Saturday 28 February 2015

Waamicha ataattamaa miseensota OPDO dhiigaan Oromoo taatanii fi miidhan saba keessan irra gahaa jiruu kan isin ilaalu maraaf

Guraandhala 28, 2015
Koreen hojii raawwachiiftu waldaa dargaggoota Oromoo Arizoonaa walgahii ataattamaa guyyaa 02/19/15 yaameen, haala master planaanii Finfiinnee ilaalchiseen wal qabatee waan yeroo amma biyya keessatti deemaa jiru ergaa bali’innaan xiinxaleen booda waamicha ataattamaa kana siniif dabarsuuf dirqame jira.
Akkuma hundii keenya beeknu mootummoonni habashaa bittaa cunqursaa uummata oromoo irratti diriirsuu dhaan  qe’ee fi qabeenya ormoo irratti abbaa ta’u kan danda’an akkasuumas siyaasaa fi diinagdee biyyattii irratti ol’aantummaa argachuu kan danda’an, oromoota muraasa saba keessaa filanii dantaa mataa ofiitiif jecha sossobuun akka ta’ee waan dhoksaa ta’ee miti. Oromootni heedduun diina keessa teenyee jijjiirama siyaasaa biyya keessatti fidna jedhani dhama’aa turan. Haa ta’u malee garuu hundii dhumni isaani sirna amanamummaan tajaajilan keessaa salphinaan ari’atamuu akka ta’ee fakkeenya hedduu kaasuun ni danda’ama.
Presidaantiin naannoo Oromiyaa durani obboo Junaddiin Saaddoo baroota angoo irra tureetti magaala gudditti Oromiyaa Finfinnee irraa gara Adaamatti jijjiiruudhaan abbaa biyyummaa Oromotni Finfinnee irratti qaban dhabamsiisuudhan yakka(balleessa) seenaa keessatti hin dagatamne hojjate; barattoota Oromoo beektota dhibba sadii fi shantamaa ol ta’anii fi kan yaada kana dura dhaabbatan mana barnootaa irraa ariisisuun “barattooni kun kashlabboota waan ta’aniif mana barumsaa irraa guffamuun itti xiqqaata” jechuun miidiyaa gubbaa bahe saba Oromoo heddu gaddisiisuu fi diina ammoo gammachisuun isaa oromoota biiratti tasa waan dagatamuu miti.  Dhumni nama kanaas akkam akka ta’ee hundii keessan ni yaadattu jedhee amana. Kunis kan mul’isuu:
  1. Mootummaan abbaa irree woyyaane Oromoota qe’ee isaanii irraa buqqisiisuu fi qabeenya isaanii saamuun, suuta suutan abba biyyummaa irraa mulquun imaammata godhatee socho’uu irratti akka xiyyeeffate
  2. Imaammata isaanii kanas galmaan gahuuf akka meeshaa guddaatti kan itti fayyadamaa jiranis hangawoota OPDOtiin akka ta’e
  3. Sabboontota ilmaan Oromoo OPDO keessa jiranii fi kan kaayyoo diinaa kana dura dhaabbatan yeroo barbaachisaa ta’eetti angoo irraa moolquun akka taphaan ala taasiisan
  4. OPDOn akka dhaabatti bilisa akka hin taanee fi miseensotni isaanis caasaa diriiree jiru keessatti mirga akka hin qabaannee fi waan hangoonni woyyaane gubbaa irra dabarsan qofa akka hojii irra oolchan haalli yeroo amma kana deemaa jiru caalatti hubachiise jira.
Hoogganonni motummaa abbaa irree woyyaane maqaa misooma babal’iifna  jeedhuun qootee bulaa oromoo naannoo Finfiinnee jiraatan lafa isaa irraa buuqqiisuuf itti roorisaa fi itti dhaadachaa jiiran. Kanaafiis haasaan Abbaay Tsehayye tibbana taasise ragaa guddaa dha. Namni kuun master plan kana jiruurra olchuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’ee akka dhaabni isaani fuudhatu dhaadatee jiira. Dhaadannoon isaa hawaasa Oromoo keessatti dheekkamsa guddaa kaasuun isaa karaa midiyaalee adda addaatin labsamaati jira.
Nuti miseensotni waldaa dargaggoo naannoo Arizoonaa jirrus haala kanaan daran kan mufannee fi tuffatamuun saba keenyaa gadda guddaa nu keessatti uumamuun isaa ibsachuu barbaanna. Kanaaf jecha ilmaan Oromoo diinaaf meeshaa ta’uudhaan sirna kana tajaajiilaa jiraniif waamiicha qabsoo dhiheesuu barbaanna.
  1. Mootummmaan wayyaanee keessa taa’ani karaa nagaa jijjiirama fiduun tasa waan hin danda’amne ta’uu huubattanni meeshaa diinni isin hidhachisee jiru akka diinatti garagalchitani sochii diddaa gabrummaa barattoonni qeerroo biyya keessatti deemsisaa jiran itti dabalamuun akka qabsoo isaanii tumsitan waamicha obbolummaa isiniif dhiyeessina.
  2. Master plaaniin kun abbaa biyyummaa Oromoon finfiinnee fi nannoo ishee irratti qabu kan dhabamsiisu ta’uu hubattani diddaa bifa qindaawaan akka adeemsiftan waamiicha siniif dhiyeessina.
  3. Namtichii Abbaay Tsehaayyee jedhamu kun tuffii uummata keenyaaf qabuu ifatti baasuun isaa sirrii akka hin taanee fi uummata Oromoo ataattamaan dhiifama akka gaafatu taasisuu irratti akka gamtaan dalagdan waamicha keenya siniif dhiyeessina.
  4. Falmiin barattoonni Oromoo itti jiran Oromiyaa bilisa taatee ijaaruun akka xumuramu hubatanni barattoota Oromoo gaaffii haqaa gaafatan hidhuun, barnoota irraa ari’uu fi ajjeesuu irraa ataattamaan akka of fageessiitan waamicha obbolummaa isiniif dabarsina.
  5. Yeroon kun isiniif heddu murteessaa ta’uu hubattanii harka keessan dhiiga ilmaan Oromootiin xuraayee jiru qulqulleessuuf qabsoo uummata keessanii akka dabalamtan waamiicha obbolummaa isiniif dabarsina.
  • Injifannoon Uummata Oromoof!!

No comments:

Post a Comment