Monday 22 December 2014

Dhumaatii Barattoota Oromoof Itti Gaafatmaa Ka ta’e Dabballeen Wayyaanee Zalaalam Jamaneh USA, Naannoo Maryland maadheffatee akka Jiru saaxilame.


Zalaalam JamaaneWaggoota dheeraadhaaf sabboontota fi lammii Oromoo mana hidhaatti guursisaa fi ajjeessisaa ka turee fi ammas jabeeysee gochaa diiinummaa ummata Oromoo irratti ka raawwataa jiru Zalaalam Jamaaneh USA Steeta Maryland keeysa dhokatee bashannanaa akka jiru saaxilame.
Kitilayyoo TPLF kan tahe Zalaalam, murtii mootummaan bicuu fi abbaa irree TPLF/Tigree maqaa ‘Addis Ababa Master Plan’ jedhuun qotee bulaa Oromoo mirga abbaa biyyummaa molquudhaan lafaa f qe’ee isaa irraa buqqisuudhaan labsa sanyii duguuggaa labsanii fi sabab kanaan wal-qabatee mormii karaa nagaa gochaa fi tarkaanfii Wayyaanee kana balaaleffachuudhaan barattooti, dargaggootii fi uummati Oromoo ji’a Eblaa bara 2014 irraa eegalee kaasaniif deebiin isaa ijoollee Oromoo hidhata maleeyyii rasaasa Wayyaaneen akka dhuman nama murteessee murteessise keeyssa akka ture kan beekamu yoo ta’u, nama haala akkasiin mirga dhala Oromoo mulqee fi juumlaan barattoota Oromoo maaddii barmootaa isaanii irraa akka bineensaatti adamfamanii akka ajjeefaman gochaa turee ammas itti jiru kun kara seera qabeessa taheen biyya dimokiraatwaa tahe kana keeysatti himati itti banamee gara mana murtii addunyaatti akka dhiyaatuuf hogeessonni seeraa fi falmitoonni mirga dhala namaa hatattamaan akka irratti hojjetan dhaamsi dabree jira.
Obbo Zalaalam motummaa abbaa irree kanaaf if dabarsee kennuudhaan hojii dhiigummaa isaa kan hojjetaa ture yoo ta’u, keeysattuu yeroo bulchaa godina Wallagaa Dhiyaa turettis sabboontota Oromoo heedduu kan ajjeesise tahuu isaa kanneen seenaa fi gochaa nama kanaa keeysa beekan ifa godhanii jiru.
Yeroo ammaan tana warren biyya alaa kanatti harka laf-jalaatiin diinaaf meeshaa tahanii ummata Oromoo irratti daba hagana hin jedhamne hujjetaa fi hujjechiisaa turan Obbo Zalaalamiif dhoksaadhaan dahoo ta’aniifii if bira qubachiisanii akka jiran kan irra gayame yoo ta’u; ammatti nama yakka sanyii duguuggaa fi qe’ee buqqaasuu Oromoo irratti dalagaa ture kun osoo mana murtiitti dhiyaachuu qabuu namooti maqaan isaanii Obbo Qananii fi Obbo Mulaatuu jedhaman of bira qubsiisanii akka jiran beekameera. Haa ta’u malee, sodaa qabu irraa kan ka’e bakka qubannaa isaa jijijjiira akka jirus hubatameera.
Obbo Zalaalam alagaa lafa Oromoo irratti dhalatee guddatee deebi’ee diina uummata isa guddisee ta’us, yakka eessattis yoomiyyuu isa gaafachiisu ka lubbuu ilmaan Oromoo balleessuu, hiisisuu, qe’ee fi lafa isaa irraa buqqisee deggertootaa fi firoottan isaaf hiruu raawataa tureef gaafatamuu akka qabuu fi kanaafis qaama dhimmi isaa ilaalu mara waliin ragoota jiran qindeessanii nama yakka dalagaa turee fi ammas itti jiru kana qabsiisuudhan mana murtiitti dhiyeessuun akka qophayaa jiran Oromooti nama kanaan miidhan irra gahee fi sabboontoti ibsanii jiru.
Lammiin Oromoo naannoo Washington, DC, Marylandii fi Varginai jiraatan martinuu dhiiga ilmaan Oromoo seeraan ala dhangalaa turee fi ammas dhangala’aa jiru kana biyya seeraa fi haqi dhala namaa kabajeme kana keeysatti karaa seeraa falmachuu akka danda’amutti odeeffannoo sochii nama kanaas ta’e kanneen yakka dhala Oromoo irratti dalaganiii Ameerikaa Kaabaa keeysa maadhaffatanii jiran biroos akka wal jijjiiru dhaamsi dabree jira.

No comments:

Post a Comment