Thursday 26 February 2015

WALALOO – AMALA BINEENSAA

Sirkanan Ahmed | Guraandhala 26, 2015
mqdefaultAmala Bineensaa
Nyaatee quufee yuusuun.
Olfuudhee bookisee
Boonee aananatee
Boonee uftuulee
Nama sodaachisuun.
Irraa achi siqee
Afaan arraabatuun.
Kanumaaf atillee
Olfuutee iyyite.
Yaada akkas hamaa
Nutti bulgaafatte
Gadi qabaa malee
Nu akeekkachiiste.
Yaada garaa keetii
Ka akkas hadhaawu
Ka fooliin hin tolle
Akka malee ajaawu.
Kan biyya qaxxaamuree
Addunyaa walagayu
Isa bara dheeraaf
Dhoksaan bukeessite
Garaankee guutamnaan
Nutti bulgaafattee?.
Kana namuu beeka
Eennuyyuu hin wallaaluu
Inni hanbifatte
Jechii ati hanbiffatee,
Akka kana caalu
Nagaya booressee
Kan biyya sakaalu.
Kan biyya rakkisee
Mirga namaa dhaalu
Kan Tigree olfuudhee
Oromoo awwaalu
Kalee lallabdanii
Misooma labsitu
Harra ammoo saamichaaf
Nutti wal afeertu.
Keenya buqqiftanii
Ofii wal qubsiistu
Jaalattus jibbitauus
Fudhadhaa nuun jettu
Amala waraabessaa
Ari’ee nama jala hin hafuu
Ta boruu hin beekuu
Tokkoo hin qabu safuu.
Gargalchee si nyaata
Siif hin qabu naasuu
Jalaa dheessitullee
Faanakee dhawata.
Takka takkaan qabee
Afaan si kaayata
Qaqam qaqam godhee
Si alanfataa.
Lafee caccabsatee
Dhuka arraabataa
Kanaaf falli jiru
Mala walii maluu
Harka wal qabannee
Qabsoof tarree galuu
Fuuldur dhaabbannee
Diinaan walin haleelu
Ol jannee jiraachuu
Finfinnee dhaa du’uu
Yookaan biyyee galuu.
Hunda keenya fixee
Booda haa fudhatu kan biyya kajeeluu
Ani ufii hin garreee
Fala kana caaluu
Mee isinis laalaa
Namuu haa ilaaluu
Ani ofii hin garree
Fala kana caaluu
Mee isinis laalaa
Namuu haa ilaaluu
Sirkanan Ahmed
10991360_1060201257339690_5608567561773141789_n

No comments:

Post a Comment