Wednesday 15 April 2015

Ibsa Kabaja Guyyaa Gootoota Oromoo Dhaamsa ABO-Jijjirama irraa

Oromoon guyyaa  gootoota  isaa ka  wereegamaanii  yoo  yaadatu  gootuummaa yeroon ammaa   isaa  irraa eeguuf  qophii ta’u qaba.
Baatiin Elba seenaa Adda Bilisummaa Oromoo keessatti  bara baraan kabajama. Addi Bilisummaa Oromoo guyya kana ka kabajuuf seenaa gootonni ilmaan Oromoo  jaarraa darban  hedduu irraa  jalqabaan biyya isaanii diina adda addaa irraa eeggaatuuf kafalaani yaadaata’aa ,  dhallii ammaa  ammoo  seenaa gootoota akakkilee  fi ababbilee isaa yaadataa  dirqama   yeroon  dhaloota  ammaa  irraa eeguu akka bayuuf .
Ummanni Oromo ummatoota gootuumaan addunyaa  keessatti beekamaan keessaa ummata (sabaa) tokkoo. Ummata diina itti dhufe hundaa sodaa tokko malee  lolee ufi irraa deebissu’uun  biyya isaa keessatti  uflinaa fi kabajaan  jaarraa heddu jiraate.
Ummanni Oromoo dhuma jarraa 19thtti garboomee jiraatuu didu’uun wereegama inni kafallee  irraatti hundaayyee  biyya isaa  humnaan irraa fudhaatamee  garboomee, deefattee  bilisoommuu qabaa  jedhee falmii hadhooftuu keessaa ka jiruuf . Ummanni Oromoo diina  meeshaa amaayaa hidhatee itti dulee ebboo fi gacheenna qofaan lolu’uun ufii irraa ittisaa akka turee seenaa  loloota diddaa garbummaa  Oromoota Wolloo, Macaa, Tulaamaa , Arsii fi humbanna yaadatuun ni gayaa.  Gootonni  akakkilee  fi ababbilee keennaa  ka mooyaamaan gootuumaan loluu dhabaan osoo hintaanee ol’aantumma meeshaa amaayaatiin  qofa akka ta’ee seenaan ragaadhaa.  Haa ta’uu malee guyyaa garbummaa  jalatti kufee haga  guyyaa ardhaatti   ummanni Oromoo biyya human saamaamee,    humnaan  deefatuuf qabsoo bilisummaa  godhaa jiraa.   Hagam haa fagatuulee Akka Mooyuu Ammo Shakkiin  Hinjiru.
Gootuummaan  lolannii diina ajjeesssuu qofa miti.  Yaada sirri ta’ee irratti  ijaannoo qabataanii  yaadaa sanii  dhugoomsuuf wereegamuun gootuummaa gootuummaa caaluu.  Ebla 15, bara 1985, hooggannoonni Adda Bilisummaa namiin kudhaani ka Hayyuu Dureen dhaabaa keessaa jiruu yeroo  shiftoota  Sumaaleetiiin  qabamanni akka   amaantiin isaanitiin  gargar bayaanii akka dhaabaataan yeroo gafatamaan, lakkii  nutti Oromoodhaa Islaamaa fi kirstaanaatti   addaan hinbaanuu jechu’uun tooftaa diinaa didaanii baka tokkottii wereegamuun  seenaa  dhallii Oromoo yeroo hundaa yaadataa ittiin  boonuu  galmeessaan. Oromoo  amaantiin addaa  hin baaftaan jedhaanni  bakka tokkotti  wereegamu’uun  tokkummaa sabichaa tiksaan. Yaada sirrii ta’eef (tokkummaa Oromootiif) wereegamuun gootuummaa ol’anaa.
Kanaaf, nuti hooggannoonni,  qondaallonni, miseensoonni ABO  fi ummanni Oromoo  seenaa gootoota   ilmaan Oromoo   yeroo kabajinu seena gootoota  sabaa isaanitiif wereegamaanni  yaadataa , nuti   worrii amma lubbuun jiruu ammo  gootuummaa nu irraa eegaamu karaa hundaan, gootuumma yaada sirri ta’eef wereegamuu,   tooftaa diinni  Oromoo kutaan , amaantii fi gandaan addaan qoodu affoo dhaabaatu’uun  bilisummaa ilmaan Oromoo irratti wereegamaaniif ammalee  irratti wereegamaa jiraan bakkaan gayuuf halkaanii guyyaa sochuu qabna jenna.
Addi Bilisummaa Oromoo gootuummaa  dhaloota darbee yaadaataa, gootuummaa yeroon ammaa kuni  isaan  irraa  karaan hundaan barbaadduu/ eeguu/  akka  kafalaan /bayaan/ dhaloota ammaatiif waamicha goodha.
Injifannoo Ummata Oromoof
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO Jijjiramaa)

No comments:

Post a Comment