Monday 22 December 2014

Oduu Gaddaa: Obbo Mohammad Aadam

Mohammed Adam Phoenix 2014
Obbo Mohammad Aadam Muddee/December 16, 2014 Magaalaa Phoenix, Arizona, keessatti akkuma hujjiirraa dhufee bakka rafaa turetti adunyaa tanarraa boqotee argame. Mohammad Aadam Muummad dhaloonni isaa Harargee Garaa mul’ataa Ona Baddannoo Laga Raammis Araddaa Ija bunaa bakka ja’amtutti dhalate. Isaa dardara amma lafaa ka’u keessa lolli soomaalee fii Ethiopia jiddutti dhoowee fii warraaqa Oromoo kan qaanqeen isaa billiquu jalqabe keessa galaanni warraaqee isaan haadhaa fii abbaa isaa jalaa baasee qawwee hedhateee diinaan Oromootiin loluuf warra qawwee barbaada gara soomaliyaa deemu jala qaceele, Achumaan miilaan biyya Djibouti seenan isaafii hiriyoonni isaa. Barri isaan Djibouti itti seenan 1977 jalqaba ture.
Eega Djibouti seenan Caayaa Oromoo Djibouti keessatti ijaaramuun dirqama lammummaa bahuu jalqabe, Warra caayaa Oromoo tana akka hin ijaaramne dura dhaabbachaa ture keessatti ilmaan habashootaa waliin qabsoo harkaa fii harkaa irratti godhuun injifatanii caayaan Oromoo jabuutii akka utubamtee gadi dhaabbattu dorgaggoota godhe keessaa Moahmmed nama tokko ture. San booda gara biyya Sa’uudi Aarabiyaatti gama cehe jabuutirraa, Achittiis qabsoo Oromoo itti fufuun jaaramaya Oromoo kan achi ture keessatti hirmaatee qooda lammummaa isaa bahachuu itti fufe, yeroo Sa’uudi jirutti warra waraan bilisummaa Oromoo WBOf qaadhimamee gara dhihaatti suudaan irraan akka ergamniif qindaawe keessatti ramadame, Sa’uudii irraan mijjatuu dhabnaan gara jabuutii irraan akka suudaan dhaqaniif ammaas gara jabuutitti deebi’e.
Warri karaa mijjeessuuf obsaan nu eeggadhaa osoo ja’aniin karaan mijjatuu dhabee hireen isaaniitiis achuma jabuutitti miseensa caayaa Oromoo jabuutii hirmaatanii qooda isaanii achuu itti fufan. kun bara 1979 hanga 1982 keessa ture. Booda haalli caayaa Oromoo jabuutitiis sababii fottoqiinsa dhaaba keessatti uumameen jeequmsi seenee caayaan akka cufamtu godhame. Sana boodaa Mohammad Aadam faan achumaan hin callifnee maqaa caayaa Oromoo gara Waldaya Baqattoota Oromoo jabuutii moggaafachuun UNCHR damee baqataa jalatti if ijaaramnii kan duraan Waldaya boqottoota itoophiyaa ja’amaa ture irraa Oromoon addatti akka if ijaaranii mirga isaanii falmataniif warra duree tahee carraaqe keessaa tokko ture. Waldaya kana utubuuf warra habashootaa waliin qabsoo hadhooytuu godhanii humnaan warra habashootaa kan akka oeomoon if hin ijaarre dura dhaabbatan sun uleen tumanii hanga ableen waraanan gahuudhaan irra aananii milkii fii injifannoon waldaya baqattoota Oromoo jabuutii warra tube keessaa Mohammad Aadam isa hangafa.
Mohammad Aadam hanga Jabutii ture hojjataa warra UNCHR tahee hojjataa ture, yeroo kanatti ilmaan Oromoo kan balbala UNCHR seenuu hin dandeenye hunda lafa jalaan gargaaree akka isaan seenanii dhimma isaanii fixatan gargaaraa ture naannoo dikhil ja’amtuu fii magaalaa jabuuti keessattiis.
1991 Mohammad Aadam Muummad Hawwisaa ABO tan jabuutitti ijaaramte keessaahiis nama tokko ture, gaafamtni isaa koree hawwisoo keessatti gaafatamaa hawaasaati ture. Miseensa jaarmaya Ummata ABO jabuutii fii miseensa hawwisoo Baha Aduu tan ABO eegasii ammoo hawwisoo Caffee Gadaatiis jabuutii dhuftee hawwwisoon lamaan walitti dabalamte keessattiis miseensa hawwisoo kanaa tahee qooda isaa bahachaa ture. 1996 irraa eegalee Mohammad Aadam fii miseensoonni 9 kan biraa jaarmaya ummata ABO kan jabuutii keessaa tahanii osoo jiranii addatti namni 10 isaa waliin kan tahan WBO Zoonii Qundhudhoo jabeessuuf iccitiin if ijaaranii diinagdee fii dhiheessii adda addaatiin hanga 1999 qooda hammana hin ja’amne warra kannaa ture keessa hangafa ture.
Kan Safaaraan wayyaanee halkanii guyyaa jala buutee isaan rakkisaa jirtu Mohammad Aadam yeroo sunitti abbaa ilmaan 6 kan ture takkaa hamileen isaa cabxee ykn ilmaan isaaf ja’ee if duuba qabsoo iraa deebi’ee hin beeku ture. Mohammad Aadam 2000 jalqaba hiree alaa argachuun gara biyya Ameerikaa godaane. Yeroo jabuutii irraa bahu gara jaarmayaa fii gara dhaabaatiiniis xalayaa gaggeessaa fii tan kabajaa laatamteefii achuumaan qaama dhaamaa kan ala jiruttiis waa’ee isaa dabarsuun miseensa dhaabaa tahee biyya ameerikaa keessatiis osoo tahaa if duuba hin deebi’in hanga lubbuun isaa kuttutti itti fufaa ture. kan ameerikaa qofa osoo hin tahin WBO biyya keessallee suduudaan iccitiin qunnamee hamilee isaanii jajjabeessaa ture jaal Mohammad Aadam Muummad.
Mohammad Aadam abbaa ilmaan 8 ti yeroo ta’u haawaasa Oromoo Phoenix keessatti kabajaa fi jaalala namaa kan qabu ture. Qabsoon Oromoo nama jabaa fii abdii osoo hin kutanne qabsoo tinnisaa ture arra dhabdee jirti. Jaala keenya Mohammad Aadam Muummad rabbi rahamata haa godhuu.
Maati fi Hiriiyyoota isaa irraa.
 

No comments:

Post a Comment