Tuesday 9 December 2014

Qondaalota Wayyaanee Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammiin Dahatanii Yuuniversiti Mattuutti Eergaman Irratti Diddaan Cimaa Barattoota Oromoon Irratti Ka’een Arihamanii Mooraa Gadhiisan

Muddee 9, 2014 Mootummaan Wayyaanee EPRDF olola burjaajii maqaa ayyaana Sabaa fi sab-lammoota kabajna jechaa jiru irratti gootootni Qeerroo Oromoo dhabbilee barnoota ol aanoo fi uummatni mormii guddaan dura dhaabbachuun Wayyaanee Abbaa irree haala yaaddeessaa keessa buusan!
Muddee 7/2014 Goototni Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu olola Wayyaaneen maqaa ayyaana sabaa fi sablammoota bifa dhoksaa ta’een galgala aduu dhihaan mooraa Yuunibarsiitii Mattuu galma keessatti kabajuuf yaalii akkuma gochaa jirtuun dabbaallootni Wayyaanee akkuma galma keessatti walitti qabamteen goototni Qeerroon barattootni Oromoo dhagaan galma ololtootni Wayyaanee keessatti walitti qabamte reebuun mooraa keessa arii’uun sagantaan ololaa Wayyaanee fashale. Biyya mirgi uummata fi lammiilee biyyatti keessatti sarbama jiru, biyyaa dhiigni uummata Oromoo irratti lola’aa jiru keessatti mirga uummataa kabachifne jechuun tuffii uummata biyyattiif Wayyaaneen qawweetti amanu qabudha, kafaafuu olola sobaa dibbee sobaa Wayyaaneen reebdu dhaabbatne dhaggeffachuu hin qabnu jechuun sagantaa Wayyaanee ifatti fashaleessan. Uummatni magaalaa Mattuu tarkaanfii goototni barattootni Oromoo fudhatan kana kan deeggaranii fi hedduu itti gammaduun kan cina dhaabbatan ta’uu ibsatan.
——————

Maqaa Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammiin Kabajuun Alaabaan Mootummaa Wayyaanee (EPRDF) Yuuniversitii Madda Walaabuu Marsee Fannifame Guutummaatti Barattoota Oromoon Buqifamee Darbamuu Gabaasi Qeerroo Addeessa

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Madda Walaabuu, Muddee 8, 2014
Alaabaan Mootummaa Wayyaanee Kabaja Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammii Mooraa Yuuniversitii M/Walaabuu Irratti Kabajamuuf Fannifame, Barattootaan Harcaafame, Mootummaan Wayyaanees Mufachuun Caasaa Isaa Mooraa Keessatti Walgayii Teesisaa Jira!
Muddee 6, 2014, irraa kaasee ayyaana sabaa fi sab-lammii jedhamee biyya keessatti habashootaa fi uummata kibbaan kabajameen mooraawwan barnootaa keessatti sochii Qeerroon taasiseen barattoota biratti hin kabajamiin darbuu isaa kan gabaasneedha, haata’u malee gabaasa har’a Muddee 8, 2014 nu qaqqabe mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu irraa, guyyaa kaleessaa jechuun Muddee 7, mooraa Yuuniversitii Madda Walaabu keessatti ayyaanni kun akka kabajamuuf caasaadhuma mooraa keessaa qabanii fi barattoota habashaan hucuu aadaa fi sirboota garagaraa kan dhageessisanii fi caalmatti ammo guyya har’a kana itti fufuudhaaf alaabaa Wayyaanee mooraa keessatti fannifame hunda mooraa Yuuniversitii kana keessa kan tamsaasan Qeerroo mooraa Yuuniversitii kana irraa gabaasni nu gahee addeessa.
Barruuleen Qeerroo mooraa keessatti faffaca’anii turan ayaanni sabaa fi sab-lammii uummata Oromoo akka hin ilaallanne jabeessee dhaamsa barattootaaf dabarsaa tureedha, haaluma kanaan barattootni Oromoo mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu halkan edaa alaabaa gabroomfataa Wayyaanee maqaa golgaa Ethiopian fannifatu guutummaatti mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti bittimfamanii fi rarraafamanii turan bakka hundaa irraa funaanuudhaan, alaabaa Oromiyaa qofa kan hambisan, alaabaan guyyaan kabaja ayyaanaa kun har’a itti fufuuf mooraa keessatti naanna’ee fannifame marti barattoota Oromoo funaanamee bakka buusan kan dhabame yoo tahu, sababa kanaan har’a ayyaanni mooraa kanatti kabajamuuf karoorfame kan hin milkaayin hafee fi alaabonni funaanaman eessa akka galee fi eenyus akka bakka fannifamee buuse beekamuu baatus dhimmi ayyaana kana ilaallatu hafee mootummaan wayyaanee caasaa isaa mooraa Yuuniversitii kanatti qabuu fi bulchaa yuuniversitii kanaa waliin marii guyyaa guutuu kan qabatanii oolan tahuu maddi gabaasa kanaa kan addeessudha, Wayyaaneen kan jedhu mooraa barnoota keessatti barattootni eenyun akka dursamaa, eenyuun akka ajajamaa jiran nuuf hin galle Yuuniversitiilee keessa dhaabni ABO galee diigumsa uumaa jira, biyya keessaas dhaabuma ofii hundeessine dhaaba maqaa Oromoon hundeeffame irraayyuu shakkii qabna, ABOn haala fedha isaan barattoota leenjifate mooraa barnootaa keessa facaasee jira, haalli kun guutummaatti hanga secca’amee qoratamee bira gahamutti barumsatti fufuun barattootaa dhaabbachuu qaba, qaama mooraa barnoota keessa seenee jiru qorachuu qabna, alaabaa mootummaa fannoo irraa buusuun ulfina mootummaa fi biyyaa gadi buusuudha, kun tuffii keenya waan taheef kana irratti yeroo osoo hin kennin waan qoratamuudhaan bira gahamuu qabu bira gahuu qabdu jechuudhaan guyyaa har’aa mooraa yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti walgayiin teesifamaa oole, alaabaan fannoo irraa harca’es bakki inni bu’e hin beekamne, kan cirames jira, kan gubates jira, mootummaan Wayyaanee kaan irratti hedduu mufatee akka jiru gabaasni qixa adda addaa irraa dhimma yuuniversitii kana keessatti raawwatameen tahee nu gahaa jira.

No comments:

Post a Comment