Tuesday 24 February 2015

Eenyudharee Goonni??

Jiituu Lammii |Guraandhala 24, 2015
Hayyoonni seenaa warra dhiyaa “Tamerlane.”  Jechuun yaadatu. “Timur the Lame” Isa jedhu gabaabsanii yoo waaman. Miilli isaa inni mirgaa waraanarratti miidhameetu naafatti fayye. Kannaf akkasiin moggaafame.  Maqaan dhugaa ‘Timur’ jedhama. Bara 1336 – 1405tti jiraate. Timur Impaayera “Mongol Empire” jedhamu erga dhaalee booda weerara babal’aa geggeessun handhuura Eezyiyaa kessatti  bulchinsa ‘Timurid dynasty’ jedhamu hundeessuu danda’eera.
Waa’een hammeenyaa fi gara jabinaa yoo ka’e “… kan isatti akeeku addunyaa kanarratti takkata.” Jedhu warrii seenaa isaa himan.  Uzbeekistaan har’aa dabalatee biyyoota akka  Parshaa,  Mesoppotaamiyaa, Raashaa, Gorgiyaa, Indiyaa, Sooriyaa fi Tarkii weerareera. Lammilee biyyota sanaa miliyoonaan  lakkaa’aman ajaja isaan qalamaniiru.  Jiraa awwaalamaniiru. Taaksii ykn. gabbara naa kennuu diddan sababa jedhuun  Iraanitti waraana ergee magaala tokko keessatti qofa   daa’imaa fi dubartii dabalatee namoota 70,000 ta’an guyyoota lama keessatti akka qalaman taasiseera. Wanti lubbuu qabu dachee sanarratti akka hin mul’anne jecha shimbirroo samii keessaa fi antuunni  bool’a keessaa otoo hin hafne adamsuun ajjeefamaniiru. Lafee mataa namaatiin  gamoo guddaa ijaarsiseera.
Timur bara 1398, Saaminsa Warqeef jecha biyya Indiyaa weeraruun magaala Deelihi keessatti  ummata nagaa 100,000tti lakkaa’amu guyyaa tokko qofatti  sootalaa fi eeboon ficcisiiseera.  Yakkii fi hammeenya seenaa nama kanaa waliin ka’u yoo tarreessan dhageettii gurraaf hin tolu. Warri seenaa nama kanaa qoratan akka dubbatanitti lubbuun miliyoona hedduutti lakkaa’amu ajaja nama kanaatiin akka qalamte raga lakkaa’anii dhiyeessu. Timur hammeenya walfakkaataaf Chaayinaatti bobbaarra otoo jiruu Gidduutti harki Rabbii qaqqabee du’aaf yoo wargamu “… qoricha barbaachas hin dadhabiinaa, anaaf jecha gadda guddina wayyaa keessaniis of irraa hin baqaqsiinaa…. Anaaf  dhiifama qofa Rabbirraa  naaf kadhaa…” jechuun sagalee dadhabaan namoota wargamsuu keessatti afuura isaa dhaggeeffataa jiraniif dhaame jedhama.
Kuni seenaa dhugaa ti. Seenaa hammeenya nama garii garii mul’isu. Namoota afuura akkasii qabantu har’allee addunyaarratti biqilaa jira. Addattimmoo qe’ee keenya keessatti bobba’ee argama. Dubbiin dhiyeenya kana dhagahaa jirutu seenaa kanaan wal natti fakkaate. Ijoon dubbii kiyyaas kanarratti fuulleffata.
Xinxaltoonni  xinsammuu hawaasaa warra amala akkasii qabaniin ‘Malignant narcissists’ jedhu.  Namoonni amala akka kanaa qaban: ofittoo dha; eenyumaa ol akka ta’anitti of ilaalu.  Namummaan nama kaanii itti hin argamu. Kanaaf yeroo fedhan balleessuu ykn. akka fedhan tolchuu akka waan danda’anitti hubatu. Gaaddidduu isaanii  shakku. Nama hunda akka diinaatti ilaalu. Kanaaf bakka deeman hundatti eeboo darbatu. Sagalee guddaan dhaadatanii warra bulchinsa isaanii jala jiran hunda gaadiddisaa soda keessatti tiksuuf yaalu. Soba guddatu. Kakuu heddummeessu; garuu yoosuu cabsu. Lubbuu galaafachuutti gammadu. Maal naan jedhuu fi qaanii hin beekan. Shororkeessitoota. Jeequmsa uumuun xiyyeeffannoo hawachuu yaalu.
Adunyaan kuni namoota Afuura akka kanaa qaban hedduu horatteetti. Fagoo otoo hin deemne hooggantoota TPLF yaadachuun fakkeenya dubbii kanaa salphaatti dhiyeessuun ni danda’ama. Abbay Tsahaayyee oggantoota wayyaanee amala ‘Malignant narcissists’ qaban keessaa isa tokko. Dhiiga malee jiraachuu hin danda’u. Mudde 2003 labsii duguuginsa sanyii saba Anyuwaakirratti labseen ummata nagaa  1200-3000 ta’an ajjeechisiiseera. Maatii guutuu manaa waliin gubsiiseera.  Harkaa miila walitti hidhanii karaa konkolaataa gubbaatti guuruun jiraatti konkolaataa irra oofsiseera.
Bara 2007 humna waraanaa moggaasa ‘liyyuu Force’ jedhamu ijaaruun Oromiyaa Bahaa, Onoota Mayyu Muluqqee, Asabot, Bordoddee fi Mi’essoo keessatti Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’an ficcisiiseera. Baruma kana seenaa ajjeechaa Gaara Suufiillee yoo yaadanne, qoodni nama kanaa jabaa ta’uu hubanna. Ogaadeniyaa bakkeewwan Qabridahar, Qallaafee,  Dhagahabuurii fi bakkoota biroo keessatti  sagantaa baasuun ummanni ajaja nama kaanaatiin guyyuu dhumaa jiru hanga hin qabu.
Bara 2005 eegalee duula saamicha lafaa Oromiyaa, Ogadeniyaa, Sidaama, Omoo, Affaarii fi Gambeellaa keessatti raawwachaa jiru oogganuun  ummata hedduu qe’eerraa buqqisee rakkina adda addaan akka dhuman taasiseera. Bara 2004 eegalee karoora magaalaaleen Oromiyaa: Jimma, Adaamaa, Bushooftuu, Dirreedawaa, Awwadaay, Mooyyalee fi kanneen biroo maqaa “bulchinsa federaalaa jala galchuu” jedhuun  kallattiin daldaltoota Tigreef akka kennaman yaalii jabaa godheera.
Bara 2014 saamicha lafa Oromoo naannawaa Finfinneetti argamu aanjessuuf humna Agaazii jedhamu dhaabbilee barnootaa fi magaalota Oromiyaa hedduu keessatti bobbaasuun daa’ima ganna sagalii dabalatee  ilmaan Oromoo dhibbootaan lakkaawaman ficcisiiseera.
Hunda caalaammoo itti fufiinsa karoora kanaa dhiyeenyatti kan itti fufu ta’uu haala amala naarkisistummaa isaa mirkaneessuun fuulleetti dhaadateera. Namuma kaleessa dhalattuu saba kanaa dhiiga karaarratti dhangalaasaa turetu har’as balbala dhaabbatee “… meerre dhiirri…?” jechaa jira. Kuni Oromoof dubbii booree ti. Yoo akka koof kuni dhalataa dhugaadhumaan maqaa saba kanaa lakkaawwatu kamiifuu qaanii jabaa dha. Maal taaneetu hanga kanatti tuffatamna? Warri dubbii akka kanaa nurratti bulgaafatan uumamaani moo Uumaan nu caalaniitu? Moo nutu beekaa fi goota dhabe laata? Waa hedduu deddeebifnee ofis walis gaafachuu qabna. Tarii “sodaatu akkas waakkachiisa.” jechuu malla. Yoo akkasis ta’e “Ashuu!” Garuummoo dhugumatti hanga diinni nu sodaatu geenyaa? Isuma sodaataa nutti deemaa jiru kana dhuguma akka warra diina sodaachisuutti of irraa qolachuu  dandeenyaa? Ammas Seenaan dubbii eenyummaa keenya madaalu qabattee marroo biraaf  nutti marmaarteetti.  Isin waan jettan mooji malee ana  qalbiin  goota gaafa xiiqiin na dhaggeeffachaa jirti.  Isa dachaa lama sadii furga’ee roorroo diinaa qolatu; isa miixuu roorroo keessaa dhalatee roorrisaa sabarraa deebisu; kan ofii wareegamee fakkaattii warra ‘Timurlane’ sabarraa qolatu waamti. Eenyuudha ree Goonni! Owwaannaa isaan eega!

No comments:

Post a Comment