Thursday 2 April 2015

QEERROO: Shaggar Kaabaa, Aanaa Akaakoo Keessatti Walgahiin Wayyaanee Diddaa Uummataan Feshala’e, Qellem Wallaggaa Jimmaa Horroo Irratti Ammoo Daa’immaan Walitti Qabuun Ayyaana OPDO Dirqiin Kabachiisan

Gabaasa Qeerroo – Ebla 1/2015
Gadaa.com
Mootummaan Wayyaanee wayita ammaa uummata walgayii gara garaan qabuudhaan olola siyaadaa gaggeessaa kan jiru Oromiyaa godinaa fi aanaa irratti uummataan feshala’aa jira.
Naannoolee adda addaattis uummanni walgayii irratti argamuudhaan gaaffii mirgaa kaasuudhaan ergamtoota mootummaa afaan qabachisaa jiru. Odeessa Qeerroo Shaggar Kaabaa aanaa Akaakoo irraa Ebla 1/2015 nu gaheen dhimma ayyaana OPDO fi filannoon wal qabsiisuudhaan uummata jiraattoota aanaa Akaakoo irraa walitti qabuudhaan walgayi teesisaa oole, keessattuu haala adeemsa filannoo barana gaggeeffamuun wal qabsiisee mootummaan Wayyaanee yaadoo guddaa keessa seenuun isaa uummatatti gadi bu’ee maqaa walgayiitiin uummata mudduu fi uummata sobuu irratti argamaa jira, haaluma kana fakkaatuun odeessa har’a aanaa Akaakoo irraa nu qaqqabeen tikoota isaanii fi dabballoota isaaniin uummata walgayii teesisuudhaan marii gaggeessuun uummanni gaaffi mirgaa kaasee feshelatee jira. Gaaffii uummatni kaase:
– Barattootni keenya balleessa malee mana hidhaa keessa jiran gadhiifamuu qabu, isa booda mootummaa waliin teenyee walgayii nagaa
gaggeessuu dandeenya;
– Dhimmi Master Pilanii nu ilaallata, waggaa kana darbe ijoolleen keenya maqaa kanaan rasaasaan rukutamanii du’an hedduudha, har’as
kanumaan nutty roorrifamaa jiru, dhimma kana ilaalchisee arrabsoon Abbaayi Tsaah nu arrabseef seeraan adabamuu qaba, dhimmi kunis maaliif
lammee ka’a lubbuu ijoollee keenya wagga darbe dhumataniif eessatti cinaa durbitanii?
– Maqaa inestimentiitin qonnaan bulaan lafa isaa buqqa’aa jira, obboloota keenya kanaan dura kun irratti raawwate har’a rakkina
isaanii fi maatiin isaani irra jiran argaa utuu jirru kana gochuuf mootummaan maaliif ammas nurratti karoora baasaa jiraataa? Kun maaliif
hin dhaabbatuu?
– Maqaa bulchiinsa gaariitiin miidiyaadhaan gurra nurraa cirtu rakkina uummanni irra jiru kunoo waanuma ijaan argaa jirtaniidha, rakkoo
bishaanii fi ibsaan uummanni wayita kana miidhaa guddaa keessa jira mootummaan maaliif uummata sobaa? Mootummaa nu sobu waliin akkamiin jiraanna?
– Filannoon gaggeeffamuun dura kun hunduu sirraachuu qaba, fudhatama nu birattis argachuu dandeessu hamma kana hin raawwanneetti keessatti
ijoolleen keenya mirga isaaniif jedhanii hidhaman hanga gadi dhiifamuu fi mirgi uummata Oromoo hanga kabajamutti diddaa akka itti fufan beeksisanii jiru.
Gama biraan Wallagga Qellem, Jimmaa Horroo Bitootesa 31,2015 walgayiin mootummaa uummataan feshalatee jira, Ayyaana OPDO sababeessuudhaan dirqamaan uummata walgayii waamee ture uummannis walii galteedhaan akka hin baane tahuun gama uummataan hirmaannaan walgayicha irratti dhabamnaan barattoota humnaan kutaa 1-4 jiran daa’immaan walgayii teesisuudhaan maqaa Ayyaanaa itti dhahuudhaan barattoota umuriin gadi gowomsuu yaaluunis barattootni jeequmsaan walgayiin isaanii kaleessa feshalatee jira.

No comments:

Post a Comment