Tuesday 21 October 2014

Qeerroo: Barattootni Yuuniversitii Hawaasaa Barattoota Haaraa Barana Yuuniversitii Seenan Simachuun Wal Qabsiisanii Dhaadannoo fi Sirboota Qabsoon Diddaa Mootummaa Wayyaaneef Qaban Dhageessisan

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Hawaasaa Onkoloolessa 19, 2014
Oromoon gaafa mammaaku “YAA GOWWAA SI DUUBAAN BOWWAA” Mootummaan Wayyaanee hagayya 10/2006 A.H. irraa eegalee marroo marroodhaan barattoota fibarsiisota mana baruumsa sadarkaa tokkooffaa hanga barattoota fi barsiisota dhaabbilee ol’aanotti jiraniif leenjii tarsiimoo fi imaammata siyaasa EPRDF dirqiin walitti qabee kennaafii turuun ni yaadatama. Waan ummata gowwoomsitu itti fakkaate maleeofumaa akka gowwoomaa jirtu waan hubatte hin fakkaattu.
Walgahiin Wayyaaneen dirqii fi humnaan barattoota fi baarsiistota teessisaa turte kun siyaasa ishii kasaaraa guddaa keessa buusuu irra darbee biyyattiis qarqara gaaga’ama kufaatii diinagdee irraan gahuunis waan hafuu miti. Mammaaksi mataa gubbaa irratti caqafamuuf yaalames cal jedhee miti kan kaafameef: wayyaaneen yommuu umrii aangoo ishee dheereffachuuf tooftaa fi maloota garagaraa baafattu saboota cunqurfamoon immoo tooftaa kanatti dhimma bahuun haala mijataa uummatanii narratti finciluu danda’u jedhee yaadee beekaa laata yoo hin beeku ta’e yaa gowwaa si duubaan bowwaa jedhaani. Walgahiin dirqii tun qeerroon oromoo iddoo garagaraa irraa walitti dhufuun walbaranii akka warraaqsa isaanif humna argatan carraa banteefii turte.
Dabalataanis barattoota cunqursaa saba isaanii irra gahaa turee fi jiru hin hubanneef hubannoo bal’aa laateejira. Onkoloolessa 18/2014 Qeerroon Yunivarsiitii Hawaasaa kaampasii Awaadaa waallee warraaqsa fi kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo kan ta’e ABO faarsuun lammii boonsuun diina raasaa bulan. Qeerroon yunivarsiitii Hawaasaa qophii barattoonni waggaa lammaffaa waggaa tokkoffaa isaanii yaadachuuf qopheeffatan sababeeffachuun dungoo diimaa magariisa diimaa qabsiifachuun itti naanna’anii sirbaa bulan.
Iyyoolee ABOn dhufee as oolee …
Maasaan gamaa lafa hin baatuu …
Gooba kormaa fi waallewwan warraaqsaa hedduudhan ilmaan habashootaa sodaa guddaa fi raafama hin taane keessa buusan. Wanti guddaa nama dinqu barattoonni haaraan bara kana mooratti dabalaman guutummaan guututti hirmaachuu isaaniti. Kun immoo leenjiin wayyaanee ilmaan Oromoo kaayyoo ganamaa geeddarsiisuu irra ittuu xiiqessee akka isaan mirga isaaniif falmatan taasisuu nutti mul’isa.
Wayyaaneen leenjis kennitee barattoota Oromoos Yunivarsiitota Oromiyaan ala jiranittis ramaddee ilmaan Oromootti danqaa taatee akeeka ganamaa irraa dhaabuu hin dandeessu. Kanumaan wal qabatee yuuniversitii Hawaasaa keessatti barattootni haaraa dhufanii fi kan mooraa jiraatan walitti dhufuudhaan mootummaa Wayyaanee dhaadannoo fi sirboota qabsootiin muffaa guddaa keessa akka buusan gabaasni Qeerroo mooraa Yuuniversitii Hawaasaa irraa nu gahee addeessa.
Qeerroo.org

No comments:

Post a Comment