Sunday 12 October 2014

Sadaasa 9 Ilalchisee Beeksisaa fi Ibsa Barsiisota Oromoo.

Haala Yeroo biyyattiin Keessa jirtuu fi Kasaaraa siyaasaa Mootummaa EPRDF mudatee jiru irratti Ibsa barsiisota Oromoo dhaabbilee bararnoota Olaanoo Yuunibarsiitota garaagaraa irratti maqaa walga’ii tarsiimoo Siyaasaa jechuun wayyaaneen walitti qabde irraa kenname.
1. Sirni TPLF/EPRDF bulchiinsa Dimookiraasii Warraqaan kakatuu fi sirna Federaalizimii daheeffachuun yakka raawwatuun Impaayera Itophiyaa waggoota 23 oliif bitaa jiru, ummata guddaa biyyatti keessatti argamuu uummata Oromoo irratti yakka dugugginsa sanyii rawwaachaa as gahe. Sabaaf sablamoota biyyatti tapha siyaasaan ala godhee qoddanna angoo ala taasisuun fallaa federaliizimii fi dimookiraasii dhaabbatee, mirgoota siyaasaa, namummaa, amantaa, walgahuu, ijaaramuu fi kkf ugguraa fi dhiitaa jira.
2. Jarraan amma keessa jirru biyyattii keessatti bara mirgi uummata Oromoo ugguramee dhiitamee, Oromoon balleessa malee qe’ee fi qabeenya isaa irratti gara laafina tokko malee ajjeefamaa, hidhamaa, qe’ee fi qabeenyaa isaa irra buqqa’aa jiruu dha. Bara nagaan ba’ee nagaan galuu itti dadhabe, ilmaan isaa barsiisee yeroo itti eebisifachuu hin dandeenye, bara mirgi Dimookiraasii fi namummaa caalmaatti irraa mulqame, bara Oromummaa fi Oromoo ta’uu ibsachuun yakka itti ta’ee dha.
3. Adeemsii fi tarkaanfiin abbaa irrummaa mootummaan wayyaanee/EPRDF uummata Oromoo irratti mul’isaa jiru, barattoota, dargaggoota, barsiisota fi walii galatti uummata Oromoo gara tokkotti fiduun wareegama qaalii baasee mirga isaa kabachiifachuuf mootummaa nama nyaataa kana irratti caalaatti akka fincilu taasisaa jira.
Kanuma bu’uura godhachuun barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo warraaqsa FDG karaa nagaa fi Dimookiraasii ta’een jalqaba baatii Ebla 2014 irraa eegaluun biyyatti keessatti gaggeessanii fi ittis jiran eenyummaa mootummichaa ifatti mul’isee jira. Warraaqsa karaa nagaa fi dimookiraasii uummatni mirgaa isaa kabachiifachuuf gaggeessa jiruuf karaa nagaa deebii kennuu fi mirga uummataa kabajuu irraa uummata irratti ‘loltuu Agazii’ jedhamu bobbaasuun gocha faashistummaa raawwateera. Mootummaa lubbuu ilmaan Oromoo akka malee balleessuun, dhiiga uummaticha balleessa malee dhangalaasuun, jibbinsa uummata Oromoof qabu ifatti mul’isaa jiruu dha. Roga kanaan yakki dhiifama hin qabnee fi seera Idil-Addunyaa duratti mootummaa wayyaanee/EPRDF gaafachiisuu uummata Oromoo irratti raawwatamee jira.
4. Murni sobee maqaa dimookiraasii warraaqsaa fi sirna federaalizimiin kakatu kun, caalmatti uummata Oromoo afaan, aadaa, eenyummaa fi tukkummaa isaa cabsuuf, akkasumas ummaticha qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqisuuf waggoota dheeraa itti yaaduun ‘’maqaa Master plan Finfinnee’ jedhu qindeessee as bahe. Kanaanis ummaticha irratti dachaan waanjoo garbummaa fe’uuf mootummaa fiiga jiru dha. Adeemsi kun ummatni Oromoo tokko ta’ee walcina dhabbachuun akka falmatu isa godhee jira.
5. Mootummaan abbaa irree wayyaanee fi bittoota Habashaa dabareen aangoo biyyattii irratti walfuraa turan waliin wanti adda godhu yo jiraate maqaa qofa. Angawootni EPRDF/TPLF mirga namummaa fi mirgoota dimookiraasii adda baasanii kan hin beekne, afaan qawwee qofatti amanuun kan jiraatanii dha. Maqaa walga’ii siyaasaa tarsiimoo ADWUI jedhuun barsiisota hayyoota sadarkaa Adunyaan keessa jirtu guyyuu hordofan walitti qabuun qaanii dha. Adeemsii kun mootummicha jaamaa doobbii seente godhee jira.
Yeroon kun yeroo addunyaan sirna Dimookiraasii dhugaa keessa jiraachuu wayyaaneen quba hin qabu. Mootummaan kun baroota dheeraaf maqaa dimookiraasii sobaa fi federaalizimii fakkeessan mootummoota gamtoomaniif dookumentii dhugaa qabatamaa waliin wal hin fakkaatne dhiyeessuun har’a ga’ee jira. “Karaan sobaan darban galatti nama dhiba’’ akkuma jedhamu adeemsi wayyaanee/EPRDF laaqii siyaasaa keessatti kufee akka baduuf sababa guddaa dha. Walga’iin Tarsiimoo kunis rakkoo kana keessaa kan wayyaanee baasu utuu hin ta’iin daran kufaatii isaa kan saffisiisuu dha.
6. Mootummootni abbaa irree afaan qawweetti amanan yeroo uummatni cunqursaa fi gadi qabaa isaanii dadhabee, nu hin bulchitan jedhee irratti ka’u, rakkoo fi qawwaa dadhabbii isaanii cuqqallachuuf humna waraanaan uummata doorsisu; maqaa walga’ii jedhu qindeessuun yaada uummata dura dhaabbatu; fiilmii fi taphoota bashannansiisaa qopheessuun yaada uummataa fi dargaggootaa gara dabarsuuf manneen filmii fi Araadi adda addaa akka babal’atan eeyyamu. Miindaan hojjettoota Siviliif dabalame jechuun labsii baasu. Adeemsii kun warraqsa uummataa hambisuu kan hin dandeenye oggaa ta’u, bittootni warraaqsa kana ittiin qancarsuuf garuu akka meeshaatti dhimma itti bahuuf carraaqan. Ummatni Oromoo fi lammiileen sabaaf sablamootni cunqurfamoon biyyatti adeemsa kanaan akka mirga keessan falmachuu irra duubatti hin deebine dhaamsa keenya.
7. Walumaa galatti nuti barsiisotni dhaabbilee barnoota olaanoo Yunibarsiitota garaagaraa irratti maqaa walga’ii tarsiimoo siyaasa wayyaanee EPRDF ‘n walitti qabamnee jirru; yeroo kanatti gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo bakka jirruu finiinsuun dirqama dhalootaa ba’uu qabna malee abbaa irree qawweetti amanuuf hin jilbeenfannu.
Gaaffiin uummatni Oromoo fi barattootni Oromoo gaafachaa jiran gaaffii keenya; deebii sirnaa argachuu qaba. Ummata keenyaa fi dargaaggoota Oromoo gaaffii mirgaa qofa waangaafataniif jumlaan ajjeefamaniif mootummaan itti gaafatamuu qaba. Kanneen jumlaan hidhatti guuramanii murtii haqaa dhabanii rakkachaa jiran haal duree tokko malee hiikamuu qabu. Manneen Murtii Oromiyaa keessa jiran ilmaan Oromoo fi uummata Oromoof murtii haqaa kennuu qabu. Barattootni Oromoo bal’eessaa malee barnoota irra ari’ataman gara barnoota isaaniitti deebi’uu qabu. Master Planiin Finfinnee hatattamaan haqamuu qaba.
8. Nageenyii fi mirgi keenya Yuunibarsiitii biyyatti keessatti dhiitamaa fi balaa irra bu’aa jira. Barsiisotni yuunibarsiitii biyyatti irraa lammii keenya barsiisa jirru nageenyi keenya eegamaa miti. Waraanni mooraa Yuunibarsiitii keessa buufatee jiru nageenya keenya sarbaa jira. Tajajila barbaachisu kanneen akka mana galmaa, geejjibaa fi kkf dhabuun hannaaf saaxilamnee jirra. Dabballee sirnichaa homaa hin beekneef haalli jiruu fi jireenya mijateefii beektotni lammii biyyatti qaraa jirru tuffatamnee waan jirruuf, mirga keenya, akka waliigalaatti immoo mirga uummata keenyaa kabachiisuuf yeroon warraaqsa sochii karaa nagaa gaggeeffamaa jirutti makamuun mootummaa qawwee fi irreetti amanu karaa irraa maqsinu amma.
Waan ta’eef bakka jirru hundaa adeemsa mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuun haa fashaleessinu jechuun nuti barsiisotni Oromoo ibsa gabaaba qabxii 8 of keessa qabu kana ummata Oromoo fi lammilee Cunqurfamoo biyyattif dabarsinee jirra.
Injifatnoon uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Onkoloolessaa 3/2014
=================================================

Sadaasa 9 Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa Waggaa 9ffaa, 2014

Sadaasa92014_SBO
Bara 2005 waamicha ABOn ummata bal’aa Oromoof haaromseen Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG)n guutuu Oromiyaa keessatti erga bifa ho’aan qabsiifamee haga har’aatti bifa adda addaan mootummaa gabroomfattuu wayyaanee akka guggubaa jiru eenyullee haaluu hin danda’u.
Ebla Bara 2011 warraaqsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo erga finiinuu jalqabee kaasees guutuu Oromiyaa keessatti Qeerroon Oromoo (Barattootnii fi Dargaggootni) sabboontotaa fi walii galatti ummata Oromoo bal’aan walta’uun FDG bifa adda addaan mootummaa gabroomfataa wayyaanee irratti qabsiisuun ummatni Oromoo bilisummaa kan barbaadu ta’uu ifatti mul’isaa jiran.
Addatti bara 2014 kana keessa qooda Qeerroo Bilisummaa Oromoon (Barattootaa fi Dargaggoota)n warraaqsi FDG fi Falmaan Mirga Abbaa Biyyummaa sirna gabroomfataa wayyaanee irratti qabsiifame haga har’aatti mootummicha guggubaa, QBOf injifannoo galmeessaa jira. Fincila deemaa jiru kana keessattis wareegamni qaqqaaliin kafalameera; kafalamaas jira. Dargaggootni, barattootnii fi sabboontotni Oromoo Bilisummaan Oromoo kan hin hafne ta’uu lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne wareeganii mirkaneessaa jiran. Ilmaan Oromoo qaroon, beekoo fi hubatoon, kanneen biyyaa fi ummata isaanii caalchifatan dhiiga dhangalaasanii, lafee cabsanii bilisummaa balbala Oromoon gahanii jiran. Bara baraanis seenaan QBO isaan yaadata!
Kanaaf Sadaasni 9 (November 9) Guyyaan Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bara 2014 kanaa Oromiyaa keessaa fi biyyoota alaa bakka Oromoonni itti argaman maratti kan duraarra haala o’aa fi adda ta’een ilmaan Oromoo qaalii fi muratoo kanneen lubbuu isaanii wareegan kana yaadachuu, hojii qaalii isaan dalagan faarsuun yaadatamee fi kabajamee oola. Qeerroo fi Qarree Oromoo, barattootaa fi sabboontota keenya FDG keessatti bilisummaa sabaaf jecha lubbuu isaanii aarsaa godhan haa yaadannu! Kabajaa Gootota Sabaaf Qabnu Agarsiisuun Dirqama Lammummaa Oromoo ti! Obbolootaa fi lammiiwwan keenya hidhaa gabroomfataa keessatti gidirfamaa jiranis haa yaadannu! Yaadachuu qofas osoo hin taane, karaa ittiin FDG caalaatti jabeessinu, QBO finiinsinuu fi gumaa jaallan keenyaa bilisummaan baasnu irratti ejjennoo lammummaa qabannee murtii marii keenyaa hojiitti haa jijjiirru.
Oromoon of irratti amantaa godhatee sagalee tokkoon, irree gamtoomeen yoo ol ka’ee diddaa mul’ise halkan tokkotti hidda gabroomfataa isa xaxee jiru cicciree, irree cunqursitootaa isa irra ciisee gadi isa qabe of irraa darbee bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa isaa gonfachuu akka danda’u FDGn waggaa kana keessa geggeeffamee fi ammallee geggeeffamaa jiru caalaatti nama hubachiisa.
Fincila kanaan Oromoon akkasumas ilmaan isaa dargaggootnii fi barattootni Qeerroo fi Qarreen akkasumas sabboontotni dallaa shira siyaasaa roga adda addaan diinni ijaare diiganii falmaa finiinsuun humna Oromoon qabu diinattis firattis mul’isaniiru. Bilisummaan Oromoo, walabummaan Oromiyaa lubbuun itti bahee, dhiigni itti dhangala’ee, lafeen itti caccabee kan hin hafnee fi bakka gahu ta’uu hojii fi gootummaan mul’isaniiru; mul’isaas jiran.
Kanaaf muuxannoo fi jabina akkasumas injifannoolee Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoon argaman kuufachaa, fincilaa fi diddaa caalu, qabsoo roga maraa kan bilisummaa balbala geesse ol seensisutti nu geessuuf of qopheessuun, bakkayyuutti irree tokkoomee fi gamtoomeen diina dura dhaabbachuun, akeeka jaallanii fi ilmaan Oromoo qaqqaalii lubbuu kitimaa godhanii bakkaan gahuuf mudhii hidhannee murannoon haa warraaqnu.
Ilmaan Oromoo, Sabboontotnii fi Qabsaawotni Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti wareegaman bara baraan ni yaadatamu!
Kaayyoo fi Akeeka Gootowwan Oromoo Irratti Wareegaman Bakkaan Ni Geenya!
Sadaasni 9 Guyyaan Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) Bara Baraan Ni Yaadatama!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)
Onkoloolessa 2014

No comments:

Post a Comment