Sunday 22 February 2015

Waamicha Hawaasa Oromoo Biyya Sudaaniif

Guraandhala 21, 2015
Nuti miseensotni maadheelee ABO Biyya Sudaan magaalaa Kaartumii fi naannawaa isheetti argamnu gaafa guyyaa 15/02/2015 walitti dhufnee haala yeroo irratti marii bal’aa godhatuun xumura irratti hawaasa Oromoo biyya Sudaan keessa jiraatuuf dhaamsaa fi yaamicha armaan gadii dabarsine.
  1. Akkuma beekamu jilli ergamtuu Wayyaanee Abbaa Duulaa Gammadaa ykn
    Minaasee W/Goorgisiin hogganamu kaayyoo ergamtummaa wayyaanee bakkaan gahuuf lammiilee keenya gowwoomsuuf hawaasa Oromoo biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa, Awustiraaliyaa fi Kanaadaatti  bobba’ullee, yaaliin isaanii harkatti fashaluun qaanii aguuggatanii salphinaan akka deebi’an ni beekama.
Amma ammoo biyyoota ollaa irratti yaalii ijibbaataa ykn kasaaraa biyyoota alaa keessatti isaan irra gahe gumaa ba’achuuf wixxifataa jiru. Karoora isaanii keessaa tokko hawaasa Oromoo biyya Sudaan keessa jiraatutti bobba’uu dha. Waan ta’eef lammiileen Oromoo baqattummaan biyya Sudaan keessa jiraattan waamicha lukkeelee fi ergamtoota Wayyaanee irraa isinii darbuuf akka hin awwanne, walgahii isaan geggeessan irratti akka hin argamne kabajaan isin gaafanna, isin yaadachiisna.
  1. Kijibaa fi gowwoomsaa adda addaan deemuun wanneen ergamtootni wayyaanee kunniin qabatanii ittiin hawaasa Oromootti bobba’aa jiran keessaa:- Mana Kondominiyemii fi lafa naannawaa Finfinneetii isinii keennina jedhanii isin gowwoomsuu fi isin sossobuun boondii akka bitattanii fi sirna cunqursaa ummata keenya miidhaa jiruu fi isiniin illeee jiruu fi jireenya hammeessee akkasumas siyaasaan isin yakkee baqa isin afeere jalatti akka biyyatti galtaniif dhiibbaa isin irratti gochuu dha. Gowwoomsaa isaanii kanaan oggaa gara biyyaatti galtan akkuma ummata keenya biyya keessaa hidhaa fi ajjeesaa jiran, isiniinis akka hidhanii fi ajjeesan beekuun barbaachisaa dha. Kaayyoon wayyaanotaa fi ergamtoota isaanii lammiilee/obboloota keenya hidhaa fi ajjeesaa umrii bittaa abbaa irrummaa isaanii itti fufsiisuuf yaaluu dha. Kana malees ummata keenya lafa isaarraa buqqisanii abbaa biyyummaa isaa haalaa waan jiraniif, yaamichaa fi walgahii wayyaanotaa kan ergamtootni isaanii qabatanii deemaa jiran kanaaf awwaachuu fi irratti argamuun seenaa gurraattii lafa ka’anii darbuu akka ta’e hubachiisna.
Lammiileen Oromoo biyya Sudaan keessatti argamtan kana hubattanii yaamicha diinni isinii godhu lagachuu fi dura dhaabbachuun dirqama keessan ta’uu hubachiisna. Diinota keenya dura dhaabbachuu yeroo jennu maloota adda addaatti gargaaramnee saaxiluu fi qaanessuu qabna.
Diinnii fi ergamtootni diinaa ummata Oromoof rifaatuu tokkollee akka hin qabne beekamaa dha. Akka fakkeenyaatti haasaan Abbaa Duulaa ykn Minaasee W/Giyorgis kaafamuu danda’a. Biyya Sa’ud Arabiyaa deemee safuu dagatee ummata haala adda addaan walitti qaban dura dhaabbatee “kan biyya keessatti hidhamanii fi ajjeefaman machooftota, kashalabbootaa fi saamtota” jechuun dhiiga ijoollee Oromoo sarbamuu mirga Oromoof karaa nagaa dubbatan sirni inni ergamuuf dhangalaasetti qoose.
Sun isa hanqannaan ilmaan Oromoo cunqursaa fi hiraara sirna mootummaa wayyaanee jalaa lubbuu isaanii baafachuuf baqatanii biyyoota ollaa keessa jiran gara biyyaa deebisee hiraarsuu fi ajjeesuuf akeekkate. Malee ummata kanaaf mararfannoo qabaatee miti. Waraabessa nama nyaachuu aadeffatee biyyarraa biyyatti darbaa jiru kana dura dhaabbannee salphisuuf waan yeroon gaafattu godhuun nu irraa eegama jechuun hawaasa Oromoo biyya Sudaan beeksisna. Kunis dirqama lammiilee Oromoo hundaa ta’uu hubachiisna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Miseensota Maadhelee ABO Biyya Sudaan
Gurraandhala 15,2015

No comments:

Post a Comment