Sunday 19 April 2015

Beeksisa Walgahii WWDO, Dilbata, Ebla 19, 2015.

WWDO-OYSA Logo
Waldaan Walgargaarsa Dargaggoota Oromoo (WWDOn) nannoo Washington DC, Maryland fi Virginia hojii dirqama lammummaa bahuu ka boonsaa dalagaa ture, akkasumas uummata Oromoo abbaa biyyummaa mulqamee biyyaa isaa keessatti sagaleen ukkaamameef sagalee tahee sosso’aa ture sababa adda-addaatiin gidduutti laaffisuun isaa ni beekama.
Haa ta’u malee, hojiin bu’uuraa fi ijaarsa dargaggootaa tun caalaatti jabaatee itti fufuun yeroon isaa amma waan taheef, akkaataa hojiin duraan qooda fudhannaa miseensota hundaatiin dalgamaa ture fooyya’ee itti fufuu qabu irratti mariin geggeeffamee hamlee harawaan tarkaanfii itti aanuutti ce’uuf waan karoorfameef, dhimma kana irratti mari’achuuf walgahiin miseensota maraa waamuun barbaachisaa tahuu koreen walgahii geggeeffate irratti waan murteesseef miseensoti WWDO marti Dilbata Ebla 19, 2015 guyyaa keessaa sa’a 6:00 w.b. irratti waajjira jaarmiyaa hawaasa Oromootti argamuudhaan marii geggeeffamu irratti dammaqiinsaan akka qooda fudhattan kabajaan isin gaafanna.
Bakki: Waajjira Jarmiyaa Hawaasa Oromoo
6212 3rd Street, NW
Washington, DC 20011
Bilbilli: 202-705-6585
Guyyaa: Dilbata Ebla 19, 2015 ykn Sunday April 19, 2015
Sa’aa: 6:00 w.b. irraa kaasee
Dargaggoon Oromoo Irree Oromiyaati!!
Koree Gidduu WWDO

No comments:

Post a Comment