Friday 24 October 2014

Haloo Daawwee, ‘Maaloo Na Dhaqqabaa,’ Jetti

osted: Onkoloolessa/October 23, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments off
HaloDawe20143
(Oromedia, 23 Onkoloolessa 2014) Kutattuu Arfan qalloo, Haadha qabsoo Oromoo kan taate Wallistuu Haloo Daawwee dhukubsattee gargaarasa lammummaa gaafachaa jirti.
Haloo Daawwee wallistuu Oromoo wayita Afaan Oromoo dubbachuun saalfii /qaanii/ ture, afaan isheetiin boontee, waltajjitti baatee eenyummaa saba Oromoo mul’suu keessatti qooda guddaa bahaa jirtuudha.
Sagalee kiloolee sanaan waltajii raasaa kan turte Haloo Daawwee, yeroo ammaa kana dukkubsattee siree irratti haftee jirti.
Ummata Oromoo jaalachuu fi kabajuun kan beekamtu Haloon, jireenya ishiis waanuma jaalattuu fi kabajju irratti akak dabarsite kanneen seena aishii quba qaban nuuf himanii jiru.
Waltajjii argamtu irratti ummata bohaarsuu fi daaímamn hamamttee mararsiifahcuu fi fakkeenya gaarii ta’un illee akka beekamtu kanneen dhiyeenyatti beekan kan ragaa bahaniidha.
Guutummaa jireenya ishee dhimma OROMOO FI OROMUMMAA irratti of kennitee hojjachaa kan jirtu Haloo Dawwee yeroo dhukkubsattee siree irratti hafte kanatti abdiin Ummata Oromoo taée jira.
Lammiin gaarii kan abdatan taúu sirboota ishii keessatti himaa kan jirtu Haloon, yeroo mara waan Oromoo fi Oromummaa guddisu irratti waan qabdu mara gumaachaa jirti.
Namooti gargaaruu feetan karaa Bilbilli ilma Haloo Daawwee: GUUTAMAA +251 937 513 560 jettanii akka qunnamtan waamichi lammummaa isiniif darbee jira.
====================
From Facebook (Seenaa Abdissa):
“…….Na gargaaraa Adaraa!
Yeroo Dargaggummaa koo
Gaafa humni koo jirtu
Gaafa Lammiin Oromoo
Afaan sheetti qaanoftu
Harargee qaxxaamuree
Jimmaaf Aggaaroon ba’ee
Shawaa keessa Imalee
Baaleef Arsii Naanna’ee
Boorana irra jiraadhee
Wallagga waliin ga’ee
Aadaa keenya Guddisuuf
yeroos waan baayyeen ta’e.
har’a aadaa keessaniin
dhugaan akka boontaniif
Afaan keessan jaallachuun
akka ittiin dubbattaniif
gaafa Dargaggummaa koo
waan hunda carraaqeeraa
yeroo koo aarsaa godhee
akka dungoo copheeraa.
har’a humni koo dhumee
dhukkubnis natti duultee
akkan hin carraaqqannef
sireetti na galchitee
dhaabbachuus hin danda’u
Jilbi kiyya Laafeeraa
Godoo jireenya koottis
Dukkanni na dhaaleeraa.
Lammii koo isin malee
abdii biraas hin qabu
nan beeka Sabni kiyya
na gargaaruu hin dadhabu.
Harka kiyya diriirsee
Gargaarsa eegaan jiraa
Osoo Lubbuun koo jirtuu
na gargaaraa adaraa!
Weellistuu Haloo Daawwee!
kanneen gargaaruu feetan Lakkoofsa mana Baankii:-
Baankii Internaashinaalii Oromiyaa Damee Magaalaa – 152154955 ykn
Baankii daldala Itoopiyaa Damee Magaalaa – 1000063900568.
Bilbiluus yoo feetan 0937513560 irratti bilbiluu dhaan karaa Ilma ishee Guutamaa argachuu ni dandeessu!
Lammiin Gaaddisa Waliiti!”

No comments:

Post a Comment