Monday 8 December 2014

Ayyaana Sabaa fi Sab-lammii Sababeefachuun Burjaajii Wayyaaneen Uumaa Jiru Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ibsa Qeerroo Bilisummaa
Muddee 5, 2014
Ayyaana Sabaa fi Sab-lammii Sababeefachuun Burjaajii Wayyaaneen Uumaa Jiru Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mootummaan EPRDF/TPLF afaan qawweetiin aangootti ol ba’e umurii bulchiinsa isaa dheereffachuuf uummata kaleessa nagaan waliin jiraacha ture akka waliin hin jiraatne gochuun uummata biyyatti waliin dhahuun, sabaa fi sablammoota biyyatti walitti diruun dhiiga wal dhangalasisee umurii bittaa isaa waggaa 23ffaa ol itti fufuuf tattaafachaa jira. Haalum kanaan kan wal qabate yeroo ammaa qabatamaan sabaa fi sablammoota biyyatti irratti dalagaa kan ture keessaa dhiyoo kana addaatti uummata guddaa biyyatti uummata Oromoo jeequuf, migraa fi tokkummaa dhabamsiisuuf saboota xixiqqoo hidhachiisuunii fi walitti buusuun dhiiga wal dhangalaasisaa jira.
Godinaalee Oromiyaa gama bahaan Somalee hidhachiisuun, uummata Oromoo Godina Harargee keessa jiratuu irratti waraana bansiisuun lubbuun ilmaan Oromoo kumootaan lakka’amuu fi qabeenyii miliiyoonotaan lakka’amu barbada’era, amma illee lubbuun hedduu badaa jira. Booraana keessatti saba tokkicha gidduutti illee nagaan akka hin jiratneef jedhee shira xaxuun Booraanaa fi Gujii, Booranaa fi Garbaa fi Garrii walitti naquun uummata Oromoo Godina kana keessa jiratu keessatti nagaa fi tasgabbiin dhabamee lubbuu wal balleessuu fi dhiiga wal dhangalaasisaa kan ture mootummaan Wayyaanee itti gaafatama seeraa fi seenaa keessa ba’uu hin danda’u. Darbees, haaluma walfakkaatuun Godina Baalee nannoo ‘’Saweenaatti’’ Somaalota hidhachiisuun guyyaa har’aa illee ilmaan Oromoo nagaan qe’ee isaniitti rasaasaan reebamanii ajjeefama jiru.
Gara dhiha Oromiyaatti uummata Gumuziin hidhachiisee uummata Oromoo Godina Wallaggaa Bahaa fi lixa irratti, godina Kibba dhiha Oromiyaa Godina Jimmaatti hordoftoota Amantaa Muslimaa fi kiristaana Ortodoksii walitti diruun, uummata Yem, Bertaa fi Oromoo walitti naquun lubbuun hedduun badeera, qabeenyaan miliyonotaan lakka’amu manca’eera. Gama saboota xixxiqqoo dhaabbachuun Wayyaaneen uummata Oromoo irratti harka lafa jalaan duula kan gaggeessa ture fi jiru yeroo ta’uu seenaa dhugaa yeroo dhiyoo keessatti dalagamee kanaaf mootummaan wayyaanee shororkeessaan beekaamu itti gaafatama seeraa jala jira.
Mootummaan Wayyanee addattis uummata Oromoo irratti guyyaa saafaa waraana banuun yakka dugugginsa sanyii (genocide) gaggeessuun ilmaan Oromoo kumootaan lakka’aman ajjeesaa jiraachuu fi ilmaan Oromoo miliyoonaan lakka’aman mana hidhatti uukkamsuun har’a dhabbileen Idil Addunyaa hubachuu danda’uun raga guddaadha.
Kanaafuu, warreen akka Amnesty International ragaa guddaa dhiyeessan irratti hirkachuun Wayyaanotni yakkoota ulfaataa fi yaaddessaa ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiran kanaaf yakkamaa, seeraan mana murtii yakka aaddunyaatti (ICC) dhiyaachuu qabanidha malee ani mootummaa uummatan bakka bu’aa jedhee, nagaa fi tasgabbii sabootaan kabachiise mootummaa jechuu hin dandeenye ta’uu Qeerroon bilisummaa Oromoo jabeessee hubachiisa.
Kana malees bakkoota fi haalota garaa garaa keessatti mootummaan Wayyaanee uummaata Oromoo fi Amaaraa, Oromoo fi Tigree illee walitti buusuun dhaabbilee barnootaa fi bakkoota hedduutti dhiiga lammiilee biyyatti wal dhangalaasisaa tureera. Ofii afaan qawweetti abdatee waliin dhahiinsa guddaa sabaa fi sablammoota biyyatti gidduutti uumuun bara bittaa umrii isaa dheereffatee as ga’eera.
Dhugaa armaan olitti tuqne kun utuu har’aa illee bakkoota hedduutti haala baratameen itti fufee jiruu mootummaan Wayyaanee, EPRDF/TPLF’n durfamu biyyattii keessatti nagaa fi tasgabbii, waldanda’uu fi wal kabajuu sabootaa mirkaneesineeraa jechuun dibbee sobaa reebuun shira mootummaan shororkeessaa lammiilee biyyatti gowwomsaa jiru hoggansii Qeerroo Bilisummaa Oromoo jabeessee kan balaaleffatu ta’uu beeksisa.
Shira guddaa mootummaan Wayyaanee uummattoota, sabaa fi sablamoota biyyatti irratti dalagaa jiru erga hanga tokko ibsinee booda maqaa guyyaa ayyaana sabaa fi sablamootaan kabaja jechuun wayyaaneen dibbee sobaa reebaa jirtu ilaalchisuun hoggansii qeerroo bilisummaa Oromoo dhaamsa armaan gadii uummata Oromoo fi lammiilee cunqurfamoo biyyattti hundaaf dabarsa.
1. Wayyaaneen mirga sabaa fi sablammootaa sarbee , addatti immoo yakka duguuginsa sanyii (genocide) uummata Oromoo irratti gaggeessa jiruuf seeraa idil-addunyaatti dhiyaachuu kan qabuu fi uummata biyyatti bakka bu’uu kan hin dandeenye, waan ta’eef uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoo biyyatti wal cina dhaabbachuun mootummaa wayyaanee aangoo afaan qawween qabatee jiru irraa darbuuf bakka jirru hundaa harka wal qabatne haa kaanu!
2. Uummattootni, sablammootni fi sabootni biyyatti shiraa fi yakkaa guddaa mootummaan wayyaanee rawwachaa jiru utuu argitanii dibbee sobaa mootummaan wayyaanee maqaa “guyyaa ayyaana sabaa fi sablamootaan kabaja” jechuun olola ofaa jiru irraa qooda akka hin fudhatne dhaamsa keenyaa dabarsuun olola wayyaanota kana dura akka dhaabbatnu Qeerroon gadi jabeesse ibsa!
3. Uummatni Oromoo duula (Waraana) wayyaaneen yeroo garaagaraatti kallattii garaagaraan uummata Oromoo godinoota Oromiyaa garaagaraa keessa jiraatu irratti gaggeessa jiru jala ba’uuf Ummatni Oromoo Oromiyaa fi guutummaa Addunyaa irra jirtan mootummaa Wayyaanee of irraa darbuun bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf yeroon FDG akka guutu biyyattiitti qindeessinee gaggeessinu amma ta’uu hubachuun FDG keessatti qooda guddaa fudhachuuf qophiilee barbaachisan xumurachuun ga’ee keessan akka baatan waamicha keenya isiniif dabarsina!
4. Dargaggootni Oromoo dhaabbilee barnootaa fi haala garaagaraa keessatti argamtan barrii bilisummaa fi barrii qabsoo xummura mootummaa garboomsa itti gaggeesinu bara kana ta’uu wal hubachiisuun bakka jirtan hunadatti tokkummaa uummata keenyaa tiksuu, uummata irraa dhalatne ijaaruu, wal ijaaruu, yeroo irra gara yerootti dammaqinsa siyaasaa uummata keenyaaf gochuu,FDGf of qopheessuun ga’ee keessan akka bahattan dhaamsa keenya!
5. Ilmaan Oromoo fi ilmaan saboota cunqurfamoo mooraa Waraanaa, poolisaa fi hidhattoota mootuummaa EPRDF/TPLF keessatti argamtan seenaa dhugaa qabatamaa mootummaan shororkeessaa Wayyaanee uummata Oromoo fi lammiilee cunqurfamoo biyyatti irratti dalagaa jiruu hubachuun meeshaa waraanaa hidhattinii jiratna lammii keessan irratti akka hin dhukaafne, gara mootummaa abbaa irree humnaan uummata bitaa jiruutti akka naannessitan dhaamsa keenya utuu wal irraa hin kutiin isiniif dabarsina!
Walumaagalatti hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo sochii warraaqsa FDG biyyatti keessatti qindeessuun mootummaa abbaa irree EPRDF/TPLF hollachiisaa fi boqonnaa dhorkachaa jiru, olola mootummaan abbaa irree ittin sochii warraaqsaa qancarfachiisuuf jedhee maqaa sabaa fi sablamootaan dibbee sobaa reebaa jiru jabeessee balaaleffachuun, mootummaa Shororkeessaa wayyaanee aangoo irraa darbuuf kutannoo fi muratnoon qabsoo FDG fi kabajamuu mirga namummaa fi dimookiraasii uummata Oromoo fi lammiilee cunqurfamoo biyyatti gonfachiisuuf kan qabsa’uu ta’uu beeksisuun guyyaa ayyaana sabaa fi sablamootaa mootummaan wayyaanee dilbata dhufuu Muddee 9/2014 kabajuuf olola ofaa jiru kan balaaleffatu fi dura dhaabbatu ta’uu ibsuun uummatni Oromoo fi sabaa fi sab-lammoonni cunqurfamoon biyyattii akka isaan waliin dhaabbatan Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha isaa dabarsa.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Muddee 5/2014

No comments:

Post a Comment