanee kanneen tahan, OPDOn uummata mariif biratti argamanis gaaffii uummanni dhiyeesseen cinqamuudhaan waan gara uummataatti dhufaniif milkie dhaban, mariin kun kan adeemsifame kaleessaa fi har’a jechuun Sadaasa 23 fi 24, 2014 yoo tahu gaaffii uummanni kaase:
– Guddina kallattii hundaanuu magaalaa kanneen irratti galma’aa jiru irraa kan fayadamaa jiru mootummaa malee uummata miti, guddina biyyattiis kan odeessitan, mootummaa sooruudha malee uummanni kan fayadame meerree?
– Uummanni hiyyeessi dukkana keessa jiraata, waan dhugu dhabee daandii dheeraa deemee bishaan bitatee jiraataa jira, faayidaa kessaniif nu barbaaddu malee rakkoo keenyaaf furmaata kan nuuf tahu dhabne, kuttuudhuma isaa isin hin barbaannu jedhame (Gaaffii rakkoo ibsaa fi bishaanii uummanni keessa jiru ibsate)
– Guddina eegalame itti fufsiisuudhaaf rakkoo bulchiinsa gaarii furuufis uummanni raayyaadhaan ijaaramuu qaba, kan jedhame gudiina Oromiyaa hin argine guddina Tigray male jechuudhaan uummanni dubbii isaanii afaan irra kutuudhaan beekame.
Gaaffiileen ykn murtoo uummanni kenne kanatti fufaniis hirmaannaa misoomaa keesatti simsuu, kira sassaabdumaa irratis qabda’uu kan jedhhu akeeka mootummaa wayyaaneti, nuti mootummaa nu saamee. rakkinaaf nu saaxile kana hin feenu jedhanii kanneen akka Sabbataa, Bishooftu, Buraayyuu fi Shaashimannee keessattii gaaffii dhimma rakkoo
yeroo uummanni keessa jiru rakkoo ibsaa fi bishaaniin wal qabatee uummataan gaaffii bakka hundaatii ka’aa jiruudha. Uummanni rakkoo kana keessa osoo jiru mootummaan wayyaanee dhimma filannoof jecha uummata gara sossobachuutti deemaa jira.

No comments:

Post a Comment