Wednesday 15 April 2015

Seenaa Ad Ayyaluu Ittisaa (1968-2015)

ayyalu-ittisaa(Oromedia, 14 Ebla 2015) Aadde Ayyaluu Itisaa Abbaa ishee Obbo Ittisaa Deebisaa Jiraataa fi Harmee ishee Aadde Jaal’ee Lataa Toleeraa irraa bara 1968 GC haala amma waamamuun Godina shawaa lixaa Aanaa Calliyaa Ganda Qotee Bulaa Tulluu Kosorruu jedhamu keessatti dhalatte.
Akkuma umuriin ishee barnootaaf gaheen mana barumsaa sadarkaa 1ffaa M/Tulluu maraa, Sadarkaa jidduu galaa magaalaa Geedoo M/Caacaa, sadarkaa olaanaa Amboo fi magaalaa Finfinnee Mana barumsaa Kokoba tsabaa jedhamutti xumurte.
Akkasumas bara 1991 yeroo mootummaan dargii kufe irraa eegalee, miseensa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ta’uun socha’aa kan turte yoo ta’u, haaluma kanaan bara chaarteraa waraan ABO muraasa Shaambal Yohaannis Moosisaan fi Obbo Sanyii Bakkasheen hoogganamu fi jiddugala Oromiyaa socho’aa kan tureef garee mahaandisummaan dirqamarra otoo jirtuu haxxee diinni hidheen shaambal Yohaannis Moosisaa yoo ajjeefamu, Qabsooftuu Ayyaluu Ittisaa qabamuun gara mana hidhaa karchallee Magaalaa Ambootti geeffamtee qaruuraa caccabaan rifeensa mataa irraa haaduun dararama hamaa irraan ga’an. Akka kanaan, artistii beekamtuu fi jaalatamtuu Ilfinash Qannoofaa waliin karchallee Amboo keessatti dararama argaa turan.
Erga hidhaa irraa hiikamtees sodaa tokko malee, gara magaalaa finfinneetti deebi’uun dhoksaan hojii qabsoo itti fufte. Haaluma kanaan Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti miseensa guutuu ta’uun koree adda addaa keessatti sadarkaa adda addaa irratti itti gaafatammummaa fi miseensummaan socho’aa turte.
11136688_436287523197152_6468596247557867621_nHaala jireenyaa mo’achuuf waajjira mootummaa Oromiyaa waajjira qabeenya uumamaa yeroosana jedhamee beekamu keessatti qacaramtee hojii yoo eegaltes shakkii miseensummaa ABOn dararaa yeroo dheeraa booda waajjira kamiyyuu akka hojjechuu hin dandeenye karaa mootummaa gita bittuu wayyaaneen akkeekkachiifamuun hojii dhaabde. Kun otoo ishee hin jilbeeffachiisiin ammas hojii qabsoo harka lafa jalaan gaggeessuu eegalte.
Aadde Ayyaluun Waldaa Machaa fi Tuulamaa keessatti kallattiin hojii aadaa fi seenaa guddisuu raawwataa turte. Haaluma kanaan otoo jirtuu, bara 2004 yeroo hooggantaatnii fi Baratootni Oromoo yuunversiitii fi gaazixeessonni Oromoo hidhaman, Aadde Ayyaluunis maatii ishee nama lama waliin gara mana hidhaa Maa’ikelaawwiitti darbamte.
Achiinis hooggantootaa WMT fi shamarreen qabsaa’ota Oromoo bebbeekamoo kan akka Aslii Oromoo, Feeruzaa Abdii, Sinqee …, Ayishaa … jedhaman faa waaliin Karchallee Finfinnee, fi Mana hidhaa Qaallittii erga turtee booda bara 2007 hidhaa waggaa sadii booda bilisaan hiikamte. Sanaa boodas yeroo adda addaatti hiriyyoonni ishee biyyaa akka baatu itti himan illee biyya abbaakoo diinaa gadhiisee hin bahu jechuun harkatti didaa turte.
Aadde Ayyaluun erga hidhaadhaa baatees doorsisaa fi sodaachisoo wayyaaneef harka otoo hin kennine socho’aa waan turteef dhuunfaanis ta’e waajjira kam iyyuu hojjechuu akka hin dandeenye wayyaanotaan waan itti murtaa’eef hanga gaafa lubbuun ishee dabartuutti gargaarsa maatiin jiraachuu turte.
Aadde Ayyaluun dubartoota qaqqaalii qabsoon Oromoo horate keessaa tokko fi mana dhaabuun bilisummaa booda amantaa jedhu kan qabduu fi hanga lubbuunshee darbe kanatti mana kan hin dhaabbanne ta’uu seenaan ishii ragaa baha.
Aadde Ayyaluun dhukkuba tasaatiin Ebla 12 bara 2015 Finfinneetti addunyaa kana irraa addaan baate; sirni awwaalcha ishii Ebla 14 bara 2015 bakka firoottanii fi jaallan ishii argamanitti qeée dhaloota ishiitti raawwate.
Aadde Ayyaluun nama hawaasa keessatti jaalatamtu turte; Waaqayyo maatii fi jaalleewwan qabsoo isheef jajjabina haa kennu.
Qabsaa’aan ni kufa; qabsoon itti fufa.

1 comment:

  1. Ad. Ayyaluun bara koontiraataa Rabbi ajajeef xummuurrattee Addunyaa keenya kanarraa godaantus kaayyon isheen jalqabde dhaloota qubeetin galma ni gahaafi. Rabbi lubbuu ishee jannata haa qananiisu!

    ReplyDelete