Wednesday 17 December 2014

Atlanta (Amajjii 3, 2015): Guyyaa WBO fi Guyyaa FDG

Oromo Event ATL 2014
Gara Konyaan ABO Atlanta Amajjii 3/2015 kabajaa guyyaa WBO fi Fincila Diddaa Gabrummaaf (FDG) qophiitti jira. Oromoonni magaalaa Atlanta jirtan sa’aa fi guyyaa kanaa gaditti kaa’ametti hargamuun akka guyyaa seena qabeessa kanarraa qooda kabajaaf jaalala guddaadhan isin affeerra.
Bu’aawwan qabsoo dhiigaa fi lafee gootota hedduu gaafatteen hargaman yaadachaa kanneen milkii qabsoo bilisummaa sabaa fi walabummaa biyyaaf jecha ammaleen qabsichatti milkii gochuuf wareegama addaan hin cinne kanfalaa jiran gargaaruufi jajjabeessun dirqama Oromoo qabsoo sabaatti amanu hundaati.
Bakki: 4949 Spring Chase, Stone Mountain, GA
Sa’aan: 5.00 pm /galgala/
Konyaa ABO Atlanta

No comments:

Post a Comment