Wednesday 17 December 2014

Waamicha: Gurmuu Miseensota WBO Biyya Aalaa

Amajjiin Tokko Guyyaa WBO fi Uummata Oromoo keessaa fi Alaa biratti haala ho’aan kabajama. Kanaaf gaafa Amajjii 1, 2015, akka DC sa’a 200pm fi akka Awropa sa’a 800 galgala irraa kaasee Karaa sararaa Paltalk Mana Wiirtuu Gadaa Bilisummaa Oromoo ti, Guyyaa kana Gurmuun Miseensota WBO Biyya Ambaa waliin akka ayyaneffattan kabajaan hafeeramtaniittu, guyyaa kana Hogganni ABO Dhaamsa Bara Haaraa fii Hasawaa gochuun gaaffii fii deebii nu waliin godhu. Seenaa Guyyaa WBO ilaalchisee J/ Dugaasaa Dhugoomsaa hasawaa godhu. Hawwisooti WBO kan Biyya Alaa keessatti arkamanii fii Artstooti Oromoo kan Afeeraman wal duraa duubaan faaruu warraqsaa dhiheessuun isin bashannansiisu, akkasumas Walaloolee, Shaggoyyee, geerarsa fii Makamaaksis ni jira. Miseensoti WBO warren qabsoo irratti Qaamaa hirratan fi Mana Hidhaatti Toorchiidhaan miidhaman haasawaa godhu. Miseensoti WBO tartiiban isin keesumsiisu.
Injifatnnoon Uummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment