Friday 19 December 2014

Gootoota Oromo; DHARRAA DHARAA

Gootoota Oromo

DHARRAA DHARAA

Hawi Olani Kesesa irraaBoruu Barraaqaa irraa
Hawiwalaloon barreessaa seenaa gootoowwani
Awwaalame hin hafnee hojiin harka saani
Ijaan arguuf demnaa dhalooni haraaniihojjatani darban hojiwwan gaggaarii
bilisa nu baasuuf ofi qabsa´ani
dagatamee hin hafnnee bu´aan qabsoo saani
daangaa oromiyaa dhigaan kabachisanii
afaan kenyaa hiddaan gad nu dhaabanii
alaabaa bilisummaa qabsodhaan fidani
boruuDhiisi mee si baraa
Araadee si dhoraa
Gad si baasee karra
Sitti cufee karaa
Sitti ta’aa farra!Dhiisi dharraa dharaa
Dhugaatu siif araaraa
Haqa hin godhin daaraa
Heger si dararaa !
Biqiltuu dhaabani ilmaan oromootaaf
afaan ofiin baratee akka ittin barressuuf
adaa bonsaa qabuun akka ittiin bonuuf
ciqilee dinaa cabsee akka jiraatu barootaafLubbun dararamee sibilaan hidhamee
boddee hin deebinee ittuu wareegame
lammii isaatif malee bultoo mataa isaati takkaa kan hin yaadnegootootnii oromo kan garaa kutatan
kan mirga oromo dhaaf dhugaadhaan falmatan
tokkummaa oromo kan dhigaan ijaartan
ummata oromo biraa galata ni qabdandimaa magarisa dimaa kan isiin gad dhaabdan
alaabaa oromo kan itti waregamtan
yemmu isa ilaallu hundii oromotnii
qaamaan yoo darbaniis gotootnii
ni jiru nufaana janne jabaannaa qabsooniiDura Kenya jira fiiriin hojii saani
Harsaa dhaan dhabani ABO jadhanii
takkaa hin buqqauu seenaan gootowwani
lubbuu isaan hamaaruu waaqayyoo gooftaanikana ka´aniruu dhebuu saba saani
yoom iyyuu hin duu ijii hojjii saani
sidaa seenaa oromo kaánii darbani
warraa ofi dhabamee qabsoo asiin ga´ee
warrii lubbuun saani sabboonnumaa ijaaree
lubbuu deebi hin qabnee sabaaf dabarsani
abdii bilisummaa dhiigaan magarsaani
lubbuu keessan darbeef garaa sabaatu gaddee
waaqnii nu hagargaaruu inni hunda umee
waaqnii nu hagargaaruu inni hunda umee
inni isiin kessan amaanaan gotootaa
yomuu karaatti hinhaftuu dhalotatu xumura
dukkana kaleessaa dhiigaan nuf bantanii
tuulamaa fi maccaa yammu ijaartani
Eegaa maal jattani warri amma jirtani
tasa hin dagannu waadaa isaa kan saani
qabsa´an ni du´aa qabsoon itti fuufa
garbbuumaan hin kufaa
eegaa isa kana kaayyoon gootowwani
seenaa awwaalamee warraa lafaa baasani
warra bilisummaaf gaaffi lubbuu baasani
tokko lama mitti hedduudhaam isaani
Taaddasaa fi Adam Jiloo
Baaroo dhaa fi Gutamaa
Waaqo dhaa fi Baalchaa
Agarii dhaf Galmoo
Ashaa dhadhafi kulani
kana duwwaa mitti heeddu dhaam isaani
kun hundumti isaan qabsoo irrati dhumani
Injifannoon Ummata Oromoof!
Hawi Olani Kesesa

No comments:

Post a Comment