Thursday 25 December 2014

Baaruu Baayisaa Daaqaa: Walaloo (Artistoota Oromoof)

Ishoo yaa kannisaa!
(Artistoota Oromoof)
Dandii fi dirree marsii coradhu nadhii dammaa
Daraaraa mara irraa dhamdhamadhu dhama;
Dhugaa fi fiigi ati saafaan hin dhorkamin
Yookaas bokkaa gannaa tasa hin sodaatin!
Yoo dirreen manca’e ce’ii deemi lagaa
Goblaan barrisi adda baasi dhugaa!
Nadhii coruun kan kee hamaatti herregame
Damma fi booka naquun dhiphina jedhame;
Jibbaan yoo reebamte ilbisa haqa hin beekneen
Sariitii fi tisiisaan waranamtee albeen.
Shira dangaa hin qabneen suuqatti gatamtee
Hamilee kee doomsuuf lammii irra adda baatee;
Kan si keessa jiru lubbuu du’u miti
Isa dhugaa seeneessu kan bara-baraa ti!
Ishoo yaa kannisaa! Suubiin ka’ii fiigi
Tisisaan hin ooliin, somoddoo irraa maqi.
Bakka garii olii qulqullaa’ii hafi
Haqaan deemaa oli qaanii malee rafi!
Marsaa sariitii tiin marfamtee utuu jirtu
Ati haqaan deemta balaa illee hin sodaattu.
Tisisatti ni himta, sariitiitti ni baanta
Dhugaa lammii keetii bookeetti ni dubbatta.
Amaaketa fi yeyyii sodaattee hin calliftu
Summii buutii fi bofaa tasuma hin dheessitu!
Ishoo yaa kannisaa, uumama akka uumaa
Soortuu qaamaa fi lubbuu tokkittii akka kumaa
Haadha ogummaa gaarii haadhoo qulqullinaa
Uggum! Yaa kannisaa mallattoo jabinaa!
Bu’aa kee lakkaa’ee yeroon si yaadadhu
Booka kee unadhee damma kee cuubadhu
Lammii koo ta’uu kee tu qirqirsee na boonsa
Akka kee sab-boonuu tu haalaan na si’eessa!

No comments:

Post a Comment