Wednesday 10 December 2014

Qeerroon Yuuniverstii Bulee Horaa Barruulee Warraaqsaa Mirga Uumata Oromoo Gaafatu Tamsaasan

Muddee 10, 2014 Bulee Horaa
Mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessatti waraqoonni Qeerroo halkan sa’a 7:00 irraa kaasee waraqaa balaliituun darbatamtee, kaanis maxxanfame ture. Tohannaa fi hordoffiin loltoota Wayyaanee rakkisaa bakka ta’e keessatti eda halkan barruulee hedduun mooraa Yuuniversitii keessatti maxxanfamaa turuun gabaasi Qeerroo nu gahe addeessa.
Qeerroon mooraa yuuniversitii Bulee Horaa halkan edaa barataan oromoo mooraa yuuniversitii kana keessaa baratu hanga gaaffiin barataa fi gaaffiin mirgaa kan mirga uummata oromo kabachiisu gaafatamaa jiru kun deebii argatutti nyaata lagachuudhaan diddaa akka mul’isan, barumsas dhaabanii ilmaan oromoo mana hidhaa keessatti dararriin irra gaheen du’aan saaxilamaa jiran kanaaf yeroo itti gadda isaanii mul’isan, gaaffiin barataan kaasee gaaffii uummataa waan taheef haala duree fi soba kan hin dabalanne keessatti mootummaa deebii haqaa akka kennuuf barattoota Oromoo mooraa keessaa kaasuu irratti waraqoota bittimfamantu ture, barattootni ganama ka’anii hedduun osoo hin argin poolisoonni mooraa keessa deemtee funaanaa jiraachuun beekame.

No comments:

Post a Comment