Friday 10 April 2015

Ibsa ejjennoo hirmaatota kora miseenssota ABO kutaa kanadaa bara 2015

ODF_Flag2013Nuti miseensonni ABO konyaalee kutaa kanadaa keessatti argaman keessaa walitti dhufnee kora miseensota ABO kutaa kanadaa bara 2015 irratti hirmaannee, marii miseensotaa fi hoganna dhaabaa waliin erga godhannee murtilee gurguddoo akka jarmiyaatti fudhannee ibsa ejjennoo armaan gadii baafannee jirra.
  1. Qabsoo moona bilisummaa oromoo cimsuudhaaf tokkummaa jarmiyaa ABO gidduutti godhamee, jarmiyaa ABO hoggana tokkoo,casaa tokkoo fi kayyoo tokkichaan sochaa’aa jiruu kana galmaan ga’umsaa isaaf akka ga’ee miseensummaa keenya carraaqaa turee, har’as dhabni keenya ABOn moona qabso bilisummaa saba oromoo cimsuuf wal hubannoo fi araara raawwatuu ni deggerra, fiixa ba’iinsa isaafis ga’ee nurraa eegamuu ni baana,
  2. Qeeroon dhaloonni haaraa abdiin ummata oromoo biyyaa keessaa diina keenya mootummaa wayyanee waliin falmaa godhaa jiru kallattii kamiinuu deggersa barbaachisuu kennuuf ni murteeffanna,hanga QBSO ABOn durfamuu galmaan ga’uutti waan dandeenyuun tumsa ni goona,
  3. Mootummaa wayyanee maqaa master plan dhaan qotee bulaa oromoo lafa irraa buqqisuun gaaffii abbaa lafummaa qofaa osoo hin taanee gaaffii eenyummaa saba oromoo waan ta’eef gochaa kana cimsinee ni balaalleffanna,
  4. Mirga dhala namummaa isaanii sarbamuun oromoota baqatummaa biyya olla jiran irratti dhibbaa motummaa xoophiiyaa fi motummaan wayyanee ga’aa jiru , keessayyuu dhiyeenya kana baqatoota oromoo biyya yeemeen jiran irran ga’uu hawaasa adunyaatti hubachiisuun birmachuu akka argattan ni taasiisfna,
  5. WBO dirree falmaa keessatti human xiqqaa fi meeshaa waraanaa ga’aa hin taanee motummaa hanga funyaanii hidhatee kokkee wal qabaa jiruu dinagdeedhaan tinnisuuf ofitti mureessun kan armaan dura godhaa turee fi jirru caalaa dachaan gumaachuuf murteeffachuu keenya ni ibsna,
  6. Hawaasa oromoo bal’aa biyyaa kana keessa jiru tumsa jarmiyaa ABO akka ta’uuf caayaa fi jarmiyaatti ijaaruun waan duraan ture irra hojii foyya’aa argamsiisuuf waadaa ni seena,
  7. Filannoo biyyooleessa empaayeera xophiyaa keessatti geggefamuu deemuu wal qabatee mootummaan wayyanee hawaasa oromoo burjaajjeessun umurii dheerafachuuf godhaa jiru ni mormina, hawaasni oromoo biyya keessa jirus gochaa kana hubatee akka tarkaanfii waloo fudhatu gochuuf ni tattafanna,
  8. Murna hiree ofii ofiin murteefachuu saba oromoo haguuguun xophiyaa gudditti ijaaruuf abjuu hin dhugoomnee qabatanii hawaasa oromoo burjaajjeessuu deeman gochaa isaanii saaxiluun ummani oromoo akka hubatuu ni taasifna, gochaa hiree oromoo fi qabsoo oromoo lamasheessun umurii motummaa wayyanee dheereessu kana guddifnee ni balaaleefanna,
  9. Hojii jarmiyaa bara darbee hojjeetamee keessatti cimna qabnuu gabbifataa hirrina mullatan ammo bifa foyya’uu danda’uun hojiilee hin ahojjetamiin hafan waliin karoora bara 2015 tti hammachuun hojii foyya’aa ta’ee fi bu’a qabeessa ta’ee argamsiisuuf ni hojjenna,
  10. Hundeedha dinagdeedhaan dhaaba keenya tumsuudhaaf projeektiilee fi madda galii adda addaa karoorsuu galmaa’n ga’uuf ga’ee Kenya ni baana, hawaasa keenya bal’inaan hirmaachisuuf waada ni seenna,
  11. Mala subqunnamtii tokkicha agartuu QBSO kan ta’ee sagalee bilisummaa oromoo (SBO) cimsuuf gummaacha nurraa eeramu ni raawwanna,
  12. kaayyoo ABO dhugumsuuf heeraa fi seera dhaabaa kabajnee kabachiisuuf  waadaa keenya ni haaromsina
Injifannoon ummata oromoof!

No comments:

Post a Comment