Tuesday 21 October 2014

Humni Waraanaa fi Tika Wayyaanee Wallagga, Aandaa Gaa’oo Qeebbee Keessatti Ummata Goolaa Jiraachuun Gabaafame

Gabaasa Qeerroo D.D. – Onkoloolessa 18, 2014
Godina Qellem, aanaa Gaa’oo Qeebbee uumata nagaa fi barattoota nagaa maatii irra deemee jeequu fi uumata maatii barattootaa qabanii qormaata irratti gaggeessuu hojii godhatee jira. Humni waraanaa fi tikoota wayyaanee Onkoloolessa 16, 2014 naannicha qubate addatti barattootaa fi qonnaan bultoota umuriin dardara ta’an irratti xiyyeefatnoo guddaa kennee maatii irra deemee qabee doorsisuu fi mana sakatta’uun ABO waliin hariiroo qabdan sababa jedhuun guutummaan naannichaa goolaa jira.
QeerrooKai2014
Godina kana guutummaa kan keessatti mootummaan Wayyaanee hanga gandaa fi hawwasa keessa deemee hojjetotas tahee hojjetaa kan hin tahin maqaa qorannaa fi toohannaan uummata keessa jaleewwan isaa tamsaasee jira, asuma magaalaa Dambi Doolloo keessattis shira hangana hin jedhamnetu xaxamaa jira, of jiraachisuuf hojii dhuunfaa banatanii kan hojjetan, daldala irratti kan argaman muutummaaf gibira kennaa hin jirtan jechuun saamicha gaggeessaa jira, jabinnii fi tumsi uummataas kan jabaatee fi kan isa rifachiiseedha, mare fi wal gayii mootummaan Wayyaanee waamu irratti uummanni hin argamin fesheleessuun, fedhaa fi duudhaa mootummaan Wayyaanee ofiif barbaadu uummanni yeroo kana dura dhaabbatee waan ugguruuf uummata gidduutti shira hammeenyaa xaxuu fi maqaa shororkeessaa keessatti moggaasaa jira, uummata keessatti humna mootummaadhaan mormutu jira kan jedhuttis waan shakkuuf qaama waraana federaala irraagara Godina Qeellem erguun uummata nagaa keessa lolaasaa jira. Filannoonis fuula duratti waan gaheef jecha yeroo jiru ololaan guubuudhaan uummata gowomsaa jiruudha, caasaa fi qaama uummata keessaa qabuunis yeroo ammaa kana uummata qote bultoota gandoota keessa deemuun filannoo akka filaniif jecha ololli dharaa fi uumata kan hin fayyadne hafarfamaa jira.
Qeerroo.org

No comments:

Post a Comment