Saturday 21 February 2015

Ibsa Ejjennoo Jaarmiyaa “Deeggarsa Qeerroo Idil-Addunyaa”

qeerrooInternational Qeerroo Suupport Group (IQSG)
Dhaabbata Deeggarsa Eeerroo Idila Addunyaa
Guraandhala 20, 2015
Uummatni Oromoo erga gita bittoota Habashaa jalatti kufee eegalee mirga abbaa biyyummaa fi diimokiraasii mirkaneeffachuuf qabsoo hadhooftuu gochaa ture, ammas gochaa jira. Qabsoo hanga ammaatti taasifameenis galatni guddaan qabsaa’otaa fi sabboontota Oromoof haa ta’u malee bu’aawwan cululuqaan ifatti mul’atanii fi diina haalaan rifaasisan galmaa’aniiru.
Bu’aawwan bonsaa fi seenaan yoomiyyuu yadatu keessa inni tokko qabsoon bilisummaa abbootii irraa gara qeerrootti hundee jabeeffatee xiiqii fi seexaan guutamee ijaaramuu isaati. Yeroo ammaa qabsoon uummata Oromoo haala kamiinuu sadarkaa duubatti  hin deebinerra gahee jira. Sodaa fi raafamni wayyaanees haaluma kana waan hubatanii fi akka duriitti Oromoo qooduun, sobuunakkasumas siyaasa rakasaa ta’een bulchuun ulfaata akka ta’e ifatti mirkaneessatanii jiru.
Rifaasuun mootummaa abbaa irree biyya bulchaa jiru qabsoo uummatni Oromoo karaa kamiyyuu gochaa jiruuf gamachuu qofa osoo hin taane abdii yeroon abbaa biyyummaa mirkaneeffachuun gabaabachaa dhufuu isaa argisiisa. Haaluma kanaan torban kana keessa dhaadannoon Obbo Abbaay Tsahaayeen “Addis Ababa Master Plan” ilaalchisee afuufames abdii kutuu mootummaa abbaa irree biyya bulchaa jiru kallattiin kan agarsiise ta’uu irra darbee uummata oromoo lakkoofsaan 70 ol ta’an sababa kanaan loltuu mootummaan kan ajjeefaman osoo dhiigni isaanii hin qooriin dhaadachuun isaa kufaatii mootummaa kanaa kan safisiisudha.
Jaarmiyaan “Deeggarsa Qeerroo Idil-Addunyaa” dhadannoon namicha kanaa kaayyoo dhaabbanneef kan cimsu fi daran xiiqii nutti horee ofkenninee akka qabsoo qeerroon gochaa jiru cinaa dhabbatnu kan nu taasisudha. Qabsoon uummata Oromoo dorsisaa fi dhaadannoon osoo hin taane meeshaa waranaa motummaan abbaa irree impaayeritti qeerrootti dhukaaseen taakkuu tokkollee duubatti hin deebine, ammas hin deebi’u
Kanaafuu ejjennoo Qeerroon bilisummaa dhaadannoo namicha kanaa dura dhaabbachuuf hanga wareegama lubbuutti kennuuf baase ni deeggarra. Haaluma kanaan
  1. Uummatni Oromoo biyyaa alaa fi biyya keessa jirtan marri bakka jirtanitti mormii keessan haala qindaa’een akka dhageessiftan kabajaan isin gaafatna.
  2. Jarmiyaaleen siyaasaa Oromoo kamiyyuu diina qeerroo Oromoo dhabamsiisuuf ka’e dura dhaabbannee mirgaa fi dimokiraasii uummata Oromoo akka mirkaneessinu kabajaan isin gaafatna
  3. Arbasoo fi dhaadannoo namichi kun taasise tufii mootummaa abbaa irree uummata Oromoo fi dhaaba Dh.D.U.Of qabu waan mirkaneesseef miseensotni Dh.D.U.O carraa kanatti gargaaramuun ammaa egaltanii hariiroo mootummaa kana waliin qabdan dhaabdanii qabsoo qeerrootti akka makamtan isin afeerra
  4. Dhalootaan Oromoo kan taatanii fi shira mootummaa abbaa irree kanaa kan hubattan loltootni raayyaa warana keessa jirtan yeroon uummata keessaniif seenaa boonsaa hojjettan amma waan ta’eef qabsoo qeerrootti makamuun itti gaafatamummaa seenaa fi seeraa jalaa akka baatan isin hubachiifna
Haaluma kanaan Jaarmiyaan “Deeggarsa Qeerroo Idil-Addunyaa” qabsoo qeerroon Oromoo taasisaa jiru akka walii galaattii fi mormii dhaadannoo namicha kanaa ilaalchisee taasisu karaa kamiinuu cinaa akka dhaabbatu maqaa wareegamtoota fi qabsaa’ota Qeerroo Oromootiin waadaa isiniif galuu ni mirkaneessa.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Koree Qindeessituu Jaarmiyichaa

No comments:

Post a Comment