Wednesday 17 December 2014

Sababaa Boba’aan Konkolaataa Dhibuu Irraan Rakkoon Mootummaa EPRDF/Wayyaanee Mudate Daran Hammaachaa Jira

Muddee 16, 2014 Gabaasa Qeerroo Jimmaa
Qeerroo Oromo Report - Gas 2014 1
Muddee 16, 2014 Mootummaan abbaa Irree EPRDF/TPLFn durfamu rakkoo bobaaa konkolaataa uumatatti waakkateen wal qabatee raafama guddaa keessa seene jira. Uummatni biyyattis sochii jiruuf jireenyaa kamuu dhaabuun akka gara FDGtti fuula isaa akka nanneessuuf dirqama jira.
Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaatti rakkoo dhabamuu bobaaa Konkolaataan walqabatee sochii gama konkolaataa fi taaskii fi baajajii faaan godhu dhaabee millaan sochoaa jiraachuun rakkoo ulfaataa keessa seene jira. Akka fakkeenyatti kan magaalaa Jimmaa haa kaasnu malee rakkoon ulfaataa kun yeroo amma kana biyyatti keessatti Godinaalee fi kutaa biyyatti hunda keessatti mudachuun jiruu fi jireenya uummata jeeqaa jiraachuun ibsame jira.
Sirni bulchiinsa EPRDF/TPLF abbaan irree wayyaanee gabaa addunyaa waliin sochouu dadhabuun dinagdee biyyattii fi jiruu fi jireenya uummata irran kasaaraa guddaa qaqqabsiisuun raafama dinagdee biyyatti haala tasggabbeessuu hin dandeenye keessa galchee kan jiruu tauun hubatamee jira. Yeroo amma kanatti rakkoo gama bobaaa mudatee jiruun uummatni lafa hojii isaa fi bakka barbaade gauu hanqachuun jiruu fi jireenyi uummataa haala yaddessaa keessa seene jira, haala kanaan yeroo amma kanatti konkolaatootni kutaa biyyaa irra gara biyyatti sochoanii fi taaskiiwwaan magaalaa tajajila hojii dhaabuuf dirqamuun hojii dhaabani jiru. Halli kun yeroo amma kana Magaalawwaan Oromiyaa Jimmaa, Amboo, Mattuu, Naqemtee, Gimbii, Dambii DOlloo, Burraayyuu, Holotaa, Sabbataa, Sulultaa, Sandaafaa, Laga Daadhii Laga Xaafoo, Qaallitti, Finininnee, Duukam, Bishooftuu, Adaamaa, Asallaa, Dirree Dawaa fi kutaalee biyyatti cufa keessatti uummatni rakkoo bobaaa uumameen wal qabatee tajajila geejjibaa dhaabuun rakkoof saaxilamee jiraachuu kallatti hunda irraa qeerroon gabaasa jira. Suuraan argitan kun Magaalaa Jimmatti taksiiwwaan magaalaa fi konkolaatawwaan hojiidhaaban tauu ni hubachifna.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo uummatni biyyatti rakkoo ulfaataa mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF uumeen rafama dinagdee, hojii dhabdummaa, booddetti hafinsa, Hiyyummaa, rakoo siyaasaa, qabinsa mirga dhala namummaa fi dimookiraasii keessatti kufee haala yaaddessaa fi ulfaata keessa waan jiruuf bakka jirtan hundaa yeroon harka walqabatanii mootummaa abbaa irree angoo irra qaarisuuf gamtaan qabsaan amma waan taeef bakka jirtan hundaa dammaquun warraaqsaa FDG akka makamtan waamicha isaa lammiilee biyyattii fi uummata Oromoo hundaaf dabarsuu itti fufe!
Qeerroo Oromo Report - Gas 2014 1
Qeerroo Oromo Report - Gas 2014 2
Qeerroo Oromo Report - Gas 2014 3

No comments:

Post a Comment