Wednesday 25 February 2015

Shira Lukkeelee fi Gooftoota Isaani Gaomee Dhugaa

Yeroo keessa jirru kana keessatti Wayyaaneen Kittilayootaa/Lukkeelee biyya alatti bobbaasuu fi tuffii Ummata Oromoo irraa qabdu ifaan ifatti garsiisaa jirti. Tuffii fi shayni duguuggii Wayyaaneen saganteefatte itti jirtu waan haaraa fi kan yeroo ammaa qofatti shallagamu waan hin tahiniif dhimma kana laalchisee barruu itti aanu irratti bal’inaan waa jachuuf yaala. Amma garuu Baoobbaa eergamtoota Wayyaanee irratti xiiyyeefadha.
Dhimma kana laalchisee Sabboontoonni Oromoo Magaaloota adda addaa keessatti mogolee ergamtootaa cabsuun waan deemaniin irratti fashalsiisuu otuun hordofaa jiru TV Ethiopia irratti waan ergamtoonni Wayyaanee totolfatani dubatan dhagayee, galmee sirreessuu ykn saaxiluuf qalama kiyya kaasuu dirqame – na hofkalchaa.
Akkuma beekkamutti bobbaanan ergamtoota Wayyaane kan Australia, Kaaba Ameericaa , Saudi Arabia, Scandenavia keessatti bobbahe ture. Amma ammo Biyyoota Africa tokko tokko keessatti akkuma bobbaa waliigalatti saganteefatan gaggeesuuf qophiirra jiru. Qophii Biyyota Afrikaa keessaa naannoo Kenyatti gageefachuuf yaalan akka maletti irraa fashaluun isaa nu hundi dhageenyee jira. Kuniis qaama Sabboonoonni bobbaa tana fashalsuuf godha keessaa akka isa tokkotti fudhatama.
Walumaa galatti Bobbaan Isaani kun kan saganteefame jibbansa ummanni isaanirraa qabuu fi itti dhihaachuu diduu biyya keessaa dabalee biyyoota Alaa kana keessatti ilmaan Oromoo idil adunyaa keessa jiraatan Sochiin diina Ummata isaani irratti 2014 keessatti godhan hedduu rifachiisuu irraa kan ka’e eergamtoota isaani eerguun sosoobuuf akka tahe beekkamaa dha. Sochiin idila adunyaa keessatti bifa adda addaan godhame kun FDG Qeerroon biyya keessatti qabsiifamee ummata guutu Oromiyaa keessatti hammachaa jiru kun dhukkubbii mataa itti tahuu bira taree, mootummaa jeeqoo fi biyyatii sana amma bulchuu hin dandeeenye mirkaneessaafi waan dhufee; soda sanirraa kan ka’e human gamtaan biyya keessaa fi alaan ciminaan irratti xiiyyeefate kana addaan facaa suu fi yeroo bitachuuf akka tahe beekuun nama hin rakkisu.
Toftaan dulloomaan isaa deemananiin Cidha Diaspora biyya keessatti qopheessani namoota garaan bultoota tahan ummata dura qabuun Oromoonni biyyoota alaa jiran nu bira dhaabbachaa jiru jachuuf akka tahe salphina biyyoota dhaqan hunda keessatti irra gahe dhooysuun TV Ethiopiairratti wanni isaan jedhan raga guddaa dha. Tan duraa bobbaan isaani golgee
Sabboonoonni quba qabeenya Hawaasa isaaniin walgahii sanirratti argaman akka gabaasanitti gaaffiilee Baratoota Ajjeesuu, hidhatti guuruu fi mana barnootaa irraa arihuu; akkasumas gaafii qircannaa lafaa fi Master Plan laalchisee ka’eef akka hin deebisin himu. Bakka dhaqan hundatti dhokatani deemuun kanneen qubaan lallaawamani akkuma isaanitti ayyaan laallatoota tahan fi kanneen isaan afeeraman qofa dubbisani deemuu isaaniti. Namoota oromoo bakka buuna jedhani deeman kan oromoo irraa dhokatani hamma lammilee birootillee bakka hin kanniniif ayyaalaalatoota kanaan maal haa jannu!
Walgahii namoota muraasaan waliin taasisan keessatti fi Video isaan garsiisan jedhame keessatti Misooma, Ammas Misooma jachaa akka turan beekkamaa dha. Kun ammoo Minilik Misooma (Maqnat) jedhee ummata Oromoo lafarraa turerraan adda akka hin tahini fi Ummanni oromoo sadarakaa isaan itti yaadan kanarra dacha dammaqee akka jiru hubachuu akka dadhaban ykn hin beeyne garsiisa.
Hundaafuu erga kana jedhan booda kan isaan namaan sobuu yaalan Lafa mana irratti jaarrattan isiniif kennina, Daldaala (Business) banachuu yoo barbaaddan tajaajila addaatu isiniif godhamaa fi Kondominiyam bitachuu dandeessu faa kan jedhu ture. Wanni nama dinqaa garuu Kan maqaa misoomaan kaznaan isaa guute Wayyaanee akka tahee fi Oromoon Lafarraa buqaafamuu malee misoomina isaani irra akka faaidaa hin argatiin beekuu dhabuu isaaniti. Karaa biraan ammo kannee tanaadura ayyaan laalatummaan sobamani biyyatti daldaala goona fi mana jaarran jedhani deemanilleen kisaarani akka deebi’an iccitii gabayaa irra bahe tahuu osoo beekanu waan jedhaa jedhamani ergaman qofa jachuuf fuula namaa dura dhaabbachuun isaani hammam takka akka garaa isaaniif jacha bahani sobuuf qophii tahan garsiisa.
Kan biraa bakka deeman hundatti Koree ayyaan laallatootaa jaaruu dha. Kana keessaa naannoo Magaalaa Stokholm keessatti Koree Scandinavia jachuun kanneen dhaaban namoota faa’idaa Sabaa irraa eegan akka hin taane hubatamee jira. Galmeedhuma seenaaf ammo yoo tuqaman: 1.Dirree Misheele Rufael (yokkan darajje mishel) akka DT koree saniii 2. Xaafa Gonfa warra 3. Saiid Jibril, 4. Shaame Yusuf, 5. Abdul Waasi
Akka tahan beekkamee jira. Namoonni kun hundi ayyaan laallatoota fi kashlaboota maqaa oromoon Kolu galtummaa argatan dha. Waan taheefis Hawaasni naannoo sana jiru ciminaan ofirraa eeguufi karaa dandayame hundaan saaxiluun irraa eegama ja’a.
Bobbaa eergamtoota Wayyaanee kana irraa waa hedduun baramee jira. Inni duraa eenyu eenyu akka tahe Hawaasni naannoo iiruti baruun siaa bu’aa qabsoo kanaa akka tahe hubatamuu qaba. Kan biraa haala amma isaan dhooysaan walgahii itti godhatan kana hawaasni irraa barnoota fudhatee fulduraaf haallan akkasi yoo deeb’an irrina amma mul’ate irraa barachuun fulduraaf akkataa hatattamaan wal yaamuu dandayan tokko qopheefachuuf kan gargaaru tahuun barnoonni irraa baratame jira jedheen yaada.
Kana malees kanneen sabboonoota fakkaatani nu keessa jiraachuun lafa jalaan hojjachaa jiran bakka heddutti saaxilamuun isaani barnoota guddaa akka nuuf kenne beekkamaa dha. Kanumaan waliin kannee bakka akkasitti argamuu ni qaban jannee yaadaa hin turre kan akka Dr. Galaanaa Gobanaa kan magaalaa Stokhol jiraatu eenyummaa isaani akka agarru dhufiitii ergamtoota Wayyaanee kun nu garsiisee jira.
Akkuma gubatti tutuquu yaalee bobbaan kun gara biroon Sochii Qeerroo biyya keessaa dadhabsuuf akka tahees hubatamuu qaba. Kan isaan hin beeyne garuu Qeerroon sochuu biyya alatti tahe kanaafu akka hundee tahini dha. Kan biraa baqatoota keessaafu biyyoota olla keessa jiran gurmuu isaanii cabsuu bassaasoota keessatti habaqaaluu, waliin dhawuu fi sosoobabuun maqaa baqatummaan daldaaluun mirga biyya itti baqatan irraa argatan shakkii jala galchuu dha.
Karaa biroon Sabboonoota Ilmaan oromoo biyyaa fi ala kanatti sobuu fi facaasutti yoo milkaawan QBO dadhabsuu akka tahe hubatani kan itti bobahan fakkaata. Waan taheef jiraatoonni biyya alaa jirani fi baqatoonni roorraa dinarraa kan ka’e biyyaa baatan kanneen baqatoota fakkaatani, UNHCR fi mootummoota biyyaa biratti galmaawuun Motummaa Wayyaanee fi Kittilayoota isaaniif hojjatan fi hujjii basaasumaa irratti bobahan ciminaan ofirraa eeguu qabu.
Jarri kun maqaa ilmaan Oromoo Arsaa kana hin jedhamne baasani oromoo beeysisani dhawachuun ULHCR biratti beekumsa argachuu ykn Mootumoota gara garaa biratti galmaawani mirgan baqatummaan teesuma biyyaa argatan qoratani saaxil baasuun murteessaa dha jadha. Diigni ilmaan oromoo kan gadi naqame, lafeen kan itti cabxee, mana hidhaa itti guuraman fi biyyaa itti baqatan Wayyaanee jiraachisuu osoo hin tahin Wayyaanee fi sirna dhufaa dabraa kana hiddaan buqaasuuf akka tahe dursatti beekkamu qaba.
Sabboonummaan ni dagaaga
Oromoon injifannoon shira Wayyaanee fi Lukkeelee isaani irra ni aanti.

No comments:

Post a Comment