Eddoo Addaa Addaatti Hiriira-mormiitifi Gaffilee akka OPDOtti Deebisuu Hindandeenyen Dhiphachaa Jirti

Gurraandhala 10, 2015
OPDOn biyyaa addaa addaatti mormiin ishe muuddata jira. Haaluma kanaan magaala Stockholm/Sweden irratti gaafa Guraandhala 7, 2015 gaaffileen dantaa Oromoo kallattidhaan ilaalatan heddu kaan gaafataman  yoota’u ergamaan OPDO, Dhaaba Dabalee akka OPDOti hanqni akka jiru ammanuuf dirqamuus deebi sirri itti kennu hindandeenye, silaays akka deebsu hindandeenye beekamaadha. Gaaffileen dhiyaatan dhimoota akka:  Maqaa investmantiitin badiin oromoo irra gahaa jiru, Aangoo OPDO kan TPLFn danga’e ta’u isaa,  Dhimma Finfinnee fi rakko oromoo, Ugguramuu guddina Afaan Oromoo fi aarti, Ugguramuu bilisummaa amantiilee fi miidiyaa (media) fii Rakkoolee daangaa Oromiyaa  irratti kalattiidhan kan xiyyefatan ture. Gaaffilee ka’an keessa hangi tokko kan armaan gadi kana:
Opdo Stockholm sweden oromo comunity
  • Oromiyaa misomsaa jirraa jechaa nama biyyaa ala jiru afaanfajjesuuf odeessa jirtu. Ilmaan oromoo tiif garu mana hidhaa babaldhisaa jirtu. Kuni misomaa?
  • Oromoon eddoo baayyedha (Finfinnee, Harargee, Baalee kkf) buqa’a jira. Keessumattu Oromiyaa bahaa irratti humni mootummaan qawwee hindhachiise ilmaan oromoo ajjeesaa lafaa fi qabeenya irraa saama jira. Issin warri OPDO maal eegdu yeroo ummanni dhumu kana? Yoo qawwee dhabdaan seerri jira jettan kuni ho maaf badii kana ittisuu dadhabe?
  • Maqaa investmentitin ilmaan oromoo manca’a fi baqataa jira, nannoon summidhaan badaa jira. Badii kanaatti OPDOn itti hingaafatamtu?
  • Finfinneen Magalaa gudditti Africa oso ta’eyyu maalif bulchiinsa Oromiyaa jalatti hingallee?
  • Afaan Oromoo guddisne jettu, garu Afaan Oromoo maalif hanga amma afaan federalaa gochuu dadhabdan?
  • Ijjoollee oromoo harka qullaa ba’ani mirga isaani waanta gaafataniif qofa, waraana Agazitiinrasaasan dhumuun isaani isin warraa OPDO hingaddisiisu?
  • Biyyaa bulchaa fi misomsaa jirraa jettu, garuu akkuma OPDOtti amata 20 oliif ilmaan oromoo sadarkaa angoo murteessa ta’an kan akka muumchaa minsteeraa, minsteera dhimma alaa kkf qabachuu hindandeeny. Kanaafu OPDOn biyyaa bulcha hinjirtu. Hanga yoom akanatti itti fuftu?
  • Minsteera ittisaa keessa ilmaan oromo sadarkaa olaanatti akka hinguddanne ugguramani, sadarkka gadi aanatti qabamani jiraachun isaani kun akka OPDOtti maaltu isinitti dhagayama? Hangaa yoomitti ofifis sodaachaa ummataas ficisisaa jiraattu?
  • Dimookraasi guddisaa jirra jettu, gamaa biraatin ammoo dhaabolee akka OFC (oromo federalist congress) akka dorgomee hininjifanne ugguraa jirtu. Ilmaan oromoo barumsaa ga’a qaban kara OFC dorgomaani akka hininjifanne gochuun kun dimookirasii dagaagsudha?
  • Ilmaan muslima waanuma mirgaa amantaa isaanii gaafataniif qofa ajjeefamun kuni maali?
  • Hawaasa oromoo dubbifna jechaa biyya alaa keessa deema jirtu. Garuu bakka hundatti oromoota osoo hinta’in saba biraatu isin simachaa jira. Walga’i keessan Tigrootatu hordofa jira. Kuni isiin hinqaanessu?
Deeggartootni OPDO/TPLF tokko tokko OPDO dhaf harka dhau’uf kan argamani turan carraa akka hinargannee waan ta’ef akkasumaas gaffilee armaan olii kanneen yeroo dhagayaan sodaatani osoo yaada deegarsaa hinkennin bahuuf dirqamanii jiru.
Oromo protest against the Ethio govt agents in Melbourne

MN Oromos attack Abba Duulaa at a restaurant, Minnesota

Frankfurt, Germany

TVOMT: Boobbaan Mootummaa Wayyaanee Salphinaan Xumuramte!