Tuesday 24 February 2015

Konyaan ABO Victoria, Australia Haala yeroo irratti marii gaggeeffate, Murannoo fi Ibsa ejjennoo dabarse;

Guraandhala 24, 2015
aust1Miseensonni ABO Konyaa Victoria guyyaa 22/2/15 walghii hatattamaa godhateen, haala yeroo ammaa mpayera Ethiopia keessatti sirni gita bittuu Wayyaanee/TPLF Ummata Oromoo irratti gaggeessaa jiru, aala qabsoo bilisummaa oromoo ABOn durfamu fi haala bobbaa diinaa biyya alaa ilaalchisee marii bal’aa eega aggeeffatee booda murannoo fi ibsa ejjennoo dabarfachuun milkiin xumurate.
J/Gaashuu Lammeessaa miseensa GS fi Birkii Beeksisii fi Odeessii biyya alaa ABO irratti argamanii ibsa bal’aa kan kennan yeroo ta’u mariin kun itti fufinsa marii sabboontonni Oromoo hangi tokko hawaasa Oromoo lbourne, Australia keessaa Guraandhala 20, 2015 walitti dhufuun dhimmoota bobbaa diinaa biyyoota alaa fi dalagaa abdii kutannaa mootummaa Wayyaanee biyya keessatti yeroo ammaa Oromoo dhabamsiisuuf alagaa jirtu irratti marii’achuuf walitti dhufuun marii gadhatanii ta’uu dura ta’aan konyaa ABO Victoria J/ Abdataa Homaa ibsaniiruu.
Wayyaaneen waggoota 23n darban kana cunqursaa, dhiibbaa, hidhaa, biyyaa ariisaa fi ajjeechaa Oromoo fi saboota cunqurfamoo Impaayerattii keessaa irratti raawwataa turera. Saamicha dinagdeef jecha bulchitoonni biyyatti duraan turan misooma biyyaa ykn “maaqinat” jechaa turan jijjiirun har’a Wayyaaneen maqaa “Investment” jedhuun uummata afaan faajjessaa qabeenya uumamaa saamaa baate hanqatee har’a ammoo lafa dhaloota isaanii irraa buqqisuun hundee jireenya eenyummaa fi egeree borii dhabamsiisaa akka jirtu J/Gaashuun ibsaniiruu. Wayyaaneen qabsoo uummatni cunqarfamoo ta’an mirga isaanii gonfachuuf gaggeessaa turan fi itti jiran dogoggorsuun dinagdee kaleessa saamaa turteen of ijaartee qabsoo sabaa bifa jijjiiruu yaaluun ni muldhata. Shira Wayyaanee har’aa keessaa Oromoon hara’a qabsoo falmaa abbaa biyyummaa irraa gara falmaa of jiraachisuuttii akka ta’e tokkootti fakkeessuu fi qabsoo dureessaa fi hiyyeessaa gidduutti akka deebi’u gochuu, amaloota duraan hin turre walitti bu’iinsa sabaa fi sab-lammoota biyyattii sanaa keessatti bu’uuressuun uummata kaleessa ollummaa gaarii qabaachaa ture waldhabsiisaa fi walitti diinomsaa akka jirtutu muldhata jedhaniiru.
aus2Itti fufuun garboomfataan yeroo baduu jala ga’u tarkaanfiilee abdii kutannaa uummatuma bulcha jiru irratti fudhachuu eegala. Kun ammoo amalootuma warreen garbaamfattotni raawwatan waan ta’eef uummanni Oromoo isa yeroo kamii irrayyuu caalaa humna dinagdee, beekumsaa, waraanaa fi siyaasaa isaa bifa hundaan qindeeffatee qabsoo hidhannoo finiinsuutu roorroo halagaa jalaa nu baasuu danda’a jedhaniiru.
Miseensonni ABO Konyaa Victoria, Australia dhimmoota ciccimoo bifa gaaffii fi deebiidhaan marii gurguddaa eega gaggeeffatanii booda akka miseensa jaarmaayaa dhaabaa tokkootti hojiilee fuula duratti nu eeggatuu fi sochii diinaa qabatamaan yeroo ammaa uummata keenya irratti raawwachaa jiruu fi raawwachuuf akka haaraatti akeekkatee ka’e dura dhaabbachuu bira darbee xumura itti godhamuu danda’u, fedhummaa uummata keenyaa bakkaan ga’uuf gaaffilee uummanni keenya kaasaa jiru dhaggeeffatee dhaabni keenya ABO hojiitti hiiku, uummanni keenyas hawwii qofaan qabsoo duuba taa’ee dhaaba irraa bu’aa eeguu irraa gara hirmaannaatti akka as ba’u fi teenyee “diinni kana nu godhee” irraa gara tarkaanfii fi daandii injifannootti ceesisu irratti akka hojjennu kan jedhu jala muranii hoggantoota dhaabaa ABOf dhaammataniiru.
Xumura marii kanaa irrattis hanga gaaffiin uummata Oromoo fi cunqurfamoo deebii argatuutti mariin jalqabame bifa adda addaan kan itti fufuu fi sochii diinaa farrummaa sabootaa ta’e kanatti xumura itti gochuun rakkinootaa fi hanqinoota qabsoo keenya sakaalanii yoona ga’an fi furmaata akeekuuf kan itti fufu ta’uu jala muruun murannoo fi ibsa ejjennoo armaan gadii dabarsaniiru.
Murannoo fi Ibsa Ejjennoo ABO Konyaa victoria, Australia:
  1. Qabsoo ABOn geggeefamu akka galii gahuuf waan dandeenyu undaan cina dhaabbachuuf hirbuu keenya ni haaressina.
  2. Qajeelfama dhaaba keenyaa hojiitti hiikuuf kutannoon hojjenna!
  3. Qabsoon hidhannoo jabaatee weerartuu Wayyaanee dhabamsiisuuf WBO ni tumsina!
  4. Filnnoo kijibaa wayyaanee addunyaatti ni saaxilla!uummanni Oromoos filannoon afaan faajja’uu dhiisee qabsoo isaa jabeessuun galii isaa rukutuu qaba!
  5. Bobbaa diinaa ergamtoota wayyaanee dura ni dhaabbanna!
  6. Hawaasi Oromoo biyya ambaa jiraatu gowwoomsaa misoomaa wayyaaneef gurra kennuu dhiisee qabsoo abbaa biyyummaa isaa akka jabeessu dhaamsa dhaamna!
  7. Lafa akaakilee fi abaabilee keenyarraa qote bulaan Oromoo akka hin buqqaane ni akeekkachiifna!
  8. OPDOn Wayyaanee jalaa baatee gara qabsoo sabaatti makamuun yeroon isaa amma tahuu dhaamnaaf!
  9. Ummanni Oromoo bara baraan diina komachuu irra dadhabina isaa irraa baree qabsoo gita isaaf malu akka godhu dhaammanna!
  10. Tokkummaa akeekaa fi kaayyoo irratti wal tumsuun biyya isaa qawween sarbame qawween deeffachuuf uummanni Oromoo falmaa akka godhu ni dhaamna!
  11. Dhaadannoo aangawota Wayyaaneen haamilee bu’uu dhiisnee meeshaa aadaa qabnu cufa diinatti garagalchuun qawwee diina irraa hiikkannee seenaa Oromoo yeroon itti haaramsinu amma tahu ni hubachiifna.
  12. Uummanni Oromoo biyya alaa jiraatu afaan faajjii diinaa hordofuun qabsoo isaa deggeruu dhiisee manatti galee ta’ee, yeroon inni qabsoo isaa cina dhaabbachuun itti fufinsaan WBO humneessee isa dhumaatiif diina dhabamsiisuun bilisummaa hawwinu geenyu amma jenna. Kanaafuu Oromummaa badii irraa baraaruuf harka wal qabannee haa kaanu jechaa waamicha Oromummaa isinii dabarsina.

Injifannoo Uuummata Oromoof !
Konya ABO Victoria, Australia

No comments:

Post a Comment