Tuesday 25 November 2014

Mooraa Yuuniversitii Wallaggaatti Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Ka’e Itti Fufee Jira, Sochii Barattootaa Laamshessuuf Humni Dabalataa Waraana Wayyaanee Garasitti Ergame

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Wallaggaa, Sadaasa 21, 2014
QeerrooOromo2014_Nov
Yeroo ammaa kanatti gaaffii mirgaan wal qabatee warraaqsi qabatee jiru mooraalee Yuuniversitii Adaamaa fi Wallaggaa akkasuma Yuuniversitii Amboo keessatti.
Guyyaa muraasa dura yuuniversitii Adaamaa keessatti karaa presedaantii barattootaan dhimma bulchiinsaa irratti barattootni marii barbaadu jedhameen bulchaan mooraa Yuuniversitii Adaamaa guyyaa lamaaf barattoota dhimma amantaa irratti fudhachuudhaan hordoftoota amantaa gosa lama irratti mariin taasifamaa tureen, gaaffiin ka’uu qaban marii kana irratti gaafataman taasifamee ture irratti deebiin kenname deebii gaaffii barattootaa san faalleessu ture, akkasuma ilaalcha amantaa kan mormuudha, kana irrattis yeroo ammaa kana gaaffiin guyyaa kana ka’e itti fufeetu jira, gaaffii isaani irratti hundaa’ee barattootni nyaataa fi barumsa lagatanii jiru, barattootni kaanis obboloonni keenya barumsa dhaabanii utuu jiranii akkamiin barumsa baranna jedhanii gaaffii sududaan kan dhiyeessaa jiraniidha, kana malees guyyaa muraasa dura kan eegale fincilli yuuniversitii Wallaggaatti dhimma nyaataan wal qabatee gaaffiin mirga sabaa ka’e amma gara gaaffii abbaa biyyummaatti kan jijjiirameedha, Sadaasa 21, 2014 baratootni hunduu nyaata lagatanii kan oolaniidha, kutaan barnootaa tokkummaan cufaatti kan oolee fi barattooni wal gurmeessuudhaan mooraa keessatti marii adeemsisaa kan oolanii fi gabaasa har’a Sadaasa 22,2014 Qeerroon gabaaseen halkan edaa naannoo waraanni Wayyaanee buufatee jirutti fageenya irraa dhagaan darbatamee waraana irra bu’aa tureera, kun uummataa fi barataa tahuun isaa waanni beekame hin jiru, har’a barattootni naannoo magaalaa Naqamtee jiran waan qaban hunda mooraadhaa baasanii barumsa dhaabanii gara qe’eetti galanii jiru.
Kana malees hojjetootni Kaaffees soda kanaan nyaata qopheessuu dhaabuudhaan galmi nyaataa barattootaa har’a hanga laaqanatti cufaatti kan ooledha, sodaa guddaan waan dhagayameef ammoo humni waraanaa akka dabalamu federaala irraa gara sanatti kan ergamee jiru halkan edaa waraanni naannoo biraa irraa magaalaa Naqamtee buufatee jiraachuu qeerroon gabaasa.
Gama biroon Yuuniversitii Wallaggaa keessatti fincilli barattootaan ka’uuf waan dafee hin dhaamnee fi humni waraanaas barattoota waliin rakkoo walitti bu’uun waan qabamee jiruuf barattoota kana tasgabbeessuuf humni waraanaa dabalataa fi tikoonni Waayyaanee mooraa keessa seenuun dirqama akka tahe, waan barattootni sodaatanii sochii kana dhaaban beeksisa yeroodhaan baasuu, barattoota Oromoo sochii fincilaa taasisan yeroodhaan gara poolisiitti dabarsanii kennuu akka qabu gara Presedaantiitti dhaamamee, bulchaan ykn presedaantii mooraa Yuuniversitii Wallaggaas sodaan waan itti dhagayameef waan mootummaan Wayyanee itti gadi buuse kana raawwachuu hin dandeenye, gaaffiin barattootaa tokko humni waraanaa mooraa barnootaa keessa maaliif seena kan jedhu ifatti keessatti argama.

No comments:

Post a Comment